Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Paartileen mormituu filannoo Naannoo Tigraay irraa hafan maal himatu?
Naannoon Tigraay qofaatti filannoo naannoo gaaggeessuuf murteessee koomishinii filannoo hundeessuun isaa ni beekama.
Filannoo naannootti gaggeefamu kanarratti paartileen afur akka hirmaatan beeksisaniiru.
Paartleen kunneen dhaaba naannicha bulchaa jiru TPLF, Saalsaay Wayyaanee, Baayitoonaa Tigraayfi Dhaabbata Bilisummaa Tigraay fa'i dha.
Haa tahu malee, yeroo dheeraaf paartii mormituu naannichaa cimaa ta'e sosso'aa kan ture Arannaa Tigraayii fi waggaa dheeraa booda alaa kan gale Paartiin Dimookiraatawaa Tigraay hirmaannaa gochaa akka hin jirre ragaan hanga yoonaa BBCn argate agarsiisa.
Arannaa Tigraay filannoo kanarratti hirmaachuuf akka hin murteessine BBCtti himeera.
Dura taa'aan Paartii Dimookiraataawaa Tigraay Dr Aragaawwii Barihee gama isaaniin filannoo naannichatti gaggeefamuuf jedhu seera-qabeessa dha jedhanii akka hin amanneefi akka hin hirmaanne dubbataniiru.
Hoggantoonni paartii filannoo naannoo kanaarratti hirmaachuuf murteessan,''dubbii goolabame irratti wal affeeraa jirra,'' komii jedhu akka qaban irra deddeebii BBC Afaan Tigriffaatti himaniiru.
Seeraafi danbii filannoo akkasumas hundeeffamuu koomishinii irratti rakkoo adeemsaa hubachuu isaaniifi komiis dhiyeessuu isaanii BBCtti himaniiru.
Dura taa'aan Paartii Dimookiraataawaa Asimbaa Doorii Asgadoom filannoo naannoo kanaarratti akka hin hirmaanneef qollifannaan nurra ga'aa jira jedhu.
Akka isaan jedhanitti marii seera filannoofi hundeeffama koomishinii filannoo irratti akka hin hirmaanne taasifamaniiru.
''TPLF paartilee barbaadu waliin filannoo adeemsisuu fedha,'' jedhu.
Paartiin Dimookiraatawaa Asiimbaa uummata Iroobiif falmuuf kan hundaa'ee yoo ta'u filannoon naannoo adeemsifamuu qaba jedheetu amana jechuun dura taa'aan dubbatu.
Paartiin isaanii filannoo naannoo kanarratti hirmaachuuf qophaa'uus himu. Haa ta'u malee, adeemsa filannoo qeequ.
Seera filannoofi qajeelfamoota kan baasuu malu koomishinii filannoo ture jedhu.
Koomishinichi dura dabarsee hundeeffamuu akka qabuufi duulli miidiyaa adeemsifamuu qaba ture haala kuni hin taaneen haqummaa fi iftoominni filannichaa shakkisiisaadha jedhu.
Gama TPLF dhaan duulli maqaa balleessii paartii isaanii irratti akka adeemsifamuu himu.
''Badhaadhina waliin hojjettu,'' akka jedhaman himu.
TPLF ala garuu paartilee biroo hunda waliin hariiroo gaarii akka qaban dubbatu.
''Bu'uurri keenyi ummata dha, waan uummata miidhu yoo argine ni mormina, kan fayyadu yoo argine immoo ni deeggarra,'' jechuun ejjennoo paartii isaanii ibsaniiru.
''Ministirri Mummee naannoo Tigraayitti filannoon yoo gaggeefame tarkaanfii ni fudhanna yoo jedhan dursee kan morme unu dha.
Kuni sirrii mitii, yoo tarkaanfiin fudhatama tahe nutis ummata waliin tahuun ni lolla jennee turre,'' jedhu.
Haa tahu malee, naannoo Tigraay keessatti haqa, dimookiraasii fi dirreen siyaasaa dhiphaa tahuu dubbatu.
Rakkoowwan kunneen filannootti otoo hin seenamiin dura hiikamuu qabu jedhu.
Dabalataanis, nagaafi tasgabbiin naannoo Tigraay keessa jiru akka itti fufuuf mootummaa naannichaa akka deeggaran himu.