Haleellaa IS itti shakkameen waraanni mootummaa Naayijeeriyaafi poolisoonni ajjeefaman

Waraanni Naayijeeriyaa akka beeksisetti kunneen kan ajjeefaman haleellaa tasaa qondaaltota Bulchiinsa Bornoo irratti banameeni.

Haleellaa kanas hidhattoota IS’tti hidhata qabaniifi Kaaba – Baha biyyatti argamanidha jedhamee shakkameera.

Miseensota waraanaa 4, poolisoota 10 akkasumas namoonni nagaa 4 gaafa Jimaataa magaalaa Mongunoo gara Baagaa osoo deemaniiti ajjeefaman.

Akka dubbii himaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naayijeeriyaa John Enenchee ibsanitti miidhaan dhaqqabe meeshaa dhuka’uufi daandiirra owwaalameeni.

Maaltu ta’e?

Akka waraanni Naayijeeriyaa ibsetti loltoonni mootummaa konkolaataa waraanaa hidhattootaa to’achuu danda’aniiru.

Dabalataan, konkolaataa poolisii lama hidhattoonni fudhatanii turan dhukaasa gaggeeffameen gadhiifamu danda’eera jedheera.

Haleellaan kuni kan raawwate yeroo qondaaltonni bulchiinsa naannoo Naayijeeriyaa Boornoofi bulchaan naannichaa dabalatee namoota jeequmsaan qe’eerraa buqqa’aan deebisuuf haala mijeessuuf yeroo deemanittidha

Bulchaan naannichaa sababa konkolaataa biraan dursanii magaalaa Baagaa waan gahaniif hin miidhamne jedhameera.

Haleellaa Boko Haaraamiifi gareen IS’ti hidhata qabu raawwateen hanga yoonaa namoonni 30,000 galaafatamaniiru.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman immoo naannoo laga Chaad kan jiraatan dabalatee qe’eerraa baqataniiru.

Haleellaan gaafa Jimaataa dhaqqabe fedhii qe’eetti deebi’u namootaa irratti shakkii uumuun isaa hin oolu jedhameera.