Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa: Jijjirama siyaasaa fiduu keessatti namni meeqa hirmaachu qaba?
Hoogganaa biyya tokko aangoorra buusuuf namoota meeqatu mormuu qaba? Kan milkaa'u mormii hookkara makateemoo qabsoo karaa nagaati?
Sochiilee addunyaarratti hindagatamne keessaa bara 1980n keessa kan ture mormii Poolaandi, qabsoo farra Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa, Warraaqsa Jaazmiin kan Motummaa Tuniziyaa kuffiseefi Warraqsa Arabaa (Arab Spring) kan eeramaniidha.
Gara warraqsa tibbanna mudateetti yoo dhufnu ammoo, Beelaaruusin arganna. Pirezidaanti Aleeksaandar Likaasheenkoon filannoo mo'adheera jechuusanii hordofee namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman mormiif bahan.
Hedduun isaniis hidhamaniiru. Kaanis dararamaaf saaxilamu dubbatu. Haa ta'u malee, mormiin ammas karaa nagaatiin itti fufeera.
Kanaafuu mormiin kun galma ni gahaa? kan jedhuu deebiisuuf seenaa ilaaluu barbaachiisa.
Mormiin hokkoraa kan akkamiiti?
Yunivarsitii Haarvardiitti qorattuu saayinsii siyaasaa, Erekaa Cheeneeweezii mormiiwwan sirnawwan abbaa irree irratti ka'an qorataniiru.
Sirna abbaa irree keessatti ummanni hoogganaa isaan aangoorraa kaasuuf filannoo gaggeessuu hindanda'u.
Wayita mormiin ka'u kamitu hookkara makateeraa, kamiitu ammoo naga qabeessaa? kan jedhu falmisiisaadha.
Yoo qabeenyi barbadaa'u mormii hokkoraatii jedhamaa? Namoonni ammoo miidhaa qaamaa wayita qaqqabsiisan, arrabsoo sanyummaa yoo arrabsan? Ofiin ofi gubuu ykn beela'uun mormii dhageessisuu malawwan mormii hokkora makatanii?
Kanneen hundaas haala ifa ta'een hookkara ykn karaa nagaatii jechuun hiikkaa kennuuf ni ulfaata. Haa ta'u malee, garaa garummaa haalawwan mormii hokkooraafi karaa nagaatiin gaggeeffaman jidduu jiran hubachuu ni dandeenya.
Fakkeenyaa, nama ajjeesuun gocha hokkoraa ta'unsaa wal nama hingaafachiisu. Hiriira nagaa gaggeessuu, waliigalanii diduu fi mormanii dhiisanii bahuu mormii nagaa jedhamu.
Qorannoon tokkos mormiiwwan nagaa 198 akka jaran agarsiisa.
Mormiin karaa nagaa bu'aa qabeessa ta'a?
Qorattuu saayinsii siyaasaa kunis ragaalee bara 1990 - 2006 walitti qabameeratti qorannoo gaggeessite jirti. Kanaanis, yaada mormiin karaa nagaatiin gaggeeffamu carraan ittiin milkaa'u danda'u bal'aadhaa jedhu irra gahaniiru.
Mormiin hokkora makate deeggarsa dhabu akka danda'u qorattoonni ni dubbatu. Mormiin karaa nagaa wayita gaggeefamuu ammoo namoonni deeggaruun itti makaman akka baayyatan himama.
Ijoolleen, namoonni miidhamtoonni qaamaa qabaniifi maanguddoonnis mormii nagaatti ni dabalamu.
Qorattuu saayinsii siyaasaa Eriikaan akka jettuutti, ummanni dhibba keessaa 3.5 ta'u yoo mormee jijiirama fiduu ni danda'a jetti.
Kan Beelaaruusiin akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, ummata biyyattii miliyoona sagal yoo ta'e, dhibbantaa 3.5 jechuun ummata kuma 300 jechuudha.
Mormii magaalaa guddittii biyyattii Miiniski keessatti gaggeeffameerattis ummanni kuma 10 ta'u bahee ture. Akka gabaasa AFP'tti ammoo namoonni mormiicharratti hirmaatan kuma 200 ta'u.
Haa ta'u malee, parsantaa 3.5 kan jedhu kunis kan biyyoota hunda keessatti hojjatu miti.
Sochiileen tokko tokkoos mormiiwwan namoota lakkoofsa muraasaatiin galma gahaniiru.' Akkasumas warraaqsi namoonni baay'een irratti hirmaatanii fashala'anis jiru. Kanaafis, sochiin Baahireen kan bara 2011 ni eerama.
Adduunya marattuu qabsoowwan hidhanno caalaa kan karaa nagaatiin gaggeeffaman irra baratamaa dhufuu qorannoon hayyuu siyaasaa kun ni agarsiisa.
Mormiiwwan bara 2010 - 2019tti gaggeeffaman yoo ilaalaman haala seenaa ilmaan namootaa keessatti mul'atanii hinbeekneen mormiiwwan naga qabeeyyii turan.
Gama biraatiin, ammoo mormiiwwan hokkora makatan 10 keessaa 9 ni fashalaa'u. Baroota darban keessa mormiiwwan naga qabeessa lama keessaa tokko ni milkaa'a ture.
Amma keessaa garuu mormiiwwan nagaa sadii keessaa kan milkaa'u tokko qofaadha.
Fonqolcha motummaa
Bara 2006 asi jiijiramoonni mul'ataa jiru. Pirezidaantiin Sudaan Omaan Al Bashir aangoorraa kaafamanii torban keessatti ammoo pirezidantiin Aljeeriyaa Abdulaziiz Butalfiikaa carraa wal fakkaataan irra gahe.
Lakkoofsi akkaataa kanaan mootummaa fonqolchu kunis hir'ataa jira.
Jaarraa midiyaa hawaasummaa keessatti argamnuun wal qabatee warraaqsi dijitaalaa yoo finiinu argaa jirra.
Odeeffannoon haala salphaa ta'een tamsa'a. Itti aanee hiriirri mormii eessatti akka gaggeeffamu baruuf baayyee hincimu.
Haata'u malee aanga'oonni attamiin waraaqsa dijitaalii kana gufachiisuun akka danda'amu ni beeku.
Erikaan akka jedhaniitti, waraaqsawwan walfakkaataa dhaabuf basaasni dijitaalaafi tarkaanfiiwwan lootee galtootaa ni fudhatama. Midiyaalee hawaasaatiin odeeffannoo sobaafi oloollii ni gaggeeffama.
Beelaaruusittis mormitoonni bilbillisaanii sakkatta'amaa jira. Malawwan akka Teleegraamii kan ergaan ittiin dabarfamurratti odeeffannoo yoo argatan ni qulqulleessu.
Kanneen garee telegraamii hundeessan hidhamaniiru. Teleegiraamiin gama isaatiin tarreen miseensootaa harka poolisootaa osoo hingaliin dura gareewwan akka badan ni taasisa.
Kanaafuu pirezidant Aleeksaandar Likaashenkoon aangoosaanii akkuma qabataniitti itti fufuu? Yookiinis mormitoonni ni milkaa'u? Walumaan kan ilaallu ta'a.