Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barsiisaa dorgommii gaaffiif deebiin paawondii miliyoona 1 mo'ate
UK'tti barsiisaan tokko dorgommii gaaffiif deebii 'Who Wants To Be A Millionaire' (Enyu miiliyeenara ta’uu barbaada?) jedhu karaa TV darbu irratti badhaasa paawondii miiliyona 1 mo’ateera.
Namni ganna 57 Doonald Fiir qophii kanarattii paawondii miilyoona tokko mo’achuun waggaa 14 keessatti isa jalqabaati.
Barsiisaan kun dorgommii marsaa kana duraa paawondii 500,000 argamsiisu irratti obboleessa isaa injifachuun ture kan darbe.
Oboleessi isaa Daavit, qophiichaa irratti kan dhiyaate Fulbaana waggaa darbee keessa ture.
Barsiisaa seenaa fi siyaasa kan ta’e Doonaald, UK magaalaa Telford keessa kan jiraatu yoo ta’u, gaffiin dhumaa qophii TV kanaratti dhiyaateef seenaa waliin kan wal qabate ture.
“Waggaa 33’f barsiisaa taatee, guyyaa seenaalee amma tokko hin beekiin hin haftu,” jedha.
Dhiyeessa qophichaa kan ta’e Kilaarkson qophii dorgommii kanaratti beekumsa barsiisaa kanaa dinqisifachuu isaa dubbata.
“Interneetii wayyaa uffate bira akka taa’uui” jedha.
Qophii dorgommii TV waggaa 22’f ture kanaratti badhaasa pawoondii miliyoona tokko kana mo’achuun Donaald nama isa ja’affadha.
Injifannoo isaa kana booda abbaa ijoollee afur kan ta’e barsiisaan kun hadha warraa isaa waggaa 33 Debsi waliin, bashananaaf gara qarqara galaanaa Northumberland imalaniiru.
Doonald, mallaqa mo’ate kana %70 maatii isaaf hiruu akka barbaaduu fi isa hafe ammoo yeroo “sooramaa mijataa” ittiin dabarsuuf baasuu akka barbaadu hima.
Sooramani isaas amma jalqabuufi, erga maallaqa kan mo’ate booda hojii barsisummaa irraa sooramaa ba’eera.