Ministira Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargaachaw: ‘Itoophiyaan haroo hidha Abbayyaa waan feeteef fayyadamu dandeessi‘

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Gaddu Andaargaachaw Itoophiyaan 'haroo' hidha Abbayyaan uumamee Itoophiyaan waan barbaaddeef itti fayyadamu dandeessi jedhan.
Ergaa tiwiitara isaanii irratti barreessaniin baga gammanne jechuun ''Abbayyaan laga ture, lagas (amma) haroos ta'e,'' jechuun barreessaniiru.
Guyyaa kaleessaa ture Itoophiyaan yero duraaf hidha waggaa sagaliif ijaaraa turtetti bishaan ganna kana bishaan guutuu ishee ifatti kan labsite.
Waajjirri Ministira Muummee ibsa baaseen carraa rooba waqtii gannaa fayyadamuun torban lamaan darban keessa karoorri Hidha Haaromsa Itoophiyaa bishaaniin guutuu kan waggaa jalqabaa milkaa'iinaan xumurameera jedheera.
Ibsichi dabaluunis yeroo ammaa kanattis, sadarkaa ijaarsi Hidhichi irra gaheetti bishaan hanga qabachuu danda'u qabateera jedha.
Kanaan duras Ministirri Bishaan, Jallisiifi Inarjii, Injinar Dr Silashii Baqqalaa, Hidha Haaromsaa ijaaruufi bishaan guutuun wanna wal maddii raawwaatamaa deemuudha jechuunsaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaanis ol ka'iinsi Hidha Haaromsaa kan bara darbe meetira 525 ture bara kana ijaarsa dabalataa hojjetameen meetira 560 gaheera jedhan Dr Silashiin.
Kanaafuu, haguma ol ka'iinsi Hidhichaa dabalaa adeemuutti hidhichi bishaan qabataa akka adeemus Dr Silashiin himaniiru.
Waajirri Ministeera Muummee marii addaa biyyoonni sadan; Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan dhimmi Laga Abbayyaarratti dura bu'ummaa Gamtaa Afrikaatiin kaleessa gaggeessanii booda ibsa baaseen, roobni waqtii ganna bara kanaa Hidhicha keessatti akka bishaan qabannuuf haala mijaawaa uumeera jedheera.
Akka ibsa kanaatti marii dhimma Hidhicha bishaaniin guutuufi oppereeshinii isaa ilaalchisee taasifamuun, Itoophiyaan haala Lagni Abbayyaa faayidaa madaalawaa ta'e biyyoota sadaniif itti argamsiisuu danda'urratti cimsitee hojjechaa jirti.
Mariin dura bu'ummaa Gamtaa Afrikaatiin sadarkaa bulchitootaafi mootummoota biyyootaa hirmaachiseen gaggeeffame kun, qaamoleen hunduu wal hubannaa waliigaltee milki-qabeessarra ittiin gahuun danda'amu saaqeera jedha ibsi kun.
Kanarraa ka'uun, Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gaggeessummaa Gamtichaatiin marii teekinika bishaan guutuun itti fufee waliigaltee hammataa ta'erra ga'uudhaaf tole waliin jedhaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Rakkoo Afrikaaf fala Afrikaa
Marii dhimma Hidha Haaromsaa kana kan gaggeessan Dura Ta'aa Gamtaa Afrikaa yeroo ammaafi Pirezedaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan, mariin biyyoota sadanii daandii sirriirra jira jedhan.
"Rakkoo Afrikaatiif fala Afrikaa barbaaduu keessatti qaamolee dhimmammuun hirmaattan galateeffachuun barbaada," jechuun fuula Tiiwitera isaaniirratti ibsaniiru Pirezedant Raamaafoosaan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad mariin ture bu'aa qabeessa ta'uu himuun, carraaqqiin rakkoo Afrikaatiif fala Afrikaarraa argamu jajjabeeffachuun waan toltuudha jedhan.
Biyyi isaanii Keeniyaan sadarkaa taajjabbiidhaan marii sanarratti kan qooda fudhatte Pirezedaant Uhuruu Keeniyaataa rakkoon fayyadama bishaan Laga Abbayaarratti Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduu ture furuuf hojii hojjetame jajaniiru.
"Adeemsi 'Rakkoo Afrikaatiif fala Afrikaa' daandii qabannee deemuu qabnudha. Waldhibdee keenya karaa walmariyachuufi giddu-galeessummaa akka Gamtaa Afrikaatti taa'een furachuu ni dandeenya," jechuun biyyi isaanii marii rakkoo biyyoota sadanii furuuf Gamtaan Afrikaa taasisaa jiru akka deggaran ibsan.
Gaggeessitoonni biyyoota sadanii maal jedhan?
Itoophiyaa-MM Abiy Ahmad: Waliigalteen guutessa ta'e qaamooleen hundi waldhibdee jiruuf keessatti fala argatan, akkasumas bu'aa hunda mo'ataa taasisu arguu barbaadna jedhan.
Sudaan-MM Abdallaa Amdook: Dhimmoota seeraafi tekinikaa afaniif furmaanni atattamaa akka jiraatu gaafatan.
Masirii-Al-Sisii: Mariin taasifamu kun waliigaltee sirnaan tolfameerra gahuu isaa barbaanda jedhan.


















