Koronaavaayiras: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imaltootaaf tajaajila inshuraansii Covid-19 kennuu jalqabe

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Onkoloolessa 01, 2020 irraa kaasee imaltootaaf tajaajila inshiraansii Covid-19 kennuu jalqabuu isaa beeksiseera.

Daandiin qilleensaa guddichi Afirikaa kun tajaajila inshiraansii kana kan dhiyeessu imaltoota idil-addunyaa hundaafidha.

Haala kanaan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imaltoota dhibee Covid-19 qaban deebisuu, baasiiwwan bakka itti adda baafamanii turaniifi wallaansa fayyaa barbaachisan hunda akka kaffalu ibsa baaseen hubachiiseera.

Inshiraansiin maqaa 'Sheebaa Konfoort' jedhu moggaafame kun imaltoonni Daandii Qilleensaa Itoophiyaan yeroo imalanitti Covid-19n yoo qabaman baasii wallaansa fayyaa isaanii hanga Yuuroo kuma dhibbaatti akka kaffalamuuf taasifama.

Kana irratti dabalataan ammoo adda baasanii tursiisuuf guyyaatti Yuroo 150 guyyoota 14f akka kaffalu odeeffannoon Daandii Qilleensichaarraa argame ni mul'isa.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa imaltoonni yaaddoo tokko malee fayyaafi nageenyi isaanii eegameefii akka imalaniif jecha tajaajila inshuraansii kana akka jalqabe beeksiseera.

Tajaajila inshiraansii idil-addunyaa kana ilaalchisuun hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Tawaldee Gabremaariyaam: "Addunyaa irratti daandiiwwan qilleensaa eegumsa nageenyaa cimaa hojiirra oolchuun adda duree ta'an keessaa tokko ta'uu keenyaaf guddaa gammadna. Inshuraansii idil-addunyaa Covid-19 kennuudhaan ofitti amanuu imaltoonni keenya qabaatan ni daballa," jechuu isaanii ibsi bahe sun ni mul'isa.

Yeroo ammaa kanatti koronaavaayirasi waliin walqabatee imaltoonni yaaddoo keessa jiru.

Sababa kanaaf, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa jijjiiramoota barbaachisan taasisuudhaan nageenya imaltootaa eegsisuu hojii ijoo taasifachuu beeksiseera.

Inshuraansiin Sheebaa Konfoort Aksaa Paartinariifi Kampaanii Inshuraansii Awwaash waliin ta'uudhaan tajaajila kan kennuu yoo ta'u inshuraansiin kunis tikeetii imala dhaqaa galaaf guyyoota 92f , imala al takkaaf ammoo guyyoota 31f kan kennamu ta'a.

Tajaajilli inshuraansii Covid-19f Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhiyeessu kun Onkoloolessa 01, 2020 hanga Bitootessa 2021tti kan turu ta'a.