Dhorkaa imala US: Pirezidaantiin Buhaariin seera visaa Tiraamp baasee guutuuf ni hojjanna jedhan

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammadu Buhaarii biyyi isaanii yaaddoowwan nageenyaa Ameerikaan godaantoota Naayijeeraa biyya ishee akka hin gallee dhorkuuf dirqisiise sirreessuuf akka hojjetan beeksisan.

Pireezidant Buhaariin biyyii isaanii Naayijeeriyaan, kan ardii Afriikaa keessaa baayyina uummataan jalqaba taatee Ameerikaa waliin 'walitti dhufeenya bu'aa qabeessa' akka qabaattuun barbaada jedhaniiru.

Akkasumas ulaagaalee vizaa haaraa 'qorachuun fala akka barbaadan' koree ministeeraan oggannamu tokkoos hundeesseera.

Kana malee lammilee Eeritiraa, Taanzaaniyaa, Kirgistaan fi Maayinmaar gosawwan visaa ta'eerraa dhorkamaniiru.

Haa ta'u malee lammiilee biyyoota kunniin akka turisitiitti Ameerikaa dowwachu ni danda'u.

Bara 2018'tti Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaa kan ta'an kolugaltoota kuma 8'tiif visaa kennitee jirti. Kunis dachaa baayyina biyyoota gara biraa shan walitti eda'amee kan caalu jedhameera.

Baruma wal fakkaatu sanattis lammiilee Suudaan 2,000, lammiilee Taanzaaniyaa 290 fi kan Eeirtiraa 31'f vizaan kennameera.

''Biyyoonni kunneenis bakkeewwan addaa addaatti kan gargaaran ta'u barbaadu, garuu sababiiwwan garaa garaatiin ulaagaaleen barbaachisoo nuti lafa keenyee guutuu hindandeenye,'' jechuun dubbateera Chaad Woolf, Barreessaan Nageenya Dhimma Biyya keessaa Ameerikaa.

Seerrii haaraan Ameerikaa kun Gurandhala 27 irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta'u, aanga'oota, daldaltootaa fi turisitoota irratti kan hinhojjannee ta'u waajjirri Pirezidant Buhaari ibsa baaseen hime.

"Naayijeeriyaan walitti dhufeeenyi Ameerikaa, michuushee idil addunyaa waliin qabduu ammas bu'aa qabeessa akka ta'uuf ni hojjatti. Keessattuu dhimma nageenya addunyaa irratti waliin hojjannaa'' jedhaniiru dubbi himaan pirezidaantii Femii Adesinaa.

Wolfa ammoo akka jedhaniitti, dhorkaa irra kaa'amee kana haqsiisuuf aanga'oonni biyyootaa walitti dhiheenyaan isaan waliin hojjachu qabaatu.

Pirezidaant Tiraamp yeroo jalqamaaf dhorkaa imalaa kan beeksiisan bara 2017'tti ture. Wayita ammaattis Ameerikaan biyyoota torba baayyeen isaanii Islaama kan ta'aniitti daangaa ishee cuftee jirti.

Ameerikaan kana duras bara 2017'tti lammiilee Eeirtiraatiif gosawwan vizaa muraasa irratti dhorkaa kessa turte.