Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa: Doonaald Tiraamp Mana Murtii Waliigalaaf Amii Koonii Baaret filatan
Doonaald Tiraamp Amii Koonii Baaret bakka haadha seeraa Ginbargii Mana Murtii Waliigalaaf filatan.
Ibsa Waayit Haawusitti kennaniin Tiraamp, ''dubartii guddoo milkoofteefi heera biyyattiif amanamummaa guddaa qabdu'' jechuun ishee ibsaniiru.
Yoo seenatarootaan mirkanaa'e ogeettiin seeraa kun kan du'aan boqatte Ruut Baaderr Ginsbargi bakka buuti.
Filannoon ji'a Sadaasaa akkuma dhiyaachaa adeemeen seneetii keessatti filatamuu ishee irratti falmiin ka'uu akka hin hafne himamaa jira.
Dorgommii Pirezidantummaa Ameerikaan morkataa Tiraamp kan ta'an Jooyi Baayidan seeneti Ameerikaatin hanga filannoon taasifamutti muudamni akka turu gaafataniiru.
Ogeettiin seeraa ganna 48 fi pirofeeserri seeraa Indiyaanaa warra Rippaabilikaantaaf filannoo sirrii tahuu malti jedhameera.
Yoo muudamni ishee mirkanaa'e Manni Murtii Walii galaa Ameerika yeroo dheeraaf sagalee caalmaa 6-3'n namoota ilaalcha 'Conservative' qabaniin guutamee tura.
Dabalataan, yoo seenetin mirkanaa'e ogeettiin seeraa nama sadaffaa Mana Murtii Waliigalaaf Tiraampin kaadhimamte taati.
Kunis, Neeyil Gorshuuk bara 2017 fi Bireet Kavanuu bara 2018'n itti aanun jechaadha.
Mana Murtii Walii galaa keessatti abbootiin seeraa sagal takkaa muudamnaan umurii isaanii guutuu tajaajilu.
Imaammatta adda addaa kan ummataa qajeelchuu, mirga qawwee qabachuu, Ulfaa baasuutii hanga duula filannootti erga pirezidaantichi aangoo irraa bu'aniiyyuu waggoota baay'eef tajaajilu.
Yeroo dhiyoon as manni murtichaa gaa'ila saala wal fakkaataa gara isteetota 50tti babbal'iseera, dhorka imalaa Tiraampi biyyoota muraasa irratti dabarsan eeyyamaniiruuf, karoora hamma kaarbonii qilleensatti makamu xiqqeesuuf qabatan tursiisaniiru..
Amii nama amantaa Kaatolikii hordoftu yoo taatu namoota amantaan baayyee jaalatamti. Dabalataan imaammata Tiraampi godaantotaafi mirga namootni dhuunfaa qawwee qabachuu irratti qabanis cimsitee deeggarti.
Bara 2017 keessas dubartiin kun nama Tiraamp abbaa seeraa Antoonii Kenedii bakka buusuuf yaade keessaa tokkodha.
Amma filatamuu isheef falmisiisaa kan tahe tokko senaterootni warra Rippaabilikaan yeroo filannoon dhiyaate kanatti akka muudamtuuf dhiibbaa gochaa jiraachuu isaaniiti.
Bara 2016 yeroo Mr Kakoneel pirezidaanti Baarak Obaamaan Meerik Garlaaandi muuduuf jennaan jalaa kuffiisanii ture.
Kunis dhimmi muudama Abbootii seeraa bara filannoon ala tahuu qaba jechuuni ture.
Yeroo sana guyyaan filannoo guyyoota 237tu hafa ture. Amma filannoon Ameerikaa gaggeeffamuuf guyyootni 40 gadi qofa yeroo hafaniitti muudama kana dhiyeessuun falmii cimaa kaasisa jedhamee eegama.