Idiyaa: ‘Koronaavaayirasiirraa bayyanadhus sababumasaatiin nan du’a jedheen sodaadha’

Inidyaa keessatti dabaluun lakkoofsa namoota Covid-19n qabamanii balaa tasaa biraa uumaa jira – rakkoo sammuu jabaa dhukkubsattoota Covid-19 irratti fidaa jira.

Raajeesh Tiwaariin ganna 42 yoo ta’an, iskiriinii bal’innisaa bilbila caaluu yoo argan haalan sodaatu. Isaanis iskiriinonni gurgurddoon kanneen akka TV fi kompiitaraa uumama gurguddoo isaan irratti miidhaa geessisuuf dhufan itti fakkaatu.

Obbo Raajeesh erga kutaa ICU yeroo dheeraaf turanii booda wareeruu (qaajja’uu) jalqabaniiru.

Jalqaba ji’a Waxabajjii keessa koronaavaayirasiin qabamanii, dhukkubichi itti cimnaan hospitaala dhuunfaatti yaalamaa turan. Guyyoota shan booda tajaajila veentileetaraa argachuu jalqaban.

Obbo Raajeesh erga hospitaala galanii torbee sadii booda vaayirasicharraa bayyanatanis takka turee garuu guutumatti akka hin bayyananne hubatan.

“Ammatti fooyyee qaba, ta’us garuu erga hospitaalaa baheen torbee muraasaaf haalli ture baay’ee ulfaataadha,” jedhan.

Maatiinsaanii gara manaatti akka galan waan fedhaniif gara manaatti deebisaniini, ta’us garuu wanti hundi gaarii akka hin taane hubatan.

Guyyaa tokko TV banameeru arganii baay’ee iyyanii cabsuuf yaalii godhanii turan.

Taatee kanaan booda miseensonni maatiisaanii kamuu isaan biratti TV hin banana, akkasumas namni kamuu kompiitara hin fayyadamu.

Obbo Raajeesh suuraalee yeroo kutaa ICU turan sanitti guyyaa guyyaa ilaalaa turaniifi sagalee maashinii iyyuu irraanfachuuf rakkachaa akka jiran dubbatu.

Obbo Amiit Sharmaafi maatii isaanillee haala wal fakkaataa keessa jiru. Obbo Amiit nama ganna 49 yoo ta’an, kutaa ICU keessatti guyyoota 18 dabarsaniiru.

Dargaggeessaafi maanguddoo, dubarti fi dhiira – namoonni gosa hundaa dhukkubsattoota Covid-19 turan isaan biratti du’aa turan.

“Guyyaa tokko dhukkubsattoonni lama du’anii reeffisaanii sa’aatii dheeraaf achuma ture,” jedhan.

“Taatee san irraanfachuu hin dandeenye. Ammallee sodaa Covid-19 na ajjeesa jedhu qaba.”

Obbo Amiit taateewwan yeroo hospitaala turan isaan mudachaa ture irraanfachuuf yaalii guddaa taasisaa jiru.

Dhukkubsattoonni Covid-19 irraa bayyanata hedduun rakkoo sammuutiif saaxilamaniiru, keessumaayyuu isaan isaan tajaajila veentileetaraarra turan yookiin guyyoota heddu hospitaalatti dabarsan jedhu hospitaala PD Hinduujaatti ogeessi xiinsammuu Dr Vaasaant Mundiraa.

Dhukkubsattoonni Covid-19 maatiisaanii waliin wal arguu hin danda’am akkasumas sababa hakiimoonnii fi narsoonni maaskii godhataniif fuulasaanii arguu hin danda’an.

Inni kun ammoo akka dhukkubsattoonni hakiimootasaanii akka hin amanne isaan godheera jedhan Dr A Fataahuddiin, Koolleejjii Fayyaa Ernaakulaam kibba Indiyaarraa.

Koronaavaayirasiirraa bayyanachuun adeemsa kophummaa akka dhukkubsattootti dhagahamu taasisudhaa jedhan Dr Muundiraan.

Rakkoon sammuu dhukkubsattoota Covid-19 waliin wal qabatu xiyyeeffannaa guddaa argataa hin jiru jechuun hakiimoonni akeekkachiisu.

Dabalataanis miidiyaalee yookiin mootummaan ibsa kennurratti xiyyeeffannaan ol’aanaa hin arganne jedhu ogeessi fayyaa sammuu Dr Soumitra Pathare – kun ammoo baay’ee akka isaan hin raajessine dubbatu.

“Wanti yeroo weerara kanaatti argaa jirru akka biyyattiin dhaabbilee fayyaa sammuurratti hojii baay’ee hin hojjanne kan mul’isuudha,” jedhan.

Indiyaa keessatti dhaabbilee fayyaa sammuurratti xiyyeeffatanii hojjatan hedduunsaanii magaaloota keessatti argamu, kun ammoo hawaasni %80-%90 ta’u carraa ogeessota fayyaa sammuu akka hin arganne yookiin xiqqaa ta’e akka argatu taasiseera jedhan Dr Soumitra Pathare - Kun ammoo yeroo weerara koronaavaayirasiitti rakkoon jiru akka bal’atu taasiseera.

Mootummaan haala kan ilaalee furmaata itti hin kennu taanaan ammoo biyyattiin “weerara fayyaa sammuu” keessaa galti jedhan.

Hospitaala Foortis kan Deelii keessatti argamutti hoggantuu damee fayyaa sammuu kan ta’an Aadde Kaamnaa Chhibeer, akka jedhanitti yeroo weerara Covid-19 kanatti lakkoofsi namoota gargaarsa gaafatanii haalan dabaleera jedhu.

Yeroo ammaa kanatti hakiimoonni tajaajjilli fayyaa sammuu dhukkubsattoota Covid-19 irraa bayyanatanii akka kennamu gaafachaa jiru.

Hospitaalonni hundinuu waan tokko godhuu qabu jedhan Dr Fataahuddiin, yookiin ammoo “namoota Covid-19 irraa akka bayyanataniif isaan gargaarree sababa cinqii yookiin PSTD isaan dhabuu dandeenya.”

Maqaan dhukkubsattootaa eenyummaasaanii eeguuf jecha jijjiirameera.