Dinagdee: Jijjiramuu nootii Birriin booda gatiin warqee maaliif dabale?

Warqee

Madda suuraa, NURPHOTO

Itoophiyaan jijjirraa nootii Birri haaraa kan ifa goote torbaan lamaan dura turte. Jijjirraa nootii Birrii kanaafis biyyattiin kan akka sababaatti dhiyeessite sochiilee seeraan alaa, malaamaltummaafi kontorobaanii to'achuuf kan jedhuudha.

Kanaanis tarkaanffiiwwan adda addaa fudhatamaa jiru. Adeemsa kana keessatis gatiin meeshaalee garaa garaa dabalaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu gatiin warqee haalaan dabalaa jiraachuu daldaltoonni ni dubbatu.

Erga yeroo dhiyootiin asitti suuquuwwan warqeen itti daldalaman kanneen magaalaa Finfinnee keessatti argaman gatiin haalaan dabaluu daldaltoonni BBC dubbise mirkaneessaniiru.

Kunis gatii bittaafi gurgurtaa irratti daballi jiraachutu himame.

Keessamaa ammoo erga Itoophiyaan jijjirraa noottii beeksiifte jalqaba baatii Fuulbaanaatii kaasee gatiin dabalaa dhufuusaatu himame.

Haaluma kanaanis Magaalaa Finfinnee Piyaasaatti warqeen abbaa karaatii 21 giraamni tokko Birrii 3,700tti hanga 4,000tti gurguramusaa daldaltoonni BBC'tti himan.

Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa gatii A L I Fuulbaana 17, 2013 kaa'een, warqee abbaa kaaraatii 21f giraamni tokko Birrii 2,012.64tti akka garguramuudha.

Gosti waree abbaa kaaraatii 24 ammoo giaamni tokkichi Birrii 2,300.16tti gurgurama jechuun ibsee ture.

Haaluma walfakkatuunis abbootiin mana gurgurtaa warqeefi hojjattoonni BBCn dubbis akka jedhaniitti, baatiiwwan muraasa darban keessatti gatiin warqee dabalaa jira.

Haata'u malee, daballi gatii erga jijjirraan nootii Birrii ifa taasifameen boodaa kan ol ka'e ta'uu dubbatu.

''Torban lamaan darban keessatti qofa warqee giraama tokko irratti gatiin hanga birrii 500 dabaleera,'' jechuun dubartiin suuqii mana warqee tokko keessa hojjattuufi maqaan ishee akka eeramu hin barbaannee tokko ni dubbatti.

Dargaggoonni qubeellaa, lootii gurraafi abilii mormaa bituufi gurguruun jiraatu tokko gama isaatiin, daballii gatiin gurgurtaa qofa irratti osoo hin taanee bittaa irrattis mullachuu hima.

"Baatii tokkoon dura warqee abbaa kaaratii 21 fakkeenyaaf giraama tokkoo Birri 1,000n baayyee dabale yoo jedhame ammoo Birrii 1,500n namoota irraa bitaan ture,'' jechuun dubbata.

Haata'u malee, Jimaata darbe garuu warqee giraama tokko Birrii 2,500 bituu isaa himeera.

Gatiin warqee dabaluuf sabiibii ta'uu danda'a jedhamuun wantoota kaafaman keessaa inni duraa, namoonni warqee bitachuuf gara manneen warqeen itti gurguraman deeman dhiheenya kana keessa haalaan dabalaa jiraachusaati jedhan dargaggoonni kun.

Sababii jijjirraa noottii taasifameetiin walqabtee namoonni Birrii kuusanii kaa'anii turan gara meeshaa gatii baasuutti geedaruuf kan barbaadan jiraachuu akka hin ollee tilmaamaa namni kun.

''Jijjirraan noottii osoo hin eegamniin kan akka tasaatti raawwatame waan ta'eef, miira naasuu kan uumeefi namootatti bitaa akka galu taasiseera,'' kan jedhan ammoo oggeessa dinagdee kan ta'an Abdulmanaan Mahaammadidha.

Haala kanaanis walqabatee namoonni maallaqni harkasaaniirratti argamu qabeenyaa nageenyummaansaanii mirkanaa'an irra oolchuuf barbaaduun isaanii gatii daldala warqee irratti mullate akka fakkeenyaatti kaasuun ibsu.

''Haalli kunis daballii gatii kanaaf sababii ta'uu danda'a,'' jedhu.

''Birrii qabeenyaawwan dhaabbataa kan akka konkolaataafi manaa, akkasumas warqee fa'i irra oolchuun dhimma akka filannootti fudhatamu waan ta'eef barbaadamummaan isaanii dabaluun kanuma eegamu,'' jechuun BBC'tti himan Abdulmanaan.

Maallaqa karaa seeraan alaatiin argame dhoksuuf warqee irra kaa'uun karaa salphaadhas jedhan.

''Kanaafuu daballii gatii warqee kan uume jijjiraa noottii ta'usaatiif shakkii omaa hin qabu,'' jechuun amantaasaa ibsa.

Bara darbes, baatii Caamsaa keessa Baankii Biyyaaleessaa Itoophiyaa Warqee dolaara miiliyoona 63 ol baasuu gabaaf dhiyyeessuu isaa ibsuun ni yaadatama.

Bulchaa baankichaa Dr. Yinaagar Dassee baayyinni warqee jedhamu kunis olaanaa ta'usaafi haalli dhiyeessitii warqee wallakkaa waggaaf gadi bu'aa ture kan geeddare ta'ulleen dubbatanii ture.

Yeroo hundaa gatii warqee Baakniin Biyyaaleessaa ittiin bituufi daldaltootaaf ittiin dhiyeessu jidduu garaagarummaan jiraachusaa kan himan oggeessi dinagdee kun, garaagarummaan kunis sababii manneen faayaa hojiiwwan dizaayinaaf olchan, kennitoota tajaajilaafi bu'aaf jechuu maallaqa dabalamuun kan umamu ta'uu himu.

Garaa garummaa gatii bittaafi gurgurtaa jidduu jiruus hamma warqee biyya alaatti ergamurratti dhiibbaa olaanaa qabaataa ture kan jedhan Abdulmanaan, haala kana hubannoo keessa galchuunis baatii Adooleessaa keessa Baankiin Biyyaaleessa sirreeffama gatii taasisee ture jedhaniiru.