Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US-Iraan: Ameerikaan qoqqobbii Iraan irra keessu ifa goote
Ameetrikaan qoqqobbii Iraanirra kaa'uuf jette ifa goote. Qoqqobbiin kunis biyyootni alaa Iraanitti meeshaa waraanaa yoo gurguran adabbii diinagdee irra kaahuuf akka ta'e Pireezidant Doonaald Tiraamp ajaja dabarsaniiru.
Ameerikaan qoqobbiin irra deebiyamee Iraan irra akka kaa'amu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaafattus miseensonni Mana Maree Nageenyaa Dhaabbatichaa garuu gaafficha kuffisaniiru.
Namoota fi dhaabbilee 24 caalan kan Niiwkileera, Misaayelaafi meeshaalee waraanaa Iraan waliin qunnamtii qabu jedhaman irrattis qoqqobbin kaahameera.
Iraan gama ishee qoqqobbiin kun ''miidhaa hin qabuu'' jetti.
Iraan doorsisa US'f deebii kennuun alatti yaada US'tti waliigalaa hin jirtu. Sababa ilaalcha Tiraampiin waadaa waliigaltee bara 2015 dura galtee turte booddeetti jechuun gabbisa Yuraaniyeemi meesha Niiwikileeraaf gargaaruttis deebiteetti.
US ji'a darbe Manni Maree Nageenya Dhabbata Biyyoota Gamtoomani qoqqobbiiwwan Iraan irra kaahee ture yeroo hin murtoofneef akka dheeressu wixineen dhiyeessitee turte Manni Marichaan kufaa ta'eera.
Qoqqobbiiwwan kun walakkeessa ji'a Onkololessaatti xumuramu.
Bulchiinsi Tiraamp Iraan waliigalteewwan kabajaa hin jirtu jechuun qoqqobbichi akka itti fufu gaafatus miseensonni mana marichaa US mataan ishee waggaa lamaan kana waliigaltee san keessaa waan of baafteef yaada ishee kuffisan.
Wanti US gochuuf yaaltu maali?
Tiraamp ibsa Wiixataan ajajni haaran mallatteessan ''dandeettii Iraan meeshaalee waraanaa shororkeessitootafi gareelee hamoo naannicha jiranitti erguu ni laaffisa, humna ofii jabeessuuf bittaa meeshaa gootus ni miidha'' jedhan.
Qoqqobbiin kun namootniifi dhaabbileen daddabarsa meeshaa waraanaa Iraanii bahaniifi kan gara Iraan imalan garagaaran US keessatti qabeenya qaban ugguruu of keessaa qaba. Dabalataan namootaafi dhaabbilee leenjii teeknikaa, deeggarsa maallqaafi tajaajilaa bioo kennan yoo qabeenya US qabaatan qoqqobbii kanaan ni miidhamu jedha Mootummaan US.
Wanna Tiraamp "Iran's proliferation networks" ittiin jedhan kana keessa namootni fi dhaabbileen 27 qoqqobbii kanaan irratti xiyyeefatamuu ibsan.
Ministeerri Ittisaa Iraan, Dhaabbatni Anniisaa Atoomawaa Iraan, Gareen Indaastirii Shahid Hemmat jedhamu, Pireeidantiin Veenzuweelaa Nikoolaas Maduuroofi kanneen qoqqobbiin kuni isaanirratti raawwatamu keessaati.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa Iraan kan ta'an Majid Takht-Ravanchi, ergaa twiitara gubbaatti bareessaniin qooqbbiin kun dhiibbaa qabatamaa homaa hin qabuu jedhan. Inumaayyuu US erga yaalii hin milkaahiin UN'tti tibban gooteen duuba abdii kutannaa keessa ta'uuf agarsiiftuudha jedhan.