Barattoota Yunvarsiitii Dambi Doolloo 'ugguraman' jedhaman keessaa 21 gadhiifaman

Kaartaa Dambidoolloofi Gaambellaa agarsiisu

Barattoota Yunvarsiitii Dambi Doolloo tibba kana "ugguraman" jedhaman keessaa 21n isaanii gadhiifamuu Waajira Ministira Muummeetti Itti-gaafatamaan Pirees Sakiriiraatii Obbo Nugusuu Xilaahun kaleessa galgala EBCf ibsan.

"Barattoonni ugguraman miidhaan osoo hin qaqqabiin, lubbuun ijoollees osoo balaarra hin bu'iin karaa nagaa ta'een gadhiisisuun sirrii waan ta'eefi hojii mootummaa angafa waan ta'eefis jaarsolii biyyaa, dargaggoota naannoo sanaa waliin ta'uun, humni ittisaafi qaamoleen nageenyaa keenya bobba'anii karaa nagaa ta'een akka gadhiifamaniif hojjetamaa tureera.

Kanaaf, barattoota ugguramanii turan keessaa dubartoota 13fi dhiironni 8 walumaa galatti barattoonni 21 karaa nagaa ta'een gadhiifamaniiru."

Akka Obbo Nugusuun jedhanitti barattoonni shan bakka biraatii dhufaniifi namni tokko bakkuma sanarraa ta'e walumaa galatti namoonni ja'a amallee ugguruamanii jiru.

Namoota jahan ammallee ugguramanii jiran kanneen karaa of eeggannoofi xiyyeeffannaa qabuun gadhiisisuuf hojjetamaa waan jiruuf hawaasichi odeeffannoo dhugaa hin taanerraa akka of qusatuufis dhaamsa dabarsaniiru Obbo Nigusuun.

Aanga'aan kun barattoonni kun maaliif, eenyuuniifi bakka kamitti akka uguraman garuu hin ibsine.

Baratoonni 'uguraman' jedhaman kun lakkoofsi isaanii kanaan dura 17 jedhamus akka ibsa aanga'aa mootummaa kanaatti ammoo barattoonni 21 bahanii kanneen biroo ja'a ammallee hafanii jiru.

Barattoonni kunneen osoo gara maatii isaaniitti deebi'uuf deemaa jiranii hidhattootaan erga ukkaamfamanii jiini tokko darbuu barattuu achi miliqxeefi maatii barattootaarraa odeeffannee turre.

"Warra ukkaamfaman keessaa tokkon ture; gaafa guyyaa 3ffaan jalaa miliqe'' barattuu Asmaraa Shuumee

Barattuu Asmaraan namoota ukkaamfaman keessaa tokko turte. Haala tures akkasiin ibsiti.

Yuunvarsiitii Dambi Doollootti barattuu Injiineriingii waggaa 1ffaan ture. Amma yuunvarsiitichi waan cufameef gara maatiikootti deebi'ee galeen amma Addis Zamanin jira.

Hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen warra ukkaamfamanii fudhataman keessaa tokkon ture.

Jalqaba barattoota 18 taanee hidhattota kanneeniin qabamne. Amma ani erga jalaa miliqee namoota 17tu hafe jechuudha.

Isaan keessaa barattootni eebbifamanii fi injiineringiidhaan ammoo waggaa 1ffaa kan barataa turan jiru.

Mooraa yuunvarsiitii Dambi Doolloo keessatti jeequmsa tureen cufamee waan tureef nuyis gadhiisnee bahaa turre.

Daandiin Dambi Doolloo gara Naqamteefi Finfinnee fidus cufamee waan tureef Gambeellaa irraan Naqamtee galuuf deemaa turre.

Hundi keenya iyyuu naannoo Amaaraa irraa kan deemnedha. Gaambeellaa irraa Dambi Doolloo daandii geejiba Birrii 30 qofa ture.

Gambeellaa bullee Finfinnee galuuf ture kan baane. 'Suud' bakka jedhamtu yeroo geenyu dargaggootni konkolaataa dhaabsisuun nu ukkaamsan.

Lakkoofsi isaanii kan keenya irra xiqqoo ni caala. Naannicha bosona guddaatu jira. Isa keessa nu fudhatanii galan.

Erga gara walakkaa bosonichaa geenyeen booda dubartootni gariin adeemuu dadhabanii kukkufan. Isaaniin 'kaatu moo hin kaatan' osoo jedhaniiti ani gidduutti ija isaanii jalaa kanan miliqe.

Guyyaa lama bosonicha keessa ergan buleeti kaniin gara daandii konkolaataa guddaatti bahuu danda'e. Bilbila koos waan narraa fudhataniif waanan godhun wallaale.

Ergan daandiitti bahee jaarsa Afaan Amaaraa xiqqoo dubbachuu danda'an tokkon argadhe. Isaanis yoona ijoolleen koos bakka biraatti akkas tahu mitii'' jechuun baay'ee gaddanii kootii isaanii baasanii natti uwwisan.

Yoo na argan anaanis na ajjeesu jechuun dhoksanii na kaa'an. Eessa deemuu barbaadda jedhanii na gaafatan? DambiDoolloo gara poolisoota federaalaatti na ergaa jennaan konkolaataa kadhatanii na ergan. Anis odeeffannicha poolisoota federaalaatti himeera.

Bakkichi barataaf dhiisii waraanaafuu rakkisaadha garuu ni hordofna naan jedhan.

Namoota ukkaamfan keessaa hiriyaan koo tokko gara jalqabaa waliin haasawaa turre. Odeessuuf bilisummaa waan qabdu miti.

Nyaatas yeroo barbaadan nuuf kennu yeroo barbaadanis nu dhowwatu jettee natti himteetti. ''Bilbilli ittiin siif bilbilu kan isaaniiti qabadhu,'' naan jetteetti.

Isaanis bilbilanii hin beekan, nuyis isaan argannee hin beeknu.

Maatiin barattoota ukkaamfamanii bakka ani jiru dhufanii boo'aa oolu. Ani garuu mootummaan amma isaan qabee deebisa jechuun isaan tasgabbeessaan jira jechuun himte.

Maatiin barattoota ukkaamfamanii maal jedhan?

Maatiin barattoota ukkaamfamanii BBC'n dubbise maqaan isaanii nageenya ijoollee isaaniif jecha akka dhahamu hin feene, erga barattootni kunneen ukkamfamanii ji'a tokko darbeera jedhu.

Guyyoota gara jalqabaa bilbila nuuf bilbilu ture. Amma garuu erga sagalee isaanii dhageenyee iyyuu torbanootni sadii darbaniiru.

Obboleettiin isaa barattuu waggaa 1ffaa taate jalaa ukkaamfamuu kan hime ammoo, mooraa yuunvarsiitii gadhiisaa bahaa jennee osoo itti himnuu warri kaan bahanii amma tasgabbaa'a jechuun akka achuma turan himan.

Mooraan yuunvarsitichaa tasgabbaa'uu gaafa didu gadhiisanii bahan. Daandii irratti qabanii gara doormii isaaniitti deebisan.

Ammas karaa biraa irraan naanna'anii dhufuuf yeroo bahan ammoo daandii irratti ukkaamfamanii jiru jedhe.

Sana booda sababa isaa beekuu dhabanis ukkaamfamneerra jedhanii akka itti himan dubbatan. Kun ALI gaafa Sadaasa 24 akka tahes himan.

Hanga torban lamaan jalqabaatti bilbila dhuunfaa isaaniinis tahe kan namoota ukkaamsaniin nuuf bilbilaa turan. Bakkicha yommuu gaafannu ammoo hin beeknu nun jedhan.

Yeroo tokko ergaa gabaabaadhaan bakka 'Ashaanaa Afaan Gadaraa'' jedhamu jirra. ''Humna ittisaatti himaatii nu barbaadaa,'' jettee ture jechuun dubbatan.

Bilbila dhuma irratti haasa'aniin garuu ammayyuu bakkuma sana jirtuu? jedhee gaafannaan osoo dura tahee gaarii ture.

Amma bakkasanaa deemneerra. Halkan halkan deemsa sa'aa lamaa fi sadii nu deemsisu. Ammayyuu deemuuf jenna jettee dhokattee bilbiltee natti himtee ture jedhan.

Abbaan barattoota lamaa humnoota nageenyaattis himuun barbaacha gara Yuunvarsiitii Dambi Doolloo dhaqanii gaafatanis waan beekan akka hin jirre nutti himan jechuun BBC'f ibsan.

Obboleettiin nama ukkaamfame tokkoo akkan isa irraa dhagahetti namootni isaan ukkaamsan maallaqa hin barbaadan.

Maatii barattoota ukkaamfaman biroo waliin tahuun dhiphina guddaa keessa akka jiran himte. Haadholiin namoota ukkaamfamanii funyoodhaan mudhii isaanii hidhatanii lafa irra ciisanii kadhatu, boo'aa oolu jette.

Dubartoota irratti gudeeddii akka raawwatan dhagahuu ishees itti dabaltee himteetti.

Qaamoleen mootummaa deebii akkamii kennan?

Itti aanaan hogganaa bulchiinsaa fi nageenya Oromiyaa waan nageenya boora'uu Wallagga keessaa ilaalchisee ''ani homaa hin dhageenye, maaliif na gaafatatta'' jechuun deebisan.

Dhimmichi kallattiin isin ilaallata akkamitti hin beeku jettu jedhanii yoo gafataman ani homaa hin dhageenye jechuun deebisan.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Dheressaa Taraffaa gamasaaniin, barattoonni ukkaamfamanii fudhaman hinjiran jedhaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Dhimma Nageenyaa naannoo Amaaraa Obbo Agenyehu Tashaager amma bakka haasa'uu danda'u miti kaniin jiru jechuun bilbila cufatan.

Bulchaan Naannichaa Aabba Tamsagan Xiruunaa guyyoota muraasaan dura akka gaazexeessitootaaf himanitti ''barattoonni afur ukkaamfamuu odeeffannoosaa qaba,'' jedhaniiru.

Gama waajjira Ministira Muummeen odeeffannicha gaafachuuf yaaliin tasifnes hin milkoofne.