Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan Taalibaan waliin marii nagaa 'seena-qabeessa' eegaluufi
Mariin nagaa yeroo jalqabaaf mootummaa Afgaanistaan fi garee Taalibaan jidduutti taasifamu Qaxaar keessatti Sanbata eegaluuf jedha.
Marii kanarratti argamuuf gara Dohaa kan imalan Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompewoo marichaan 'seena-qabeessa' jedhaniiru.
Mariin kun waliigaltee nageenyaa Ameerikaan Guraandhala darbe Taalibaan waliin taasifte hordofuun kan gaggeeffamudha.
Marichi yoo milkaa'e waraana waggoota afurtamaa ol lakkoofsisetti xumura gochuu danda'a jedhamee abdatama.
Jili mootummaa Afgaan Jimaata Fulbaana 11 ture gara Dohaa kan imale. Guyyaan kun waggaa 19ffaa haleellaa 9/11 namoota hedduu galaafate kan Ameerikaarratti raawwatamerra oola.
Haleellaa kana hordofuun ture bulchiinsi Taalibaan kan dhumate.
Jila Taalibaan kan dursu Abdullah Abdullah, "waliigaltee nagaa sirrii taa'ee fi kabajamu" fiduu barbaadna jedhan.
Hidhamtoonni isaanii namni jaha erga gadhi dhiifamanii booda gareen Taalibaanis marii kanarratti akka hirmaatu Kamisa beeksisee ture.
Maricharraa maaltu eegama?
Mariin kun kallattiin qaamolee lamaan jidduutti yoo mari'atamu kun kan duraati.
Hidhattoonni Taalibaan amma dura mootummaan Afgaan aangoo hin qabu, ergamtoota Ameerikaati jechuun waliin dubbachuu didaa turan.
Gareen lamaan araara siyaasaa buusuun waraana bara 1979 weerara Sooveet Yuuniyen hordofee eegaletti xumura gochuu yaadu.
Mariin kun Bitootessa keessa eegaluuf karoorfatamee ture. Haa ta'u malee hidhamtoota wal jijjiiruurratti wal diddaa tureen harkifate.
Marii kana eegaluuf waggaa tokkoo ol kan fudhate yoo ta'u, waliigalteerra gahuuf salphaa akka hin taane tilmaamama.
Namoonni hedduun adeemsa marii kanaa keessatti foyya'insi gama mirga dubartootaan argame duubatti deebi'uu mala yaaddoo jedhu qabu.
Marichi garee Taalibaaniif qormaata ta'u hin oolu. Sababni ammoo mul'a qabatamaa ta'e Afgaanistaaniif qaban akka dhiyeessan gaafatamuu malu.
Gareen amma dura mootummaa 'Islaamaa' ijaaruu fi mootummaa 'hundaa hammatu' ijaaruu yaada ifa hin qabu.
Loltoonni Taalibaan kan bara 1990moota keessa seera Shari'aa jabeessanii itiin bulchaa turan amma mariif qophaa'uun hagam akka jijjiiraman akeeka.
Bitootessa darbe Ameerikaan Taalibaan waliin waliigaltee kan mallatteessite yoo ta'u, innis Ameerikaan waraana ishee hunda akka baastu, gareen Taalibaan ammoo al-Qaayidaa dabalatee shororkeessitoonni naannoo isaan to'atan keessa akka hin sochoone gochuudha.
Taalibaan fi mootummaan Afgaan marii kana dursa hidhamtoota walii gadi dhiisuu akka haal dureetti kaa'anii turan.
Hidhamtoota Taalibaan akka gadhiifaman feedhu keessa ajajoonni waraana haleellaa lubbuu namaa galaafate keessaa harka qaban dabalata.
Mootummaan Afgaan warra nama ajjeessan hin hiiknu jedhee waan dideef marichi haga ammaa ture.
Hagayya darbe mootummaan Afgaan hidhamtoota Taalibaan 400 ta'an gadi dhiiseera.
Taalibaan eenyu?
Waggaa 19 dura wayita haleellaa 9/11 Ameerikaa irratti raawwate Taalibaan Afgaanistaan bulchaa ture.
Yeroos haleellaa sanaan kan dheekkamte Ameerikaan waraana ishee garas erguun tumsa idil addunyaatiin Taalibaan aangoorraa buufte.
Gareen aangorraa buufame Taalibaan finciltoota ta'uun loltoota Ameerikaa fi mootummaa Afgaan ergasii hundaa'e irratti haleellaa raawwachuu itti fufan.
Tumsi idil-addunyaa waraana biyyoota adda addaa irraa ijaarama hanga bara 2014 Taalibaanii fi gareelee shororkeessitootaa kaaniin lolaa ture.
Waraana kanarratti Ameerikaan loltoota 2,400 ol yoo dhabdu, UKn loltoota 450 ol itti wareegde.
Gabaasni yuunivarsitii Biraawon Sadaasa bara 2019 baase akka jedhutti lammileen nagaa 43,000 waraana kana keessatti ajjeefamaniiru.
Loltoonni mootummaa Afgaan 64,000 akkasumas loltoonni Taalibaan 42,000 ajjeefamuus hima gabaasichi.
Ameerikaan bara 2014 boodas waraana kanarraa qooda fudhachuu itti fuftellee, Taalibaan jabaachaa naannolee hundas to'annoo isaa jala halchaa dhufe.