Gamtaa Abbootii Gadaa: 'Irreechi bara 2013 Fulbaana 23 fi Fulbaana 24 kabajama'

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa fi bakka bu'oonni mootummmaa akkaataa ayyaanni irreechaa bara 2013 ittiin kabajamu irratti Adaamaatti mari'atan.

ALI gaafa Fulbaana 23 Irreechi Hora Finfinnee kan kabajamu yoo ta'u, Irreechi Hora Harsadii ammoo Fulbaana 24 kabajama.

Sababa dhukkuba koronaavaayirasiitiif jecha Godinoota Oromiyaa hundarraa bakka bu'oonni muraasni akka hirmaatanii fi Irreechi baranaas lakkoofsa uummataa murtaa'een qofa kabajamuu qaba jedhan Abbootiin Gadaa.

Irreechi yookaan Irreessi iddoo tokko tokkotti Dhibaayyuu kan jedhamu yogguu tahu, Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Oromoota biyya keessaa fi biyyaan ala jiraniin baga booqaa Birraa fi Irreecha baranaa geessan jedhan.

"Oromoon ayyaana Irreechaa kana si'aayinaan eega. Akka duraanii sana qophoofnee akka barbaannetti irreeffachuuf haalli yeroo rakkisaadha.

Dhibee Koronaavaayirasii kuni jiraatus Irreechi uumamaan walqabata. Kanaafuu Irreechi hafuu hin danda'u," jedhan.

Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadii bakka Oromoon itti walargu ta'uusaatiin Ardaalee jilaa saddeettan, ardaa Walloo dabalatee uummanni akka hirmaatu tahas jedhan.

Sababa dhukkubichaatiin Oromoonni Malkaa lamaan irratti argamuu hin dandeenyes malkaa ofii qabuttii fi bakka jirutti ardaa jirutti irreeffachuu qaba jedhan.

Irreecha baranaa milkeessuufis koreewwan hundaahan yeroo yeroodhaan ibsa kennaa akka deeman Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa beeksiseera.

Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 booda magaala Finfinneetti deebiyee kabajamuunsaa, dhimmoota ijoo barri 2012 keessummeesse keessaa isa tokkodha.

Haala haawwataa ta'en kan kabajame sirna aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis hirmaataniiru.

Hora jahaan Oromoo Tuulamaa keessaa Horri Finfinnee hora isa hangafaati.