Ameerikaa: Tiraamp deeggarsa maallaqaa koroonaavaayirasii to’achuuf kennamu dhaaban

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp marii dhimma maallaqa miidhaa Covid-19n qaqqabu hir’isuuf kennamu ammaaf dhaabuun filannoo booda akka itti deebi’an ibsan.

Filannoo dhufu kanas akka mo’atan tilmaamuun maallaqa kanas boodarra akka raggaasisan himan. Gabaan jimilaa Ameerikaa ergasii kufeera.

Haasaan baajataa Af-yaa’ii Naansii Peelosiifi ministira maallaqaa waliin taasifamus Adoolessa keessa itti fufa jedhaniiru.

Kaadhimamaan warra Dimookiraatii Joo Baayidan Tiraamp ‘uummata Ameerikaatti dugda laatan’ jedhan.

‘’Hin dogoggoriinaa: yoo hojii ala taasifamtan, daldalli keessan yoo cufame, manni barnootaa ijoollee keessanii cufamnaan, hawaasa keessatti namoonni hojjirraa hir’ifamu taanaan, kana kan godhu eenyuyyuu miti Tiraamp malee,’’ jedhan Baayiden.

Tiraamp ofiiyyu yaala Covid-19 argachaa kan jiran yoo tahu, ‘’Af-yaa’ii Naansii Peloosii ishee maraatuufi demokiraatoti biroo maallaqa sababii Covid-19’n hojjettootaaf kennamutti taphachaa jiru,’’ jedhan.

‘’Isaan waa’een yakkaa isaan hin yaaddessu. Hojjettoota gargaaruuf fedhii hin qaban. Kana boodas waan godhan miti,’’ jedhan.

Hogganaan Seeneetii warra Riippaabilikaanii Miich Maakneel, ’’warra demookiraatii waliin haasa’uun cimaadha, waan galmaan gahuu dandeenyu irratti xiyyeeffachuu qabna,’’ jedhan.

Seera tumtoonni gama lamaan jiran maallaqni miidhaa tamsa’ina weerarichaan qaqqabu hir’isuuf kennamu filannoon dura tahuu qaba jedhu. Tiraamp garuu faallaa kanaati fuula Tiwiitarii isaaniirratti barreessan.

Murtoon kun yeroo tamsa’inni vaayirasichaa biyyattii keessatti bal’atee jiru kanatti darbe.