Hidhaa Laga Abbayyaa: Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa akkamiin bishaan guutama?

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waqtii gannaa 2019tti hidhichi kana fakkaata ture

Suuraawwan Waxabajjii 27 hanga Adoolessa 9 jidduu kaafaman irratti hammi bishaanii Hidha Haaromsaan duubatti qabamee jiru ol ka'uun sirrii ta'uu Itoophiyaan mirkaneessitee jirti.

Ol ka'iinsi hidha kan bara darbe meetira 525 ture bara kana ijaarsa dabalataa hojjetameen meetira 560 gaheera kanjedhan Ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dr Silashiin Baqqalaa, haguma ol ka'iinsi hidhichaa dabalaa adeemu, hidhichi bishaan qabataa akka adeemus himaniiru.

Kuni akkaan biyyoota yaa'a gadii Masrii fi Sudaan dheekkamsiise, maaliif jennaan dhimma bishaan guutuu irratti biyyooti sadan walii hin galle.

Miidiyaan biyyaalessaa Itoophiyaa biyyattiin ifatti hidha kana bishaan guutuu eegaluu erga gabaasee booda, 'dogoggora' jechuun dhiifama gaafateera.

Adeemsa uumamaa ijaarsa hidhichaa hordofuun bishaan guutamaa jira malee ta'e jedhamee karrawwan hidhichaa cuftee bishaan guutuu hin eegalle jette Itoophiyaan.

Bishaan guutuu dhaabsisuun danda'amaa?

Lakki. Wayita waqtii gannaa Itoophiyaa Waxabajjii hanga Fulbaanaa turutti sababa rooba jiruun hammi bishaanii waan dabaluuf hidhichi ofumaan bishaan qabachuu eegala.

Haga ijaarsi hidha kanaa ol ka'uun wanni bishaan akka hin qabanne dhorku hin jiru jedhu ijaarsa hidha kanaa bara 2012 irraa eegalee hordofaa kan turan Dr Keevin Wiilar.

Bara 2011 wayita ijaarsi hidha haaromsaa eegalu lagi Abbayyaa/Naayil akkuma durii yaa'aa ture.

Ijaarsichi lagicha gamaa gamanaan osoo yaa'a uumamaa lagichaa hin danqiin hojjetamaa ture.

Waqtii boonaa wayita hammi bishaanii xiqqaatu yaa'aa lagichaa gara biraatti jallisanii iddoo uumamaan bishaan yaa'utti hidhaa ijaaraa turan.

Hidhicha jidduun isaa garri gadi xumuramee ammaan tana bishaan ulaawwaan qophaa'aniif keessaa lohee bahuun yaa'a.

Jiddugaleessan lagi Abbayyaa waggaatti bishaan kuubik meetirii 49 qaba jedhama.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jiddugaleessan lagi Abbayyaa waggaatti bishaan kuubik meetirii 49 qaba

Sababa roobaa waqtii gannaa jiruun hammi bishaanii yoo dabalu, hammi bishaanii karaa ulaa kanaa bahu hamma bishaanii dhufu caalaa xiqqaa taha. Kana jechuun bishaan hidhicha duubatti kuufamuu eegala jechuudha jedhu Dr Wiilar.

Aanga'oonni Itoophiyaa hamma bishaan hidhicha duubatti kuufamuu dabaluu yoo barbaadan ulaawwan dabalataa bishaan keessa darbu cufuu danda'u jedhan.

Maaltu itti aana?

Ganna jalqabaa Itoophiyaan bishaan kuubik meetirii 4.9 qabachuun bishaan hanga hidhichi ol ka'ee ijaarametti akka guutamu gooti.

Kuni tarbaayinoota gulantaa duraa akka yaalii gootu gargaara.

Jiddugaleessan lagi Abbayyaa waggaatti bishaan kuubik meetirii 49 qaba jedhama.

Waqtiin bonaa deebi'ee bishaan xiqqoo yoo gadi galu ol ka'iinsi hidhicha dabalamee ijaaramee waqtii gannaa itti aanutti bishaan kuubik meetirii 13.5 ni qabama.

Yeroo kanatti tarbaayinoota gulantaa lammataa yaaluu ishee dandeessisa. Yeroo kana hamma bishaanii darbuufi hafuu qabu caalaatti to'achuufis ni dandeessi.

Itoophiyaan hidha haaromsaa hanga humni isaa danda'u bishaan (kuubik meetirii 74) guutuuf ganna 4-7 akka fudhattu himteetti.

Wayita kanatti haroon hidha haaromsaa duubatti uumamu kiiloomeetira 250 dheerata.

Waqtii bonaa hammi bishaanii hidhichaa kuubik meetirii 49.3tti gadi bu'a.

Masrii maaltu yaaddesse?

Guutummaan guutuutti sadarkaa jedhamutti fedhii bishaanii isheef laga Naayil irratti kan hirkatte Masriin hammi bishaanii argattu najalaa xiqqaata jettee yaaddofti.

Hammi bishaanii gadi dhiifamuuf dhaabbiin akka murtaa'u feeti.

Turiistota laga Abbayyaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan fi Masriin gogiinsi nu mudata jedhanii yaadda'u

Itoophiyaan waqtii bonaa fi wayita gogiinsi uumamu hammi bishaanii hir'achuu waan maluuf hamma bishaanii dhaabbataa ta'e Masriif gadi dhiisuuf walii hin galtu.

Wayita xumuramu hidhi kun Afrikaa keessatti hidha bishaaniin elektiriikii maddisiisu isa guddicha ta'a.