Naannoo Amaaraa: 'Haleellaa barattootarratti qiyyaafate hunduu balaaleffachuu qaba'

Dubbi himaa mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Geetinnat Yirsaawu

Yuunivarsiitiiwwan naannicha keessa jiran 10 keessatti barattoonni nagaan akka baratan gochuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu dubbi himaan mootummaa naannichaa Obbo Geetinnat Yirsaawu himan.

Haala nageenyaa, sochii hojii qonnaa waqtii kanaa fi kallattiiwwan fuula duraa mootummaa naannichaa ilaalchisuun Biiroon Komunikeeshinii naannichaa ibsa kenneera.

"Ijoolleen barachuuf dhufan erga gara naannoo keenyaa dhufanii booda ijoollee keenya, haleellaa isaanirratti qiyyaafate hunduu balaaleffachuu qaba" jedhan Obbo Geetinnat.

Nageenya barattoota Amaaraa naannoo Oromiyaa keessatti barataa jiranii tiksuufis mootummaan naannichaa hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Gaaffilee eenyummaa fi daangaa bulchiinsaa waliin wal qabatanii ka'aa jiran karaa nagaan hiikuuf carraaqaa akka jiru mootummaan naannoo Amaaraa beeksise.

"Gaaffiin eenyummaa fi daangaa bulchiinsaa uummanni Amaaraa har'a kan dhalate miti" jedhan ibsa kana kan kennan

"Gaaffiin eenyummaa fi daangaa uummata Amaaraa gaaffii mootummaa naannichaatis" jedhan.

Mootummaan naannichaa Komishinii eenyummaa fi daangaa bulchiinsaa mootummaan federaalaa dhaabe waliin ta'uun gaaffilee kanneeniif deebii kennuuf ni hojjeta jedhan.

Mootummaan naannoo gaaffileen kunneen karaa nagaa furamuu qabu jedhee amana jedhan. Kanaafis uummata hirmaachisee hojjetaa jiraachu himan.

Naannicha keessatti iddoowwan adda addaatti mariin nagaa fi araaraa taasifamaa jira, nageenyi naannichaas fooyya'aa jiraachuu himaniiru.

Miseensonni koree eenyummaa Qimaanti 130 ta'an waamicha nagaa taasifameef simatanii galaniiru, naannoo sanatti sochiin nageenyaa akka barameen akka itti fufu mootummaan ni hojjeta jedhan.

Gama kaaniin hoomaa hawwaannisaa fi rooba yeroo isaa hin eegganneen omishaaleen qonnaa akka hin miidhamne hojiin qindaa'aan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.