Mootumman Federaalaa mootummmaa naannoo Tigiraay waliin hariiroo kamiyyu akka hin taasifne murtaa'e

Manni Maree Federeeshinii kora isaa idilee har'a gaggeesseen mootumman Federaalaa mootummaa naannoo Tigiraay waliin hariiroo kamiyyu akka hin taasifne murtee dabarse.

Murteen kun darbuu kan danda'eef kora atattamaa Manni Maree Federeeshinii A L I Hagayya 30, 2012 taa'een, filannoon naannoo Tigiraayitti gaggeeffamu akka hin gaggeffamneetti, akkasumas akka hin raawwatamneetti ilaalamuun kan hin mirkanoofneedha jechuun murtee dabarsee ture irratti buu'uureeffachuun.

Koreen dhaabbii Dhimmoota Heera Mootummaafi Dhimmoota Eenyummaa waan kana hordofaa tureera. Haata'u malee, naannichi murtee manni maree federeshiniichaa dabarse hojiiirra waan hin oolchiineef kora Kibxata har'aa gaggeesseen murtee kana dabarse.

Haaluma kanaan Manni Maree Federeeshinii mootummaa naannoo Tigiraay irratti murteewwan sadii dabarsuu isaa ibseera.

Inni jalqabaa, filannoo faallaa Heera mootummaa naannoon Tigiraay gaggeessuun hordofee mana maree naannichatti ijaarameefi qaama seera raawwachiisan ol-aanoo waliin mootummaan Federaalaa hariiroo kamiyyu akka hin qabaanne murteesseera.

Lammaffaan ammoo, mootummaan Federaalaa fedhii misoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa ummata Tigiraay giddu-galeessa godhachuun bulchiinsa magaalaafi gandaa dabalatee, naannicha keessatti dhaabbileen seera qabeessa ta'an qofa waliin hariiroo qabaata.

Murteen sadaffaan ammoo, hojiirra oolmaa murtee kanaa Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshiniifi koreen dhaabbii dhimmi isaan ilaallatuun hordoffii barbaachisu akka taasisan murtaa'era jechuun midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Gama biraatiin ammoo Addi Bilisa Baasaa Tigiraay (TPLF) miseensota isaa muudama siyaasaa mootummaa Federaalaatti sadarkaa gara garaa irra turan, itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisanii akka bahan guyyaa kaleessaa ajaja dabarsuun isaa ni yaadatama.

Dubbi himaan mootummaa naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raddaa gama isaatiin, barri aangoo Paarlaamaa Itoophiyaa xumurameera jechuun Wiixata darbe BBC'tti himaniiru.

"Yeroon aangoo kaabinoota mootummaa federaalaa, paarlaamaas tahe manni maree federeshinii waan xumurameef hariiroo homaa ni qabaanna jenne hin yaadnu,’’ jedhan Obbo Getaachoon.

Kanarraa kan ka'een sirna baniinsa waloo Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataafi Mana Maree Federeeshinii bara paarlaamaa 5ffaa, kan waggaa 6ffaa kaleessa gaggeeffame irratti miseensa TPLF tokko malee bakka bu'oonni naannoo Tigiraay hin argamne.

Filannoon biyyaalessaa sababa Covid-19n darbuu

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiitiif jecha osoo hngaggeeffamiin hafeera.

Kanaafuu, bakka bu'oonni naannolee manni maree lamaan keessa jiran hanga filannoon kun gaggeeffamutti akka aangoosaanii irra turan murtaa'uunsa ni yaadatama.

Kana hordofuun ture naannoon Tigiraay komishinii filannoo ofiisaa hundeeffachuun Fulbaana 9, 2020 filannoo sadarkaa naannootti addatti kan gaggeesse.

Haa ta'u malee mMootummaa Federaaala, keessattuu mana maree Federeshinii filannoon naannoon Tigiraay qofaatti gaggeeffate seeraan alaa fi akka waan hinraawwatamneetti kan lakkaa'amu ta'u ibsuun isaa ni yaadatama.