Hundaa'uu Naannoo Sidaamaa, diigamuu ADWUI fi kanneen biroo: Taateewwan ijoo bara 2012'tti Itoophiyaatti raawwatan

MM Abiy Ahimad, Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Lammaa Magarsaafi Artist Hacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, HAKON MOSVOLD LARSEN, GETTY IMAGES

ALI bara 2012'tti Itoophiyaatti wantoonni ijoo hedduu biyyattii waltajjii miidiyaalee idil- addunyaarratti gama gaariitinis ta'e faallaan kaasan raawwataniiru.

Barri lakkoofsa Itoophiyaa bara 2013 seenuuf guyyoonni muraasni hafu sababa godhachuun dhimmoota ijoo bara 2012 raawwatan isin yaadachiisuuf gabaasa kana qindeessineera.

Dhimmoota ijoo jalqaba bara 2012 keessatti raawwatan keessaa tokko Irreecha Finfinneeti. Irreechi Finfinnee waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf kan kabajamedha.

Haala haawwataa ta'en kan kabajame sirna aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis hirmaataniiru.

Gama kaaniin, bara 2011 sababoota garaa garaan kan taasifamuu dhabe lakkoofsi ummataa bara 2012 keessa ni raawwata jedhamus yeroo sadaffaaf yeroo biraatti darbeera.

Kana dura rakkoo nageenyaan bara 2012 keessammoo sababa weerara koronaavaayirasiin osoo hin taasifamiin hafe. Ummanni Itoophiyaa yeroo xumuraaf waggaa 14 dura lakkaa'ame.

Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa hundeeffama Mana Lubummaa Oromiyaa kuffisuun lubummaan hundeessitootaa qabu kan murteessees waggaa bara 2012 keessa ture.

Balaan lolaa lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'amanirra gaaga'ama olaanaa dhaqqabsiisees ganna bara 2012 keessadha. Mootummaan sababa lolaan lammiileen miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u jechuun ibsee ture.

Dhimmoota ijoo kaan raawwatan gabaabinaan haa ilaallu.

Presentational grey line

Ajjeechaa barattoota yunivarsiitii

Yunivarsiitiiwwan barumsa eegalanii osoo hin turin ture ajjeechaan sukaneessaa dhagahamuu kan eegale.

Keessumaa yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraafi Oromiyaa jiran muraasa keessa gochi kana dura hin baratamne raawwateera.

Ajjeechaa raawwate hordofee barattoonni bakkeewwan adda addaatti mormii dhageessisuufi poolisiitti bu'aa turan.

Barattoonni kuma hedduutti tilmaaman immoo sodaa kanaan barumsa dhiisanii maatiitti galuu isaanii Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo ibseera.

Yunivarsiitiiwwanis barattoota hookkara uuman jechuun shakkan barnootarraa waggaa 1fi 2'f dhorkuu eegalee barnoottati akka hin deebinellee murteessaniiru.

Poolisiin barattoota badii kanaan shakkeerratti meeshaalee adda addaa, akkasumas qarshii guddaa argachuu ibseera.

Ajjeechaawwan garaa garaa kanaaf mootummaan dhaaba Naannoo Tigraay bulchu irra deddeebiin himatus, dhaabichi kana ni balaaleeffata.

Boodarra dhaabbileen siyaasaa rakkoon akkanaa calaqqee siyaasaati jechuun, keessumaa paartileen Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso'an akkasumas rogeeyyiin marii taasisaniiru.

Walumaa gala, taate kanaan barattoonni 10 ol haala garaa garaan lubbuu dhabaniiru.

Jawaar 'marfamuu' isaa ibsuu

Rogeessi beekamaa akkasumas yeroos daarektara olaanaa OMN kan ture Jawaar Mohaammad baatii Onkololeessaa keessa ture 'marfamuu' isaa ibsuun fuula fesbuukii isaarratti kan barreesse.

Jawaar Mahaammad

Kana hordofee deeggartoonni isaa nageenya isaaf yaadda'an mana jireenyaa isaa akkasumas magaalota Oromiyaa garaa garaatti daanditti bahuun mormii ibsaniiru.

Jawaar humnoonni nageenyaa eegdota mootummaan ramadeef 'halkan keessa humnaan' fudhachuuf akka yaalan hime. Poolisiin Federaalaa ajaja akkanaa hin kennine jechuun himannaa Jawaar balaaleeffata.

Mormiin daandiitti bahame garuu hookkaratti jijjiiramuun namoonni gareedhaan, amantiifi sabaan walitti gara galuun yoo xiqqaate namoonni 97 akka ajjeefaman poolisiin ibseera.

Ajjeechaawwan gara caalu namoonni walitti gara garuun kan raawwatanidha kan jedhe poolisiin, muraasni kan lakkoofsaan hin ibsamne harka humnoota nageenyaa jalattis ajjeefamuu ibseera.

Ajjeechaa sukaneessaa raawwateen alatti qabeenyi guddaas manca'eera. Yeroo kana manneen amantii Kiristaanaafi Islaamaarratti haleellaan xiyyeeffate mul'ateera.

Ajjeechaan yeroosi saba tokkorratti xiyyeeffate jechuun hirmannaa ka'e hordofee MM Abiy Ahimad eenyummaa saba namoota ajjeefamanii lakkaa'un amantiifi sabaan ummataaf ibsaniiru.

Rakkoo yeroos raawwaterratti garuu qaamni gaafatamees ta'e himatame hin jiru. Jawaar MM Abiy waliin dhimmicharratti akka mari'atan ibsuun ala waan ibsame hin jiru.

Taatee kana booda Jawaar Mohaammad siyaasa paartii keessa akka seenu ibsuun filannoorratti akka hirmaatu beeksise. Paartii KFO seenuun paasportii US deebisuu isaa kan ibsees kana booda ture.

Sidaamaa - Naannoo 10ffaa

Dargaggeessa miira gammachuu ibsachaa jiru

Godinni Sidaamaa Naannoo Sidaamaa ta'uun naannoo kudhanaffaa Itoophiyaa ta'un kan galmoofte bara 2012 ture.

Rifarandamii baatii Sadaasa keessatti taasifame jiraattonni godinichaa sagalee olaanaan kan deeggaran yoo ta'u gammachuu guddaanillee simatan.

Haa ta'u malee, naannichi ji'oota shan olif hin hundoofne ture.

Godinichi qabsoo waggaa dheeraa booda naannoo ta'un garuu saboota kaan naannoo Kibbaa keessa jiran gaaffii walfakkaataa akka kaasan taasiseera.

Bakkeewwan sababa kanaan wal dhibdeen dhalates ture. Hireen gaaffii naannoo godinoota kaanii qorannoon kan murtaa'u akka ta'e mootummaan ibseera.

Dhiheenya qondaaltonni Godina Walaayittaafi kaan mariirra turan hidhamuu hordofee namoonni 20'tti siqan ajjeefamun ni yaadatama.

Badhaasa Nobeelii MM Abiy

Lammiin Itoophiyaa badhaasa Nobeelii Nagaa yoo injifatu Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan jalqabaati.

MM Abiy sababni ijoo badhaasicha argatan araara Ertiraa waliin waggaa 20 booda Itoophiyaan buufte, gahee araara Sudaan keessa taasisan, nageenya Bahaa Afrikaa keessatti gumaachaniifi jijjiirama biyya keessa taasisanidha.

Badhaasa booda yoo biyya gahan 'simannaan gootaa' kan taasifameef yoo ta'u lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman gammachuun simataniiru.

MM Abiy Ahimad Badhaasa Noobeelii

Madda suuraa, HAKON MOSVOLD LARSEN

MM Abiy erga badhaasicha fudhachuun Norweeyi biyyatti deebi'anii booda pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Finfinneetti affeeruun badhaasicha waliin kabajaniiru.

Haa ta'u malee, badhaasichi beekkamtii qofa osoo hin taane dirqamallee itti kenneera. Ergasii taateewwan biyya keessa raawwatan walqabatee yoo qeeqaman badhaasichi walumaan ka'a.

Inumaa boodarra badhaasichi akka irraa mulqamu gaafachuun kanneen xalayaa Koree Nobeeliitti ergan turani.

Koreen kuni ibsa baasen badhaasni takkaa fudhatame akka hin deebineefi namoonni badhaasicha deeggaruunis ta'e mormuun xalayaa akka itti ergan ibsee ture.

Diigamuu ADWUI fi hundeeffama Badhaadhinaa

Asxaa ADWUI fi PP

MM Abiy saffisaan ADWUI diigu kan beeksisan baatii Sadaasa keessa ture. Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu garuu kana cimsee morme.

Paartiin Badhaadhinaa ABBUT [TPLF] malee dhaaba naannolee saddeet bulchaa jiran hammatee hundaa'uf yeroo dheeraa duraa hin fudhanne.

Wantoota haaraa dhaabni ADWUI diigamee hundaa'e fide keessaa paartilee naannolee biraa duraan dhiibamanii turan ofitti makuun ala afaanota shan afaan hojii dhaabichaa gochuu isaati.

Haa ta'u malee, qeeqxonni MM Abiy paartiin haaraa 'naannolee diiguufi, federaalizimii balleessuufi' jechuun qeeqa cimaa irratti dhiheessu. Dhaabichi garuu kana ni balaaleeffata.

Gaaffii ummataa yeroo dheeraaf ture deebisuufi 'federaalizimii dhugaa' hojiirra oolchuuf ADWUI diiguun barbaachise jechuun dhaabichi ibseera.

Haa ta'u malee, yeroos Dura taa'aa Itti - aanaa ODP kan turan Obbo Lammaa Magarsaa akkaataa hundeeffama dhaabichaarratti komii akka qaban ibsuun ni yaadatama.

Erga MM Abiy aangotti dhufanii as siyaasa Itoophiyaa keessaa olaantummaa kan dhabe dhaabni Naannoo Tigraay bulchu, ABBUT, ADWUI'n diigamuu isaatti mufii guddaa ibse.

Ergasii waldura dhaabbannaan mootummaa federaalaafi naannoo Tigraay gidduu hammaate.

Odeessaalee addaa

Achii buutee baratootta Yunivarsiitii Dambi Dolloo

Dhimmoota waggaa darbe ajandaa ta'aniifi ammallee dhimmi isaanii ifa hin taane keessaa tokko waa'ee barattoota Yunivarsiitii Dambi Dolloo badan jedhamaniidha.

Baatii Sadaasaafi Mudde keessa barattoonni Yunivarsiitii Dambi Dolloodhaa osoo bahanii butaman jedhaman ammallee bakki jiran hin beekamu. Maatiittis hin galle.

Waraanni mootummaa bosona sakatta'uun akka dhabe ibseera. Dhimma kanarratti MM Abiy Ahimadis dubbii Paarlaamaa keessa taasisaniin dhimmichi waan ifa hin taane akka qabu ibsaniiru.

Eegasii dhihoo kanneen barattoota butan jedhamanii shakkaman shororkessummaan himatamanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa akka jiru gabaafameera.

Oppireeshinii Lixaafi Kibba Oromiyaa

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa rakkoo nageenyaa Lixaafi Kibba Oromiyaatti mudate furuuf garasitti erga ergamee waggaa lamaaf deema.

Rakkoon nageenya bulchiinsi amma aangorra jiru osoo aangotti hin dhufin bakkeewwan kanatti dhalate yeroo dheeraaf kan tureefi, jiraattota rakkoo guddaaf kan saaxiledha.

Jiraattonni harka hidhattoota kana dura ABO jala turaniifi bosonatti hafan akkasumas waraana mootummaa nageenya kabachiisuuf bakkas sosso'e gidduutti rakkatuu himu.

Kana bu'uura godhachuun mootummaan baatii Amajjii eegalee torban 12'f bakkeewwan hedduu Lixa Oromiyaatti intarneeta akkasumas bakkeewwan gama Lixaan tajaajila bilbilaa kutee ture.

Yeroo dheeraaf waan ta'a ture baruun rakkisaa ture. Boodarra mootummaan hidhattoota bakkeewwan Lixaafi Kibba Oromiyaatti sosso'an 'balleessuuf' oppireeshinii gaggeessaa akka ture himeera.

Kanaanis, milkaa'u ibsuuniifi rakkoon nageenyaa furamuu kan ibsanimmoo pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan kanneen daawwatanidha.

Yeroo mootummaan oppireeshinii gaggeessuusaa ibse ajjeechaan namoota nagaa gabaafamuus mootummaan namoonni nagaa hin ajjeefamne jechuun hima.

Jiraattonni lola baqanne jedhanimmoo gara Gambeelaafi B/Shaangul baqataniiru.

Hidhattoonimmoo faallaan tarkaanfii waraana mootummaa badiin irraan gahe akka hin jirre dubbatu.

Haa ta'u malee, darbee darbees ta'u haleellaan qondaaltota mootummaa, jaarsolii biyyaa, jiraattota nagaafi kaan irratti gahaa tureera.

Ajjeechaa qondaaltota mootummaafi namoota nagaaf mootummaan hidhattoota himata, isaan garuu ni balaaleeffatu.

Obbo Lammaa waliin adda bahuu MM Abiy

Lammaa Magarsaa

Madda suuraa, Getty Images

Obbo Lammaafi MM Abiy yeroo dheeraaf hogganaa mootummaa ta'un dalaganis xumura bara bulchiinsa ADWUI yeroo mormiin ummataa cimetti ture kan ummatatti ifatti beekamuu eegalan.

Obbo Lammaan Pirezidantii MNO fi Dura Taa'aa Paartii DHDUO (boodarra ODP fi PB'tti jijjiirame) ta'anii MM Abiy immoo Itti- gaafatamaa waajjira dhaabaa ta'anii waliin dalagan.

MM Abiy gara aangoo amma jiranitti akka dhufan gaheen Obbo Lammaa olaanaadha - Obbo Lammaan miseensa paarlaamaa waan hin taaneef MM Abiy dura taa'aa dhaaba ODP akka ta'an taasisan.

Erga MM Abiy Ministeera Muummee ta'an booda Obbo Lammaa waliin walitti dhiheenyaan dalaganis boodarra waldhibdeen dhalachuu eegale.

Keessumaa waldhibdeen kuni hundeeffama dhaaba paartii haaraa MM Abiy hundeessaniifi ilaalcha 'Ida'amuu' MM Abiy dhiheessanin akka hammaate himama.

Obbo Lammaan ilaalcha 'Ida'amuu' fi hundeeffama Paartii Badhaadhinaarratti mufii qaban miidiyaatti ibsaniiru. Ergasii waliin dalaguuf akka waliigalan ibsamuus isaan as bahanii dhimmicharratti hin dubbanne.

Ji'a torba boodammoo, baatii Hagayya keessa dhaabni Badhaadhinaa kan isaan Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu akka ta'an gabaafame keessaa akka ittise ibse.

Dhaabichi konfiransii yeroo jalqabaaf sadarkaa Oromiyaatti taasiseen 'dirqama isaanii hin baane' jechuun akka isaaniifi qondaaltota biroo lama ittisu ibse.

Kuni ta'e torban tokko booda Ministira Raayyaa Ittisaarraa kaafamaniiru. Kaayyoon fuulduraa Obbo Lammaa ammatti hin beekamu.

Weerara Koronaavaayirasiifi filannoon achi darbuu

Ashaanguliitii maaskii godhatan

Madda suuraa, Getty Images

Weerarri koronaavaayirasii addunyaa akka hin taane godhe walakkeessa bara 2012 ture caalmaan biyyoota garaa garaatti kan tamsa'e.

Itoophiyaa keessa vaayirasichi yeroo duraaf nama lammii Jaappaan irratti erga argame as yeroo ammaa biyyattiin biyyoota Afrikaa lakkoofsi namoota Covid-19'n qabaman baay'ee qaban keessaa tokkodha.

Sababa vaayiraasichaan walqabatee yeroo biyyoonni hedduu balalii xiyyaaraa dhaaban xiyyaarri Itoophiyaa yeroon imala dhaabuu dhabun dhimmoota gurguddoo ijoo dubbii ta'an keessaati.

Paarlaamaan Itoophiyaan baatii Ebla keessa ture labsii yeroo muddamaa ji'a shaniif turuufi tatamsa'ina weerara koronaavaayirasii to'achuufi miidhaasaa xiqqeessuf mana maree ministirootaan bahe kan raggaasise.

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa 6ffaa baatii Hagayyaa bara 2012 keessa adeemsisuuf karoorsite.

Haa ta'u malee, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiin qophii filannoo adeemsisuu akka hin dandeenye ibse.

Dhimma kana irratti kan mari'ate paarlaamaan Itoophiyaa yaada Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhiheesse raggaasisuun filannoon yeroo biraaf akka darbu ta'e.

Kana hordofees Manni Maree Federeeshinii filmaata afur weerara kana keessa filannoo gaggeessuun danda'amu irratti erga mari'atee booda turtiin aangoo mana maree hunduu akka dheeratu murteesse.

Dhaabbilee siyaasaa kana morman garuu 'furmaata siyaasaa' dhiheessaa turan. Mootummaanimmoo 'furmaanni siyaasaa' paartileen jedhan aangoo qooduudha jechuun mormeera.

Akka heera biyyaatti, maddi aangoo filannoodha jechuun filannoo malee aangoo qooduun hin danda'amu jechuun yaada paartileen mormituu dhiheessan morme.

MM Abiy yeroon dabalataa Manni Maree Federeeshinii mootummaaf kenne 'nageenya ummataafi'' jechuun ibsanii turan.

ABO, KFO, akkasumas Addi Bilisa Baasaa Ogaaden aangoon mootummaa dheerachuu yoo morman dhaabni ABIN fa'i aangoon mootummaa akka dheeratu kanneen akka deeggaran ibsan keessaati.

Gama kaaniin, dhaabni Naannoo Tigraay bulchuummoo filannoon sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfamuu hin qabu jechuun morme.

Aangoon mootummaa dheerachuu Manni Maree Federeeshinii murteessuuf guyyoonni muraasa yeroo hafanitti ture Af - yaa'iin mana marichaa Aadde Keeriyaa Ibraahim fedhiin aangoo gadhiisuu kan ibsan.

Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftu TPLF Aadde Keeriyaan 'heerri mootummaa yeroo diigamuu ilaaluu waanan hin barbaanneef aangookoo gadhiiseera' jechuun dubbatan.

Filannoo 'heeraan alaa' Naannoo Tigraay

Mootummaan Itoophiyaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaalessaa taasisuu akka hin dandeenye ibsuun filannoon yeroo ifatti hin beekamneef yeroo biraatti darbeera.

Siyaasa mootummaa giddugalaa keessaa olaantummaa isaa kan dhabeefi bulchiinsa MM Abiyyiin mufachuu kan ibsu dhaabni TPLF garuu baatii Waxabajjii keessa addatti filannoo akka gaggeessu beeksise.

Dhimmi kuni mootummaa federaalaa fi naannicha gidduu muddama garaa garaa fideera.

Mootummaan federaalaa filannoo taasisuun 'heeraan ala' jedhus naannichi 'filannoo gaggeessuu seerri na dhorku hin jiru' jechuun ibsa. Dabaluunis, Badhaadhinatu seeraan ala jechuun himata.

Naannoon Tigraay filannoo akka isaaf raawwachiisu Boordii Filannoo Biyyaalessaatti barreessuun gaafatus boordichi 'seera qabeessa miti' jechun ibse.

Ergasii Naannoon Tigraay seera filannoo akkasumas komishiniin filannoo raawwachiisu hundeessuun weerara koronaavaayirasii keessatti Qaam'ee bultii 04, bara 2012 filannoo gaggeessuuf yaadeera.

Manni Maree Federeeshinii walgahii atattamaa Hagayya 30, 2012 taa'een garuu seerri filannoofi seerri komishinii filannoo naannichi baase heera biyyaa dhiiba jechuun filannoon taasifamu 'heeraan ala' jedheera.

Dabaluunis, 'filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hojiirras hin oolu' jedheera.

Filannoon naannichi addatti gaggeessu seenaa federaalizimii Itoophiyaa keessatti kan jalqabaati.

Dhaabni TPLF mirga dimookiraasii ibsuun filannoo akka gaggeessaa jiru ibsuus xiinxaltoonni filannootti cichuun naannichaa waldhibdee siyaasaa dhaabni TPLF Badhaadhina waliin qaburraa madda jechuun ibsu.

Presentational grey line

Ajjeechaa Hacaaluufi isa booda wanta raawwate

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa

Artist Hacaaluu Hundeessaa baatii Waxabajjii keessa magaalaa Finfinneetti ajjeefame. Haa ta'u malee, hanga yoonaa sababni ajjeechaan raawwatef hin baramne.

Kanneen ajjeechaa raawwachuun shakkaman sadii kan to'ataman yoo ta'u dhimma isaanii manni murtii ilaalaa jira. Shakkamtoonni sadii to'ataman ajjeechaa raawwachuu isaanii akka amanan poolisiin ibsuun ni yaadatama.

Ajjeechaa weellisaa jaalatamaa kanarratti raawwate gadduun deeggartoonni isaa magaalota garaa garaatti daanditti bahuun gadda ibsaniiru.

Haa ta'u malee, magaalaa Finfinneefi bakkeewwan Oromiyaa muraasa Arsii Lixaa, Arsii, Baaleefi bakkeewwan muraasa birootti mormiin hookkaratti jijjiiramee lubbuun namoota 180'tti siqu darbeera.

Qabeenyi guddaas kan mootummaa, kan dhuunfaafi kaan manca'eera, gubateera, akkasumas saamameera.

Mootummaan haleellaan sabaas ta'e amantii hin raawwanne jedhuyyuu jiraattonni haleellaan addatti isaanirratti xiyyeeffate akka raawwate ibsu.

Mootummaan hin fudhu jedhus Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoollee halleellaan hordoftoota amantichaarratti xiyyeeffate raawwatu ibseera.

Komishiniin Itti -aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Komaandar Girmaa Galaan garuu kana dura ajjeechaa Hacaaluu hordofee bakkeewwan haleellaan amantiirratti xiyyeeffate raawwate jiraachuu BBC'tti himanii turani.

Ajjeechaa Hacaaluu booda qondaaltonni siyaasaa beekamoo, kanneen daanditti bahan, gaazexeessitoonni akkasumas kaan 9,000 ol ta'an to'annoo poolisii jala oolaniiru.

Miseensonni poolisii, qondaaltonni mootummaafi kaan 'itti gaafatama isaanii hin baane' jedhamuun shakkamaniis to'atamuu poolisiin ibseera.

Hidhaan ala miidiyaalen saba walitti buusan jedhaman irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Lammiileen biyya alaa jiranimmoo ajjeechaan Hacaaluu qaama walabaan akka qoratamu jechuuniifi namoonni to'ataman akka gadhiifaman gaafachuun walitti fufinsaan hiriira gaggeessaa turan.

Bakkeewwan fakkeenyaaf Landaniifi Beerliinitti hojii imbaasiiwwan Itoophiyaa danqanis ture. Kanaanis, mootummaan Itoophiyaa mufachuu isaa ibseera.

Qeeqxonni tarkaanfiin bulchiinsa MM Abiy ajjeechaa Hacaaluu booda fudhate dirree siyaasaa dhiphisa jechuun kanneen hidhamanis ilaalcha siyaasaa isaaniif hidhaa seenan jechuun himatu.

Qondaaltonnimmoo kanneen hidhaman yakkaan akka shakkaman ibsuun, namni seeraa ol ta'u hin jiru jechuun himu. Shakkamtoonnis wantoota itti shakkaman balaaleeffatu.

Baatii Hagayya keessa mormiifi hookkara kanneen hidhaa seenan haa hiikaman jedhu bakkeewwan Arsii Lixaafi Harargee Lixaatti taasifameenimmoo lammiileen 10 ol ajjeefamuun ni yaadatama.

Poolisiin wanti taasifame hiriira miti hookkara jechuun tarkaanfiin fudhatame 'madaalawaadha' jechuun ibseera.

Kanneen daanditti bahan harka qullaa akka ta'an ibsu, ta'us poolisiin bakkeewwan haleellaan polisiirratti raawwate jira jechuun ibsa.

Dhaabbileen mirga namoomaammoo namoonni siyaasaa himannaa malee yeroo dheeraaf to'annoo poolisii jala turuun isaanii sirrii akka hin taane himuun komii ibsaniiru.

Hidhi Abbayyaa guutamuu

Wantoota ijoo Itoophiyaan bara 2012 milkaa'inaan xumurte keessaa tokko Hidha Laga Abbayyaati.

Suuraa saatalaayitii hidha haaromsaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Maxar

Mariin yeroo dheeraaf itti fufe xumuramuu dhabus ganna kana yeroo jalqabaaf seenaa keessatti Itoophiyaan Abbayya hidhu dandeesse.

Haa ta'u malee, biyyoonni ollaa kanneen akka Sudaaniifi Masrii garuu tarkaanfii Itoophiyaa kanaan hin gammanne.

Ameerikaan kanarraa ka'un deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasistu hanga dolaara miiliyoona 100 (birrii biiliyoona 3.5 ol) Itoophiyaarra kutuuf akka yaadde dhagahameera.

MM Abiy barana ''hojiin cimnaan, dhiibbaanis cime' jechuun sababa hidha abbayyaa guuruuf taasifameen dhiibbaan dippilomaasii cimu dubbataniiru.

Haa ta'u malee, ammallee akkaataa bulchinsaafi dhimma seeraarratti Masriifi Sudaan waliin waligalteerra hin gahamne. Mariin taajjabdoota hirmaachise itti fufeera.

'Ugguramuu' hoogganaa ABO

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) yeroo duraaf barana ture Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa waraqaa galmee filannoo kan argate.

Baatii Adoolessaa keessa Dura Taa'aan dhaaba ABO Obbo Daawud Ibsaa guyyoota 12'f manaa akka hin baane ittifamuu ibsanii turan. Kunis, 'nageenya isaaniif' akka taasifame itti himamuu dubbatan.

Kanaafis, Obbo Daawud poolisii himataniiru. Haa ta'u malee, hanga yoonaa poolisiin dhimma kanarratti waan dubbate hin qabu.

Bakka isaan hin jirretti miseensonni dhaaba isaanii walgahii gaggeeffatunis ijoo dubbii ta'ee ture.

Ergasii manaa akka bahan naaf eeyyamame jedhanii booda gara waajjiraa qajeelanis balbalatti dhowwamuufi manatti deebi'uf dirqamuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Ergasii hooggansi dhaabichaa lamatti bahuun ibsa wal faallessu, darbes wal himachaa miidiyaaleerratti ibsaa turan.

Bakka Obbo Daawud hin argamnetti Obbo Daawud aangoorraa fonqolchamuu himamuus koreen kutaa seeraa dhaabichaa garuu akka qorataa jiru ibseera.

Ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda dhaabbilee mormituu hoggantoonni isaanii to'annoo poolisii jala oolan keessaa tokkodha ABO'n.