Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Walhimannaa hoggantoota ABO fi yaada Boordii Filannoo
Guyyaa kaleessaa, Wiixata, Koreen Hojii Raawwachiiftuu ABO waajjira muummee Gullalleerraa ibsa miidiyaaleef kenneen hayyuu duree dhaabichaa obbo Daawuud ibsaa hayyu durummaarraa ittisuu beeksiseera.
Gama kaaniin, Obbo Daawud Ibsaan dubbii himaa dhaabichaati kan jedhaniifi kana dura hojii isaanii kanaan kan hin beekamne miseensi gumii sabaa dhaabichaa Obbo Mohaammad Raggaasaa ibsa kenname mormu.
Ibsi kenname dhaabicha bakka hin bu'u jedhu Obbo Mohaammad.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa BBC'tti akka beeksisettimmoo xalayaa Haayu - duree Itti - aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaan barraa'en Obbo Daawud paartiirraa ittifamu itti beeksifamu ibseera.
Baatii Adoolessa eegalee rakkoo hoggantoota dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduu uumameen hoggantootni dhaabichaa bakka lamatti hiramuun ibsa walirratti baasaa jiru.
Xumura torban darbe ibsa gareeleen lamaan baasaniin ammallee wal himataniiru.
Ibsi bahe maali?
Ibsa gareen Obbo Araarsoo Biqilaan hogganamu baasen rakkoowwan ijoo dhaabicha keessa mudatuufi ammallee mudataa jiruf Obbo Daawud Ibsaa himateera.
Hoggansa garee dhiisuun dhuunfaan murteessaa turan kan jedhe ibsi kuni ittin bulmaata dhaabichaa cabsaniiru jechuun walgahii Hagayya 01, bara 2012 taa'en Obbo Daawud dhaabicharraa ittifamu hime.
''Ololaafi jeequmsaa dhaaba keessatti uumame ilaalchisee ... koreen hojii raawwachiiftuu haala ture rakkoo ture gamaaggamtee bakka rakkoon jiru adda baafatte. Hayyu duree gaafatamaa goote,'' jechuun ibsan.
''Sababni isaa walgahiin waligalteedhaan ta'e walhubannaadhaan ta'e waan quba qabu haale, waanuma waliin haasofne nu haale,'' jechuun Obbo Qajeelaa Mardaasaa himu.
''Dhaaba kana dhaaba dhuunfaa fakkeesse,'' kan jedhan Obbo Qajeelaan amma dhimmi isaanii Gumii Sabaatti [yaa'ii waliigalaa] murtii argatutti ittifamu himan.
Sagalee caalmaan murtaa'e?
Dubbii Himaa dhaabichaa ta'u kan himan Obbo Qajeelaan BBC'tti akka himanitti walgahiin taasifame suni murtii wayyabaan kan darbedha.
ABO'n miseensota koree hojii raawwachiiftuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeku saddeet qaba.
Saddeet keessaa lama jechuunis Obbo Abdii Raggaasaafi Obbo Mikaa'el Booran sababa garaagaraanin shakke jedhe poolisiin to'atee jira.
''Hojiirra kan jiran nama jaha, hayyu duree dabalatee. Nama jaha keessaa shan yoo walgahu 2/3 oli. Murtiin darbes immoo sagalee wayyabaan darbe,'' jechuun ibsu Obbo Qajeelaan.
Qeeqxonni garee Obbo Araarsoo himannaa mootummaatti maxxantan jedhu irratti dhiheessu, isaan garuu kana ni baleeffatu.
''Mootummaa wajjiin qunnamtii sirnaayyuu hin qabnu.... waan amma jedhamaa ture kijiba, ittin aangoorra turuu daba kanaan dura dhaaba keessa hojjetamaa ture akka hin saaxilamne gochuufi,'' jechuun deebisu.
Deebii garee Obbo Daawud
Fuulli Fesbuukii dhaabichaa garee Obbo Daawud jala akka jiru qondaalli olaanaa dhaabichaa BBC'f mirkaneessaniiru.
Ibsa gareen kuni gaafa Dilbataa fuula fesbuukii dhaabichaarratti baasen dhimma rakkoo dhaabicha keessa jiru waan dubbate hin qabu.
Obbo Daawud Dubbii himaa dhaabichaati kan jedhan Obbo Mohaammad ibsa kaleessa koreen hojii raawwachiiftuu dhaabichaa waajjira Gullalleetti kenne balaaleeffataniiru.
Kana dura Obbo Daawudiifi Obbo Araarsoon gara waajjiraa yeroo deeman humnoota nageenyaan balbalatti dhorkamu dhaabichi beeksisee ture.
Yeroosii ''kaasee waajjira sana seenuun hin danda'amu. Waajjirri suni ammayyuu cufamee humna poolisaa kan mootummaatin tikfamaa jira'' jedhu Obbo Mohaammad.
''Ibsi kuni ibsa ABO bakka bu'u miti. Ibsa ABO kenne miti,'' kan jedhan Obbo Mohaammad hoggantoonni kunneen dhorkamaniiru jechuun himu.
'Gumiin sabaa ABO haala yeroorratti kan hayyu dureen keessatti argaman walgahii gaggeeffachuudhaan,'' jechuun ''hanga koreen seeraafi to'annoo dhimma kana qoratee murtii maayyii beeksisutti ... akka hojiirraa dhaabbatan'' murteessuu himu.
Kanneen, akka dhaabbatan himaman kuni miseensota Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa guyyaa kaleessaa ibsa miidiyaaleef kennanidha.
Hoggantoonni dhorkaman jedhaman kunneen jaha yoo ta'an miseensota Gumii Shanee shaniifi miseensa Gumii Sabaa tokkodha.
''Bifa kamiinuu sochiin isaan taasisan, ibsi isaan kennan akkasumas walgahiin isaan gaggeessan dhaaba bakka bu'u akka hin dandeenye ibsamee ture,'' jechuun himu.
Haa ta'u malee, walgahiin hayyu duree irratti argamaniifi murtaa'e jedhame akkaataan itti murtaa'eefi sagalee caalmaan murtaa'u isaa ifa miti. Dhimma kana kan gaafanne Obbo Mohaammad ''dhimma keessoo dhaabaati'' jedhan.
Dabalataan, Koreen Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa hayyu - duree ugguruu hin danda'u jechuun himu.
''Shaneen Gumii ABO Hayyu durees ta'e I/Aanaa Hayyu duree ABO gaafatamarraa kaasuudhaaf ykn miseensummaa mulquudhaaf mirga hin qaban. Seerri ABO hin eeyyamu.''
Kana dura maaltu ta'e?
Baatii Adooleessaafi Hagayya Hayyu Dureen dhaabichaa 'ugguramuu' ibsuun guyyoota 10'f manaa akka hin baane taasifamu himaniiru. Dhimma kanarratti poolisiin waan dubbate hin qabu.
Bakka Hayyu Dureen hin argamnetti walgahii Koreen Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa gaggeesse ijoo dubbii ture. Ta'us, beekkamtiifi walhubannaa Hayyu dureen gaggeeffame jechuun Obbo Araarsoo Biqilaa yeroos BBC'tti himanii ture.
Ta'us, ergasii eegalee hoggantoonni ABO yeroo dheeraaf ala turaniifi waggaa lama dura biyyatti deebi'an wal himannaa garaa garaa walirratti dhiheessaa jiru.
Kana sababeeffachuun ABO'n lamatti qoodamaa jira jechuun kan gaafataman Obbo Daawud 'hin ta'u jechuun hin danda'amu' jedhanii kana dura BBC'f deebisanii ture.
Haa ta'u malee, gareen Obbo Araarsoon hogganamu qoodinsa kana dura dhaabicha keessa mudataa turef kan gaafatamu Obbo Daawudidha jechuun ibsa dheeraa xumura torban darbe baasen himuun ni yaadatama.
Yeroo ammaa waajjirra muummee dhaabichaa Gullallee jiru kan itti fayyadamaa jiru Hayyu - duree Itti - aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaadha.
Obbo Qajeelaan Obbo Daawud waan dhorkamaniif Obbo Araarsoon itti gaafatamaa dhaabaa fudhatanii socho'aa jiru jechuun tibbana miidiyaaleef ibsaniiru.
Yaada Boordii Filannoo
Xalayaa Hayyu - Duree Itti - aanaa ABO Obbo Araarsoo Biqilaan mallattaa'eefi Obbo Daawud Ibsaa hayyu durummaa irraa dhorku itti ibse Boordii Filannoo Biyyaalessaatti ergamuu Obbo Qajeelaan himaniiru.
Kana kan mirkeessan Dubbii Himtuun boordichaa Aadde Soliyaanaa Shimallis xalayichi sababa ''rakkoo naamusaan'' Obbo Daawud dhorkamuu ibsa jechuun BBC'tti himan.
Dabalataan, Koreen hojiiraawwachiiftu dhaabichaa mariin gaggeesseen Obbo Daawud dhorkuufi dhimmichas koree naamusaafi to'annoo dhaabichaatti qajeelchuu ibsuu isaa xalayaarra eerameera jedhan Aadde Soliyaanaan.
Xalaayaan kun ittiin bulmaata dhaabichaan murtee murtaahe Boordii Filannoo beeksisuu malee wanti biraan gaafate hin turres jedhan.
Hayyuu Duree dhaabichaa obbo Daawuud ibsaa irraayis xalayaan isaan qaqqabe kan jiru ta'uu garuu ammo dhimma dhorkamuu isaani kan ilaallatu osoo hin taane dhimma biraa ta'u himan.
Boordichi xalayaalee gareelee lamaan irraa dhiyaatu, ittiin bulmaata dhaaba sanii, labsii ittiin bulmaata dhaabbilee siyaasaa fi kaaniis itti fufee ni qorataa jedhaniiru.