Yunvarsiitii Waldiyaatti lubbuun barataa tokkoo darbe

Balbala Yunversiitii Waldiyaa

Madda suuraa, Toora midiyaa hawaasaa Yunversiitii Waldiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Balbala Yunversiitii Waldiyaa

Yunvarsitii Waldiyaatti lubbuun barataa waggaa sadaffaa tokko darbuu yunvarsitichi himeera. Yunvarsitichi barataan Abdii Waaqoo jedhamu rakkoo fayyaa mudateen du'e yoo jedhu, barattoonni isa waliin turre jedhan garuu reebiicha waardiyyootaa irraa kan ka'e ta'uu BBC'tti himaniiru.

Yunvarsitii Waldiyaatti barataa waggaa sadaffaa Peedaagoojii ta'uun isaa kan himame kun rakkina fayyaa isa mudatee lubbuun darbuunsaa kana kan beeksiise fuula feesbuukii isaarratti.

Barattoonni BBC'n dubbisee akka himaniitti, ''barataa Adii Waaqoo kan du'ee miidhaa reebichaan irratti raawwateen'' jedhaniiru.

Haata'u malee, Yunivarsitiin Waldiyaa du'a barataa Adii Waaqootti gadda itti dhagahame ibsuun ergaa fuula feesbuukii isaarratti maxxanseen, barataan kun rakkoo fayyaa mudateen ALI Sadaasa 26, 2012'tti kiliniika yunivarsiticha keessatti aragamuutti qorannoon taasifamuufiisaa himeera.

Isaan boodas wallaansa fooyya'aan akka taasifamuuf jecha gara Hospitaala waliigalaa Waldiyaatti ergameera jechuun ibseera.

Haata'u malee, osuma wallaanamaa jiru, Sadaasa 27, 2012 alkan keessaa sa'aatii torba irratti lubbuun barataa kanaa darbuus himeera.

Maxxansa Facebook irra dabri

Qabiyyeen kun hin argamne

irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.

Xumura maxxansa Facebook

Barattoonni BBC'n dubbise garuu nageenya isaaniif jecha maqaansaanii akka hineeramnee gaafatan akka himaniitti, barataan amma lubbuunsaa darbe kun wayita reebichi irratti raawwatamu isa waliin turuufi ijaan akka argan dubbatu.

Haalli nageenyaa Yuvarsiiticha keessaa ture amansiisaa waan hin taaneef gara maatiitti deebi'uuf yunvarsiiticha gaafatanii eeyyama dhabanii, Roobii darbe galgalaan miliqanii gara maatiitti deebi'uuf yaalaa turuu himti barattuun waggaa tokkooffaa ta'uu himatte tokko.

''[Adiin] nu gaggeessuuf nu wajjin deeme. Achiinis waardiyoota mooraa yunvarsitii kan ta'an namoota afuriitu nu reebe,'' jechuun haalli barataan kun ittiin du'ee reebicha irra gaheen ta'uu himti.

Miliqanii gara maatiitti deebii'aa jiraachuun barattoota kanaa waariyyoota kanneen eeruun akka qaqabee kan himtu barattuun kun, erga baajaajii qabataniin booda waardiyyoonni jedhaman kunneen qaqabuun ijollee baajaajii oofan dabalatanii reebicha irratti raawwachuu dubbatti.

line

Oduuwwan kanatti dhiyaatan biroo kana dubbifadhaa:

line

Isaan boodas, humnaan qabamanii mooraatti deebiifamuu ibsiti barattuun kun.

"Mooraatti erga deebiine boodaa waaridiyyoonni afur akka maleetti nu reeban," kan jettu barattuun kun, ''barataa Adii Waaqoo ammoo addaatti dhidhiitaa turan'' jetti.

''Ati du'uu qabda, jiraachu hin mallee'' jechaanii turan kan jettu barattuun kun, meeshaa waraanaan illee akka dorsifaman himti.

Sa'aatiin reebiichi kun itti raawwatamees guyyaa Roobii galgala keessaa naannoo sa'aatii 12 ta'u kan himte barrattuun maqaashee dhokfattee kun, ''nama mooraa sanaa tokkotu akkamiin ijoollee reebiduu jechuun nurra dhoowwe'' jetteetti.

''Sanaan boodas Adiin akka malee dhukkubaa ture; bishaan nu gaafataa ture. Achumaanis kilinika mooraa yunvarsiiticha geessanii qoricha kennaniifi turan. Guyyaa lammaaffaatti barii lafa ka'uu dadhabe.''

Itti dabaluunis, ''Lapheefi kaleekootu na dhukkuba jechaa ture. Akkasumas afuura fudhachuu dadhabaa ture,'' jechuun kan arge jettu himti.

Barataan yunvasritichaa BBC'n dubbise kan biraas, yaaduma walfakkaatu hima.

Barataan nageenya isaatiif sodaachuun akka maqaansaa hinhimamnee dubbate kan biraa, Adiin dhiiga tufuusaas akka argee hima.

''Reebamuu isaan booda Adiin of danda'ee dhaabachuufillee rakkachuu isaa argeera,'' jedha.

Barataan Adiidhaaf hirriyaa isaa dhiyoo ta'u himu kun, ''Amma ati mooraa kana keessaa baatutti ijoolleen nagaa hin argattu jechuun isa reebuu natti himeera,'' jedha.

Haata'u malee, Adiin xabataafi barataa nagaa ta'uun alatti mormiiwwan dallaa keessatti gaggeeffaman kamiyyu keessatti hirmaannaa kan hinqabne ta'uu barattoonni hirriyyoota isaa ta'uu himan kunneen ni himu.

Wayita ammaa kanattis hamilee sirriin barachaa akka hin jirreefi maatii isaanitti deebi'uu akka barbaadan barattoonni kunneen ni dubbatu.

Rakkoo nageenyaa Yunvarsitii Waldiyaa keessatti dhiheenya kana uumameenis, barattoonni lama lubbusaanii dhabuun ni yaadatama.