Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraampi namoota narratti ragaa bahan jedhe aangoo irraa gaggeesse
Pirezidaanti Doonaadli Tiraampi qondaaltota ol-aanoo lama akka aangoo irraa ka'aniif irratti ragaa bahan aangoo irraa kaasan.
Gamtaa Awurooppaatti ergamaa addaa kan tahan Goordon Soondilaand '' pirezidaantiin hatatammaan akka na barbaadu natti himame,'' jedhan.
Sa'aatii muraasaan dura Koloneel Aleeksaandar Viindimaan dhimma Yuukireen irratti ogeessa ol-aanaa kan tahan masaraa mootummaa keessaa baafamaniiru.
Tiraampi erga aangoo irraa akka kaafamaniif qoratamaa turanii booda seeneetiin erga bilisa baaseen as jijjiirraa namoota gochuu akka barbaadan himaniiru.
Yuukireen waliin addatti aangoo isaa fayyadamee hariiroo uumeera jedhamuun wal qabatee pirezidaantiin Ameerikaa 45ffaan kun aangoo irraa akka kaafaman jedhamus seeneetiin Ameerikaa akka aangoo irra turan murteesseera.
Gorsaa dhimma nageenya biyyaalessaa Koloneel Viindimaan dabalatee obboleessi lakkuu isaa tahe Yeevgeny ogeessa seeraa ol-aanaa nageenya biyyaalessaa kan tahe gara waajjira humna waraanaatti akka deebi'u kaleessa murtaa'e.
Ambaassaadar Goordoon akkan biyyakoo tajaajiluuf carraa kana waan naaf kennaniif pirezidaanti Tiraampii fi Maayik Poomeyoo galateeffachuun barbaada jedhan.
Hojiin Gamtaa Awurooppaa waliin hojjechaa ture ofumaan agarsiiftuudha jedhaniiru.
Gama biraan Koloneel Vindimaan akka aangoo irraa kaafamaniif sababa kan tahe dhugaa dubbachuu isaaniiti jedhe abukaatoon isaanii.