Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababa 'oduu Bokoo Haraamin' loltoonni Naayijeeriyaa gaazexaa marsan
Loltoonni Naayijeeriyaa waajjira olaanaa gaazexaa dhuunfaa biyyatti 'Daily Trust' jedhamu dhaquun kompitaroota jalaa fudhatan.
Hojjettoonni gaazexichaa muraasa ,magaalaa kaaba-bahaa Maayidugurii jiranis hidhamaniiru. Bakki kun lafa Bokoo Haraam bu'uura isaa godhate jedhame amanamudha.
Gaazexaan kuni akka jedhetti tarii oduu ijoo gaazexichaa gaafa Dilbataa waraanni mootummaa lafa gareen Bokoo Haraam ofiin jedhu qabate gadhiisisuuf yaadu isaa waan barreesseef ta'a.
Waraanni magaalaalee xinnoo garee fincilaa kanaaf gadlakkisuu isaa ni morma.
Waraanni sababa gaazexaa kana irratti kana godhef wanta dubbate hinqabu.
Gareen Bokoo Haraam ofiin jedhu erga bara 2009 eegale kaaba-bahaa Naayijeeriyaatti mootummaa kuffisuun bulchiinsa 'Islamic State' hundeessuuf waraanaa jira.
Filannoo Naayijeeriyaa Fulbaana taasifamuun dura tarkaanfiin garee kanaan fudhatamu cimeera.
Pirezidant Muhaammad Buhaari yeroo lammataaf pirezidantii tahuf morkataa jiran kuni bara 2015 garee kana irra aanuuf waadaa seenuun aangoo qabatan.
Waraanni mootummaa lafa gareen kuni qabate hedduu of jala oolchuus ammallee balaa cimaa geessisuu itti fufaniiru.