Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haqa: Falmii mana murtii hojjettuun manaa dureessa ishee hojjechiifatu itti jilbeeffachiifte
Itoophiyaattis ta'e bakka birootti kan barame tokko jira. Yeroo baayee meeshaan mana keessaa yoo badu dursa kan shakkamu hojjettuu manaati.
Biyya Singaappoorittis dureessi meeshaan jalaa bade tokko hojjettuu mana isaatti qacarateen, situ hate, situ na saame jechuun hanga poolisii itti waamsisuutti gahe.
Isaan booda dubbichi mana murtii gahee adeemsi murtichaas miidiyaafi qalbii ummataa hedduu hawwachuun dhimma seena qabeessa ta'uu danda'eera.
Haati seenaa kun Paaritii Liyaanii jedhamti. Hojjettuu mana namaa biyya Indoneeshiyaarraa jireenya foyyeeffachuuf jecha gara Singaapoor deemtedha.
Mana maatii dureeyyii Singaappoor tokko keessa hojjetti. Ji'a ji'aan miindaa Dolaara 600 (Birroo kuma 23) isheef kaffalama ture.
Namichi Paaritiin hojjettuu manaa godhatee qacarate kun biyya Singaappoor keessatti abbaa qabeenyaa jira jedhameefi baayyee dureessa ta'e beekamaadha. Namichi kun kampaaniiwwan hedduu kan hudeesse, abbaa qabeenyaafi hoji-gaggeessaadha.
Dubartiin mana dureessichaa hojjettu kun borsaawwan harkaa gati-jabeeyyii ta'aniifi meeshaa elektirooniksii viidiyoo taphachiisan hatteetta jedhamuun kan himatamte yoo ta'u, bu'aa ba'ii dheeraafi adeemsa mana murtii obsa nama fixachiisu waggootaaf ture booda ji'a kana keessa bilisa baate.
"Dhuma irratti bilisa ta'uu koo gammadeera," jechuunis karaa warra afaan hiikaniifii rippoorterootatti himteetti.
"Waggoota afuriif wallaansoo qabaan ture," jette Paaritiin. Haata'u malee, adeemsi murtichaa gaaffilee haqaa hedduu kaaseera.
Namoonni sadarkaa jireenyaa gara garaa irra jiran adeemsa haqaa Singaappoor keessatti walqixa akka hin ilaalamne kan mul'isedha jedhameera.
Keessattuu dubartiin mana namaa hojjettu kun nagaa taatee osoo jirtuu waggaa afur haqa dhabdee turuun ishee sirni haqaa biyyattii hanga akka fokkisaa ta'e agarsiiseera jechuun qeeqameera.
Paaritii Liyaaniin kan mana dureessa kanaatti qacaramte bara 2007 keessa ture. Namichi hojjettuu manaa kana qacarate ammoo Liiyeewu Muun Liyoong jedhama.
Namichi kun miseensota maatii isaa hedduu waliin mana tokko keessa jiraatu. Ilmi dureessichaa Kaarl jedhamus maatii waliin manuma sana keessa jiraata ture.
Gaheen hojii Paaritii miseensota maatii kana hunda kunuunsuu, isaaniif nyaata bilcheessuu, uffata miicuu, kosii haruu, qulqulleessuufi hojii mana keessaa biroo ture.
Bara 2016 ilmi duuressichaa, Kaarl Liiyeewu haadha warraa isaafi ijoollee isaa waliin mana abbaa isaatii bahee mana biraa keessa jiraachuu jalqabe.
Ilmi dureessichaa mana biraa keessa jiraachuu erga jalqabees gahee hojiishee irraa eegamu ta'uu baatus mana isaafi waajjira isaa akka qulqulleessituuf irra deddebiin ishee gaafachaa akka ture ragaan mana murtiitti dhiyaate ni ibsa.
Haalli kun ammoo seera hojjetaafi hojjechiisaa biyyattii kan cabsedha. Isheenis komii kana irra dedeebitee dhiyeessaa turteetti. Kun ta'ee ji'oota muraasa booda maatii hojjechiisaa ishee jalaa hatteetta jedhamtee hojiirraa ishee ari'an.
Ilmi dureessichaa yeroo inni akka isheen hojiirraa ari'amte itti himetti akkas ittiin jettee turte: "Maaliif akkan ari'ame nan beeka; mana fincaanii kee hin qulqulleessu waanan jedheef."
Paaritiin akka deemtuuf sa'aatii lama qofatuu kennameef ture. Yeroo sokkoodhuuf mi'a ishee xaxata turtetti dhiisii deemi biyyatti siif erginaa waan jedhaniif guyyuma sana biyyashee Indoneeshiyaatti deebite.
Erga Paaritiin deemtee qodaa isheen xaxatte yeroo ilaalan meeshaan kan ishee hin ta'iiniif 'hatte' jedhame arganii poolisiitti gabaasan.
Paaritiin garuu waan ta'e kana quba hin qabdu. Torban shaniin booda hojii biraa barbachaaf gara Singaappooritti deebite. Akkuma deebiteen garuu to'annoo poolisii jala oolfamte.
Adeemsi murtiis waan irra harkifateef hojjechuu waan hin dandeenyeef kaampii hojjetoota baqatanii biyya sana jiranii keessa turuudhaaf dirqamte.
Waan isheen hatteetti jedhame maal ture?
Namoonni ishee hojjechiifataa turan nu jalaa hatte jedhanii kan isaan himatan uffata 115, borsaawwan gati-jabeeyyii ta'an, meeshaa DVD taphachiisaniifi sa'aatii harkaa gati jabeessa ta'edha. Gatiin meeshaaleen isheen hatte jedhamee kun yeroo shallagamu Dolaara kuma 34 (Birrii Miliyoona 1.3) baasa jedhan.
Yeroo adeemsa murtii keessatti falmii ishee dhiyeeffattutti meeshaaleen kunneen akka isaan jedhan hatamee osoo hin taane kan gatamanii turanidha.
Meeshaaleen kaan ammoo erga isheen mana isaaniitii baateen booda ta'e jedhamee shaanxaa ishee keessa kan kaawwamedha jetti.
Haata'u malee, abbaan seeraa kutaa bulchiinsa tokkoo bara 2019 keessa yakkamtuu akka taate itti muranii kan turan yoo ta'u waggaa lamaafi ji'a lama akka hidhamtu ture. Paaritiin garuu murticha callistee hin fudhanne; ol iyyannaa itti gaafaatte.
Dhimmicha suutuma suutaan gara mana murtii ol-aanaa Singaappoor qaqqabe. Dhuma irratti ji'a Fulbaana kana keessa manni murtii ol-aanaa kun akka bilisaan gadhiifamtu murteesseef.
Abbaan seeraa mana murtii waliigalaa Chaan Seeng akka jedhanitti, himannaa warra ishee hojjechiifataa turanii sana duuba shirri ture jedhan.
Kana irrattis dabalataan poolisoota, abbootii alangaafi abbootii seeraa kutaa bulchiisaa sana keessatti dhimmicha keessatti hirmaatanitti quba qabaniiru.
Paartiin yeroo ari'amtee akka biyya galtuuf itti himamu, hojii mana ilma mootichaa osoo waliigaltee tokkollee hin qabaatiin akka hojjettuuf gaafatamte ilaalchisuun himachuuf akka barbaaddu dubbattee turte.
Akka seera biyya Singaappooritti ammoo hojii waliigalteen ala hojjechiisuun yakka nama adabsiisudha.
Kana hubachuun warri ishee hojjechiifataa turan sun durasnii shira irratti xaxuuf murteessan.
Mana ilma dureessichaa, Kaarl, keessaas akka hojjettu ishee ajajuun isaanii seera hojjetaafi hojjechiisaa biyyattiitti ni adabsiisa waan ta'eef kanaan akka isheen dursitee hin himanneef kana godhan jedhe abbaan seeraa kun.
Meeshaaleen Paritiin hatteetti jedhaman hunduu kan hojiin ala ta'aniif gataman ture jedhe.
Meeshaaleen hojiin ala ta'an funaananiin hatteeti jechuun akka ragaatti irratti dhiyeessan jedhe abbaan seera.
Abbootiin alangaa DVDn suna akka hin hojjenne osoo beekanii adeemsa murtii kennuu keessatti garuu akka ragaa ta'ee dhiyaatee ture.
Kun ta'uun ammoo adeemsa murtichaa jalliseera jechuun qeeqan abbaan seeraa Chaan.
Dabalataan ragaa abbaa alangaa ta'ee kan dhiyaate ilmi dureessichaa Kaarl, ragaaleen inni dhiyeesse abbaa seeraa Chaan biratti amanamummaan isaanii gaaffii keessa galaniiru.
Paaritiin hatteetti kanneen jedhaman uffannaan dubartootaa hedduun kan turan yoo ta'u, Kaarl kan eenyuuti jedhamee yeroo mana murtiirratti gaafatametti "isaan kan kooti" jedhe.
Adeemsa murtii sana keessatti Kaarl wantota tokko tokko yaadachuu dahbuurra darbee, gaaffii "uffannaan dubartootaa maaliif jiraatan" kan jedhuuf "akka dubartiitti uffachuu akka jaallatu" dubbatullee abbaan seeraa CHaan "amansiisaa" ta'e hin fudhatamneef.
Poolisiin ammoo mana yakki itti raawwatameera jedhame kan ilaale torban shanii booda ta'uun isaa ammoo gama abbaa seeraatiin gaaffii kaaseera.
Afaan jalqabaa Paaritiin dubbattu afaan Indoneeshiyaa ta'ullee, poolisiin adeemsa seeraa duraan ture keessatti nama afaan hiikuuf hin dhiyeessineef ture.
"Adeemsa poolisiin ittiin qorannoo gaggeesse baayyee gaddisiisaafi yaachisaa ture," jechuudhaan Yunvarsiitii Manaajimantii Singaappooritti barsiisaan Seeraa Hujin Taan BBCf ibsaniiru.
"Qbbootin seeraa kutaa bulchiisichaa dursanii murteerra gahan. Dogogorawwan poolisiis ta'e abbaan alangaa raawwatan ilaaluu hin dandeenye," jedhu.
Wallaansoo Daawwitiifi Gooliyaad
Adeemsi murtii qalbii namoota hedduu hawate kun dureesichaafi maatii isaarratti akka dheekkamsi ka'u taaiseera.
Sooressoonni hangam akka seeraan ol ta'aniifi iyyeessota bakka itti baqatan hin qabne yeroo gidirsaniifi miidhan kan isaaniif qaqqabu akka hin jirre kan agarsiisedha. Murteen ol-iyyannoo booda argame ammoo jallina kana kan saaxile ta'eera.
Paaritiin dhuma irratti murtii argattullee walumaagalatti garuu sirna haqaarratti gaaffii guddaa kaasiseera.
Warreen dubartii sana hojjechiifatan poolisiifi mana murtii himannaa sobaatiin iyyeettiirratti murtii jallinaa murteessifataniiru. Kun ammoo sirna haqaa waliigalaa biyyattiirratti dheekkamsa guddaa kaasiseera jedhame.
Gocha kana hordofuun lammileen Singaappoor kampaaniiwwan hedduu Liiyewu Muun Liiyoong hoji-gaggeessaa itti ta'e dhiisanii soorama bahaa jiru.
Murtee mana murtii waliigalaa akka kabajaniifi sirna haqaa Singaappoor irratti garuu amantaa akka hin qabaanne ibsa baasaniin beesisaniiru.
Dhimmichi dhimma Paaritiifi warra ishee hojjechiifataa turanii qofa ta'ee hin hafne. Adeemsa poolisoonniifi abbootiin alangaa ittiin qorannoo gaggeessan gama gamamuu qaba jedhameera.
Ministirri Seeraafi Dhimma Biyya Keessaa Kee Shaanmugaan adeemsa seerichaa keessatti dogoggorri akka uumame amananii wanta mootummaan yeroo itti aananitti taasisu xiyyeefannaan hordofna jedhan.
Qabeenyiifi aangoon hangam akka qindaa'anii seera akka barbaadan jallisan agarsiisuun olitti hojjetoonni mana namaa keessa biyya hormaa keessa hojjetan haqa argachuuf bu'e ba'iifi qormaata akkamii keessa akka darban kan agarsiisudha jedhameera.
Paaritiin gargaarsa dhaabbata miti-mootummaa tokkoon Singaappoor keessa turtee yakka hin raawwanne jechuun falmatteetti.
Abokaatoon ishee Aniil Baalchaandaaniin ammoo hojii abokaatummaa Dolaara kuma 150 kaffalchiisu bilisaan tajaajileera.
"Abokaatoon ishee mootummaa waliin kokkee walqabuun ture kan dhaabbatee falmaafiif ture; wallaansoo Daawwitiifi Gooliyaad taasisan fakkaata. Dhuma irratti garuu Daawwiti mo'ateera," jedhan Piroof Taan. "
Paaritiin gama isheetiin yeroo ammaa biyyasheetti deebiyuudhaaf qophiitti jirti.
"Rakkoowwan koo hunduu naaf furamaniiru waan ta'eef amma gara Indoneeshiyaattan deebiyuu barbaada, " jechuudhaan miidiyaa tokkotti dubbatteetti. "Warra na hojjechiifataa turaniifis dhiifama fodheeraaf.
Hojjetoota biroorratti akka dabalanii dabaa kana hin raawwannes himuun barbaada," jetteetti.