Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee filatamoo Afrikaa bara 2019: Irreecha hora Finfinnee hanga mormii Aljeeriyaa
Taateewwan gara garaa Afrikaa bara kanaa irratti suuraalee filatamoo bara 2019.
Onkololeessa magaalaa Finfinnee keessatti namni kun daabee keewwatee, Irreecha Hora Finfinnee kabajaa ture.
Ayyaanni Irreecha magaalaa Finfinnee keessati kan deebi'ee kabajame waggooti 150 booda ture.
Yeroo Ministirri Muummee Abiy badhaasa Noobeelii fudhatanii deebi'anitti namootni fardaa gulufaa simaanna magaalaa Finfinneetti ture irratti hirmaataniiru.
Misirroon saba Nubiyaan taate Hagayyaa keessa cidha ishee Naayirobitti taasifamu dura fuula ishee 'make up' dibatti.
Dhufaatiin isaani Sudaan irraa kan ta'e sabni Nuubiyaa waggooti 100 ol dura waraanaa Biritish akka tajaajilaniif gara Keenyaatti fidamani.
Hawaasi kun ammatti miseensota gara 100,000 ta'an qaba.
Fulbaana keessa miseensoti saba Zuuluu ayyaana shubbisa leemmanaa aadaa masaraa Enyokeni, Mootii Guudwiil Ziwenlitinitti kabajaniru.
Ayyaana kanaanis aadaa eegumsa maatii bara durii fayyadamuun HIV/Aids fi ulfa ijoolle ol guddattu ittiisuufi.
Kibba-lixa Naayjeeriyaatti, namootni kumaatamaan lakka'amaan, keessumaayyu miseensoti saba Yorubaa, aayyaana waggooti 600'f kabajamu kan itti ayyaana hormaataa Osun jedhamtu itti leellifamtu kabaju.
Baruma 2019 keessa ture Itoophiyaan balaa xiyyaaraa hamaan kan miidhamte.
Xiyyaarri Booying 737 Max 8 Bitootessa 10 kufee yeroo caccabetti lubbuu namoota 157 imalicharra turan hunda galaafatee maatii hedduu gaddaan madeesseera.
Jalqaba bara 2019'tti obombolleettin lama -Idayiifi Keenet- kibba Afrikaa rukutuun yoo xiqqaate namoota 900 ajjeesee namoota kumaatamaan lakkaa'aman ammoo qee'ee isaaniirra buqqa'aniiru.
Hunda caalaa Moozanbiik guddaa miidhamte.
Adoolessa Itoophiyaan jijjirama qilleensaa ittisuuf duulaa biqiltuu dhaabuu guddaa adeemsifteetti.
Akka mootummaan jedhutti ji'a sadii keessatti biqiltuun biiliyoona 3.5 ol dhaabamaniiru.
Sadaasa keessa Zimbaabween du'a hogganaa duranii biyyitti Robart Mugaabeef gaddaarra turte.
Sudaan keessatti Alaa Saalaah hiriira mormii Omaar al bashiir irratti gaggeefamaa ture irratti mallattoo warraaqsa taatee turte.
Aljeeriyaa keessattis namooti kumaatamaan lakkaa'aman pireezdaantii Abdelaziz Bootifikaa mormuun Jimaata hunda hiriira ba'aa turani.
Hiriira mormii kana jidduutti boqqonaa fudhachuun Waancaa kubbaa miillaa Afrikaa injifachuu isaaniis kabajaniiru.
Keenyaa Naayroobii keessatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa fannifamuu Yesuus Kiristoos akkataa diraamaan agarsiisuun ayyaana du'aa ka'uu kabajataniiru.
Kinshaasaa keessatti ammoo ayyaana amantaa Musliima Iid al-Fitir irratti daa'imaa yeroo salaataatti of gatee fiiguu ilaalla
Shamarran Laagoos kun ayyaana dhalachuu Kiristoos kabajachuu turani.