Barattootni Yunvarsiitii Dambi Doollootti ukkaamfaman haa gadhiifaman jechuun Naannoo Amaaraatti hiriirri gaggeeffamaa jira.

Barattootni Yuunvarsiitii Dambi Doolloo ukkaamfaman haa gadhiifaman jechuun Naanoo Amaaraatti hiriirri gaggeeffamaa jira.

Madda suuraa, Amhara Mass Media

Ibsa waa'ee suuraa, Hiriira magaalaa Baahirdaaritti gaggeefamaa jiru.

Barattootni Yuunivarsiitii Dambi Doolloo dhalootaan naannoo Amaaraa tahan guyyoota 50 dura ukkaamfaman jedhame haa gadhiifaman jechuun Naannoo Amaaraatti hiriirri guddaan gaggeeffamaa jira.

Hiriirri kun magaalota Naannoo Amaaraa garaagaraa keessatti gaggeeffamaa kan jira. Hiriirri kun ukkaamsaa barattoota yuunvarsiitii Dambi Dolloo 17 irra gahe balaaleffachuuf kan qophaa'e akka tahes miidiyaan naannoo Amaaraa gabaaseera.

Magaalota akka Baahirdaar, Dabre Birhaan, Daangilaa, Finoote Salaamii, Qobboo fi bakkeewaan kaan keessattis gaggeeffameera.

Namootni hiriricha irratti argamanis mootummaan barattoota ukkaamfaman haa gadhiisisu, odeeffannoo ifa tahes haa kennu jechuun sagalee isaanii dhageesisaa akka turan miidiyaan naannoo Amaaraa gabaasera.

Dabalataan qaama barattoota keenya ukkaamse irrattis tarkaanfii fudhachuun ol aantummaan seeraa akka kabajamu gochuu qaba jedhan.

Barattoota ukkaamfaman jedhaman keessaa 13 dubartoota akka tahan shamarreen isaan keessaa miliquun maatii isheetti dabalamte kanaan dura BBCtti himtee ture.

Mootummaan dhimma kana irratti amma ibsa gahaa kennuu baatus Itti-Gaafatamaan Pirees Sekiretariin Waajjira MM Obbo Nugusuu Xilahun barattootni ukkaamfaman 21 gadhiifamaniiru jedhanii ture.

Barattootni jaha akka hafan ibsanii ture. Maatiin garuu mootummaan akkas jedhee ibsa haa kennu malee ijoollee keenya hin arganne jechuun gaddaan guutamanii BBC'f yaada isaanii kennaniiru.

Qaamni barattoota kana ukkaamse ifatti waanti ibsame jiraachuu baatus qaama hidhatee Lixa Oromiyaa irra jiru WBO'n akka dhimma kana quba hin qabne Marroo ykn Dirribaa Kumsaa himeera.

Lixa Oromiyaa naannoo barattootni kunneen ukkaamfaman jedhamu dabalatee bakkeewwan kaan irraa tajaajilli interneetiifi bilbilaa addaan citee jira.

Kun jiraattota naannichaafi firoota irratti yaaddoofi dhiphina guddaa akka uumee jiru namootni BBC'n dubbisaa ture himaniiru.

Dabalataan Godina Qeellam Wallaggaa bakkeewwan garaagaraatti dhukkaasni akka jiruufi namootni nagaan akka gaaga'amaa jiranis sodaannee achii baqanneera namootni jedhan BBCtti himaniiru.

Naannoo yunivarsiitiiwwaniitti rakkoon uumamuun kun kan jalqabaa miti. Barri barnootaa baranaa kun erga jalqabee yunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraafi Diree Dhawaa keessatti barattoonni dhalattoota Oromoo ta'an yoo xiqqaate 9 ajjeefamanii hedduun mada'aaniiru.

Yunvarsiitiiwwan Waldiyaa, Gondar, Darba Berhaan, Maqdallaa, Walloofi Diree Dhawaan kanneen barattoonni Oromoo keessatti ajeefaman keessaati.