Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nato'n pirezidaantii Beelaarus waraanaan aangoo irraa buusuuf qophii qabaa?
Yaadni pirezidaantiin Beelaarus Aleeksaander Luukaasheenkoo ‘’humnootni alaa’’ daangaa biyya keenyaa irratti loltoota qindeessaa jiru jedhan fudhatama hin qabu jedhe Nato’n.
Pirezidaantichi uffata waraanaa uffachuun ibsa kennaniin humni waraanaa isaanii akka qophaa’u dhaaman.
Bu’aa filannoo torban lamaan darbee hordofuun kaleessas mormiin daandii magaalaa Miniski irratti itti fufee ooleera.
Namootni mormii gaggeessaa jiran pirezidaanti Lukaasheenkoon aangoo gadhiisuu qaba jechaa jiru.
Namni Beelarus waggoota 26’f bulche kun humni Nato’ Beelaarusiin qoodee magaalaa Miniski keessatti pirezidaantii haaraa aangootti fiduufi jedhan.
Poolaandii fi Lituuniyaa keessatti loltootni of qopheessaa jiru jechuun isaanis loltoota isaanii gara daangaa biyyattii gara Lixaatti bobbaasaa akka jiran himan.
"Isaan haala biyya keenya keessaa ho’isuun qondaaltota mootummaa aangoo irraa buusuu barbaadu kan jedhan Lukashenkoon humnootni nageenyaa isaas daangaa biyya isaanii kabachiisuuf tarkaanfii jabaa tahe fudhachuu akka qaban himan.
Nato’n himata pirezidaantichaan dhiyaatu kana hin fudhanne. Beelarus irrattis tahe biyya biraa irratti dorsifni akkasii yaadame hin jiru. Qophiin human waraanaa taasifames hin jiru. Ejjennoon keenya cimsanii ofirraa qolachuu qofadha jedhe.
Pirezidaantiin Lituuniyaa Gitaanas Nuusedaa AFPtti akka himanitti " mootummaan abbaa irree kun xiyyeeffannoo uummata Beelaarus haala kamiinuu gara kanatti jijjiiruuf jecha ibsa qabatama hin qabne waa’ee humna alaa baase’’ jedhan.
Qondaalli Poolaandi waajjjira pirezidaantii biyyichaa irraa daangaa irratti nageenya booressuuf qophoofte kan jedhu ‘’olola mootummaa abbaa irreeti,’’ kan nama dinqisiisuuf nama gadddisiisudha, Poolaandi yaaduma isaayyuu hin qabdu jedhan.
Nato’n Beelaarus mirgoota bu’uuraa dhala namaa akka kabajjuuf dhaamera. Pirezidaanti Lukaashenkoon irra deebiin Hagayya 9 filatamus bu’aan sagalee filannichi waliin dhahameera jedhamuun fincilli ka’e.
Namoota mormiif bahan keessaa namootni afur yoo ajjeefaman kaan ammo mana hidhaa keessatti akka malee akka dararamaa turan himan.