Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Caffeen naannoo Tigraay filannoo ilaalchisee heera naannichaa fooyyesse
Manni Maree Mootummaa Naannoo Tigraay walga’ii ariifachiisaa Kamisa Hagayya 06 2020 gaggeesseen heera mootummaa naannochaarratti fooyya’iinsa taasiseera.
Manni maree kun seera filannoo heera naannochaa keessa jirurratti jijjiirama taasisee, lakkoofsa teessoo mana marichaas dabaleera.
Manni marechaa heera mootummaa naannochaa keewwata 48 irratti fooyya’iinsa taasisuuni kan inni sirna filannoo duraan ture fooyyessuun lakkoofsa teessoo dabale.
Akka sirna filannoo fooyya'eetti teessoo mana marechaa keessaa harki 80 paartii sagalee caalmaa argateen kan qabamuu fi harki 20 ammoo paartilee dorgoman jidduutti hamma sagalee argatan irratti hundaa'uun kan qoodamu ta’uu manni maree kun ibseera.
Teessoo mana maree naannochaa kanaan dura 152 ture irratti haaraa 38 dabaluun, 190 akka ta’u manni marechaa murteesseera.
Teessoowwan duraan turan 152 irratti paartileen buufataalee filannoo irratti dorgoman irratti sagalee caalmaa argatan kan qabataniidha.
Teessoowwan haaraa dabalaman 38 yookiin ammoo teessoo walii gala mana marechaa keessaa harki 20 paartilee dorgommiirratti hirmaatan jidduutti qoodama.
Akkaataan itti qoodamus buufataalee filannoo gara garaatti sagalee paartileen argatan ida'amee, akkaataa baay’ina sagalee argataniin teessoon kun qoodamaafi.
Akka manni maree kun jedhutti paartileen dorgoman teessoo ramadameef argachuu kan danda'an dursanii maqaa bakka bu’aa paartiisaanii komishinii filannoof yoo kennan qofaadha.
Teessoowwan kunneen paartilee siyaasaa filannoorratti dorgoman qofaaf waan ramadamaniif namoonni dhuunfaan dorgoman kana keessaa qooda hin qaban jedha manni maree kun.
Filannoon akka biyyaatti gaggeeffamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiin yeroo hin beekamneef dheereffamus mootummaan naannoo Tigraay garuu addatti filannoo gaggeessaa jira.
Mana Maree Federeeshinii xalayaa akeekkachiisaa filannochi seeraan ala ta’uu akeeku itti barreessus Naannoon Tigraay garuu filannoon gaggeessuu jirru bu’uura heera mootummaa qaba jechuun itti cichaniiru.
Sirni filannoo manni marechaa amma raggaasise manni marechaa guutummaatti paartii tokkoon akka hin dhuunfatamnee taasisa.