Qaasem Solemaanii: Humni waraanaa Iraan hangam jabaadha?

Hogganaan waraanaa olaanaa biyyatti buufata xiyyaaraa Baagdad keessatti Ameerikaatiin erga ajjeefamee booda Iraan haaloo ba'uuf kakatteetti.

Namoota ajjeecha Janaraa; Qaaseem Solemaanii booda jiraniin "haaloo ba'umsa guddaatu isin eeggata," jechuun hogganaan amantaa olaanaa Iraan dubbataniiru.

Kanaaf dandeetti waraana Iraan akkamiin beekna?

Waaranni Iraan hagam guddata?

Akka Dhaabbata qorannoo tarsiimoo idil addunyaatti, hojii humna waraanaa keessa ammatti lammileen Iraan 523,000ttti tilmaaman ni argamu.

Kanneen keessaa miseensoti waranaa biyyaa 350,000fi miseensonni Eegumsa Warraaqsaa Islaamummaa (IRGC)150,000 ni argamu.

Akkasumas looltooti addaa IRGC 20,000, gartuun bidiruu waraanaatiin naannoo qarqara galaanaa Hormuz kan to'atan jiru.

Dabalatanis IRGC'n gartuu Basij tola ooltota ta'an kan waldhabdee biyya keessa hir'isuuf hojjatan ni to'ata. Gartuun kun namoota kumaatamaan lakkaa'aman boobbaasuuf dandeettii qaba.

IRGC'n waggooti 40 dura adeemsa Islaamumma Iraan keessa jiru eeguuf kan hundaa'ee yoo ta'u amma garuu humna waraanaa, siyaasafi diinagdee mirga mataasaa qabu guddaa ta'ee jira.

Miseesotni isaa kan waraanaa biyya biyyaarra xiqqaataniis Iraan keessatti humna waraanaa aangoo olaanaa qabudha jedhamee yaadama.

Waraannishee ishee biyya alaatti sochii akkamii qaba?

Humni Qudii Janaraal Solemaniin hogganamaa ture, hojii dhooksaa IRGC biyya alaatti hojachuun kallattiin Hogganaa amantii olaanaa Iraan Ayatolah Komeeniitti gabaasa. Humni kun miseensota jajjaboo 5000 ta'an qaba jedhamee amanama.

Gartuun kun Iraaq keessatti humna waraanaa shiyaan to'atamee deeggaruun Gartuu IS injifachuu irratti gargaareera.

Haata'u malee Ameerikaan humni Qudii Baha Giddugaleesaa keessatti dhaabbilee US gartuulee shororkeessadha jedhuuf deeggarsaa maallaqaa, meeshaa waranaaafi leejii waraanaa kenneera jedha.

Kunneen sochii Hezbollaa Lebanoon fi Islaamik Jihaad Paalestaayiin of keessatti qabata.

Rakkoon dinaagdee fi qoqqobbiin adda addaa Iraan meeshaalee waraanaa hedduu akka alaa hin bitanne taasiseera.

Biyyootii naannooshee jiran waliin wal biratti yemmu ilaalamu baay'inni meeshaa waraanaa Iraan isa xiqqaadha.

Meeshaleen waraanaa Iraan bayyeen Raashiyaa irraa kaan ammoo Chaayinaa irraa galu.

Iraan misaa'eelii qabdi?

Eeyyee- Daandettiin miisaa'eeli Iraan humna waraanaashee keessatti bakka guddaa qaba.

Gabaasni Ministeera Ittisaa US humni miisaa'eelaa Iraan kan misaa'eelota fageenya gabaabaa fi gidduu galeessa of keessaa qabu kan biyyoota Baha Giddugaleessa keessaa isa guddaadha jedha.

Sagantaan misaa'eelii fageenya dheeraa Iraan waligaltee nukileera 2015 booda dhaabatte ture. Haala amma waligaltee kanarra jiruun booda garuu deebi'ee eegalun hin oolu jedhamera.

Waggaa darbee Caamsaa keessaa yeroo waldhabdeen Iraanii waliin jiru dabalaa dhufetti Ameerikaan meeshaa misaa'eeli offirra ittisu gara Baha Gidduugaleessatti ergitetti.

Iraan meeshaa waraanaa nukileera qabdi?

Iraan ammatti meeshaa waraanaa nukileeraa hin qabdu, kanaan duras nuukileeraa akka hin barbaadne dubbattetti. Nuukleera waraanaa oomishuuf garuu wantoota barbaachisaniis ta'e ogummaa isaa qabdi.

Waligalteen nukileera Iraanfi biyyooti jaha biroo walii mallateeffame, sochii nukleera Iraan irratti daangaa ka'uun qaamoolee idil adunyaa irraa to'annoo itti fideera.

Ajjeechaa Janaraal Solemani booda garuu Iraan hojiinshee homaanu akka hin daangeeffamne himteetti.

Waggooti dheeraaf qoqqobbiin irra jiraatuus Iraan diroonii omishachuu dandeesseetti.

Iraan dandeetti lola intarneetarra qabdii? (cyber-attack)

Dhaabbati nukleeraa Iraan bara 2010tti haleellaan interneetaa guddaa erga irra ga'eetii, Iraan dandeetti haleellaa intarneeta ofiidhee eegalteetti.

IRGC'n ajaja humna intatneeta ofiisaa qaba jedhamee amanama.