Yunivarsiitii Walloo kaampaasii Daseetti lubbuun barataa tokkoo darbe

Sa'iid Xayiib fi aasxaa yunivarsitii Walloo

Madda suuraa, FB

Yunivarsaiitii Walloo kaampaasii Daseetti ganama kana barataan dhalootaan godina Baalee ta'e reebicha irra gaheen miidhamee lubbuun darbuu barattootni BBC'tti himan.

Barataan waggaa lammaaffaa muummee barnoota Maarkeetiingii Sa'iid Xayiib ganama naannoo sa'aa lamaatti walitti bu'iinsa tasa dhalateen miidhamee kufee akka arganiifi achiis fuudhanii kilinika mooraa keessa jiruutti geessuu isaanii hirriyyoota barataa kanaa kan ta'an BBC'tti himaniiru.

Barataan kun kan reebamee ciree nyaachuun duraa iddoo fuula dhiqachaa turetti jedhameera.

Wayita iddoo kufetti isa argan dhigni hedduu dhangala'ee qaamni isa mormaa oliis miidhamee akka ture hiriyyaan isaa barataa Abdul Naasiir Ziyaad himeera.

Yeroo sanatti namni isaa ol kaasee hin turre kan jedhu barataan kun boodarra kilinikni mooraa jiru gessaniis Hospitaalaa Riifaraalaa Malaakuu Daseetti akka rifari godhame hima.

Sana boodas hospitaalaatti gara naannoo sa'aa shanitti lubbuun darbuu odeeffaneeerra.

Hogganaan Hospiitala Riifaraalaa Malaakuu Dasee Obbo Sa'iid Yusuuf barataa kanaaf yaaliin taasifamus lubbu isaa olchuun akka dadhabamee BBCtti himaniiru.

Barataa kanarra miidhaa akkamiitu ga'ee fi maaliin miidhaan kun irraa geessifame kan jedhuu oogeessoti fayyaa ammatti akka adda hin baasne Obbo Sa'iid dubbataniiru.

Pireesdaantiin yunivarsiitii Walloo Dr Abaataa Geetaahuun wal dhabdee uumameen barataan kun miidhamuu isaa BBCtti himaniiru.

Barataa kana malees injinaarri ijaarsa dallaa sana keessatti hojjeechaa tureefi qoondaalli qaama nageenya yunivarsitichaa tokko waldhabdee uumameen madaa'uu isaa himaniiru.

Miidhama barata kanaa hordofee walitti bu'iinsa hammaateen barattootootni miidhaman biroonis gara hospitaala kanaa ergamuus dhagenyeerra.

Dr Abaataa akka jedhanitti waldhabdeen uumame kun sabummaafi amantaa irratti kan hundaa'ee waan ta'aa jiruu ta'us qaamooliin nageenya gidduu seenuun tasgabbeesau danda'aniiru jedhu.

Akka hogganaan hospitaala kanaa Obbo Sa'iid jedhanitti garuu barattoonni miidhamanii gara isaanii geeffaman barataa du'e dabalatee lama qofa ta'uu himaniiru. Barataan inni lammaffaa miidhaa xiqqaa irraa ga'eef yaalii argachuu isaas dubbataniiru.

Yeroo dhiyoon dura barattoonni sabummaan ykn amantaan akka lamuu walitti hin buuneef jecha maanguddootafi abbooti amantaa waliin ta'uun sagantaa araaraa gaggeefame akka ture hogganaan yunivarsitichaa himaniiru.

'Ta'us garuu erga walii galanii booda tokko dhufee araaraa kan diiga,' jedhu Dr Abaataa.

Yeroo ammaattii lafi ciisichaa barattootaa (doormiin) barattoota Oromoo fi barattoota Amaaraa jechuun iddoo lamatti hiruuf akka dirqaman himu.

Yeroo barattoonni gara nyaatatti deemaannillee dabareen gochuu isaanii kan dubbatan Dr Abaataan murtee kana fudhachuuf kan dirqaman barattoonni yaaddoo qaban hedduun waan jiraniifi jedhu.

Wal dhabdee akkanaa olchuuf murtee yunivarsitoonni biyyittii barumsaa dhabanii cufuuf fudhatan yunivarsitii Walloof filannoo akka hin taanee fi kana akka hin murteessine dubbata.

Rakkoon nageenya akkanaa torban torbaniin uumamaa akka ture barattoonni kun ni dubbatu. Torban tokko duras barataan akkuma kana reebamee kan ture ta'uus lubbuu isaa garuu oolee amma gara magaalaa maatii isaatti deebi'uu himu.