Barattoota Yuunivarsitii Dabra Taabor maaltu mudate?

Yuunivarsitii Dabra Taabor

Madda suuraa, Feesbuukii Yuunivarsitii Dabra Taabor

Barattoonni Yuunivarsitii Dabra Taabor Kamisa darberraa kaasanii yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuu kan dubbatan yo ta'u, guyyaa kaleessaa nyaanni 'summaa'e' akka kennameef BBC'tti himan.

Barataan akka maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko akka jedhetti, nyaanni dhiyaateef 'summaa'uu' wayita hiriyoonni isaa battaluma soorataniitti wayita kukkufan baru hima.

''Erga Kamisa darbe rakkoon mudatee doormiidhaa baanee galma tokkotti walitti qabamnee jiraanna. Nyaatallee lagannee jirra. Darbee darbeeti kan nyaataa turre. Kaleessa garuu akka nyaannu nu dirqamsiisan. Barataa warra nyaata dide ni reeban. Harka kee suufanii ilaalanii yoo ati hin nyaanne ta'e si reebu,'' jechuun hima.

Garuu barattoonni nyaata sooratan hedduunsaanii battaluma ol utaalanii kufan kan jedhu barataan kun, dhiiga yoo baaqaman argu isaa hima. ''Battaluma mana yaalaatti guuramuu eegalan,'' jechuun akkamiin nyaanni sooratan kan 'summaa'e ta'u akka itti baran dubbata barataan kun.

Dubbii Kamisa darbe ka'een barattoonni Oromoo adda baafamanii haleelamaa turan kan jedhu barataan kun, ''ergasii nuti doormii waan baqanneef ragaan barnootaafi uffanni keenyaa gubateera,'' jedha.

Mooraa yunivarsitichaa kan eegan humni addaa Naannoo Amaaraa, poolisii Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa yoo ta'an, baay'inaan garuu humna addaa ta'usaanii hima barataan kun.

Barattuun biraan sodaa qabdurraa kan ka'e maqaanshee akka hin eeramne gaafatte, ''Barattoonni dursanii nyaatan wayita lafarratti kukkufan arginee nyaata dinnullee dirqamaan akka nyaannuuf nu reebaa turan,'' jetti.

''Kamisarraa eegallee doormii gadi dhiisnee bakka tokkotti walitti qabamnee bulaa jirra warra dhiiraa waliin. Bakki jiraannuus darbii lama qaba. Warri dhiiraa galma isa darbii tokkooffaarra jiru keessa jiraatu. Nutimmoo isa jalaa keessa yoo ta'u, mana fincaaniifi lafti qaama itti dhiqannaa iddoo tokko qofaadha,'' jechuun haala rakkisaa keessa jiraachuu dubbatti.

Rakkoo mudate hordofees mariin jilli abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, qondaaltota mootummaafi hawaasa yunivarsitichaa hirmaachiseen gaggeeffamus gaaffiin keenya ammallee nuuf hin deebine jedhu barattoonni kunneen.

''Nuti nageenya keenyaaf sodaanneerra. Sammuu kanaanis barumsa itti fufuu hin dandeenyu. Kanaafuu hamma tasgabbiin uumamutti maatii keenyatti deebi'uu barbaanna jennee gaafannus furmaati arganne hin jiru.''

Akkasumas ''Haala nuti keessa jirru namni nuuf hubate hin jiru. Akka namaatti ilaalamaa hin jirru. Keessattuu barattoonni shamarranii hedduu miidhamaniiru. Bishaan, uffataafi nyaata malee jiraachaa jiru. Kun mucaa durbaa tokkoof baay'ee ulfaataadha,'' jedhu barattoonni BBC'n dubbise.

Taatee summaa'uu nyaataan walqabatee kaleessa uumameen barattoonni dhukkubsatan mana yaalaa mooraa yunivarsitichaa keessatti yaalamuu kan dubbatan barattoonni kunneen, kaan ammoo qorannaaf barbaanna jedhanii fudhatanii deemaniiru jedhu.

Dhimma kanarratti guyyaa har'aa barattoonni Oromoo qaamolee nageenyaa waliin mari'atanis, deebiin argatan garuu ammallee barnoota keessan itti fuftuu qabduudha kan jedhu ta'u dubbatu barattoonni kunneen.

Taatee kaleessa barattoota yunivarsitichatti mudateera jedhame kan ilaalchisees Yunivarsitichiifi Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo barreeffama feesbuukii isaaniirratti barreesaniiniin waakkataniiru.

Haaluma kanaanis Yunivasrsitiin Dabra Taabor nyaanni barattootaa summaa'eera jechuun kanneen barattoota jeequu barbaadan of qusachuu qabu, kanneen akkas godhan hordofnee seeraan gaafanna jedheera.

Ministeera Saayinsiifi Dhaabbileen Barnoota Ol-aanoo maal jedhe?

Ministeera Saayinsiifi Dhaabbilee Barnootaa Olaanootti Daayirektara Kominikeeshinii Obbo Dachaasaa Gurmuu: ''Furmaata waaraa kan ta'u qaamni dhimmi ilaalu hundi qaama furmaataa ta'ee barnoonni akka itti fufu gochuudha. Barataa mooraadhaa baasanii maatiitti deebisuun furmaata otoo hin taane rakkoo biraa dhala,'' jedhan.

Rakkoon yunivarsitoota keessatti tibbana dhalataa jiru kan nama rifaasisuudha kan jedhan Obbo Dachaasaan, ''Furmaata waaraa fiduuf qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin mari'achaa jirra,'' jedhan.

''Barattoonni haala turerraa ka'anii baay'ee waan rifataniif miira kana keessaa isaan baasuun ifaajee guddaa gaafata.

Barattoonni gonkumaa turuu hin barbaanneefi maatii isaaniitti deebi'uu qofa akka furmaataatti fudhatan jiru. Nuti garuu hanga nuu dand'ametti humnoota nagaa eegsisanis galchuudhaan nageenya barataa eegsisuurratti xiyyeeffanneerra,'' jedhan.

Mooraa yunivarsitootaa keessatti kanneen hookkara kaasaa jiran hundi barataa miti kan jedhan Obbo Dachaasaan, "Namoota barataa hin taane, kanneen waraqaa eenyummaa sobaa qabatanii turanis to'anneerra, hojiin akkanaa cimee itti fufa," jedhan.

Barattoonni Oromoo yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa keessa jiran gara Oromiyaatti, barattoonni Amaaraa Yunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaammoo gara naannoo Amaaraatti deebi'uu barbaadu kan jedhan Obbo Dachaasaan, kun gonkumaa furmaata hin ta'u jedhan.

Akkas jechuudhaan barattoota mooraa keessatti dirqamaan tursiisuun hagam furmaata ta'a jennee isa gaafanneef: "Adeemsi sirriin nageenya iddootti deebisuudha.

Rakkoo guyyuu mudatuun yunivarsitii cufna taanaan balaa biraadha. Mooraadhaa hin baatan kan jennuufis nageenyummaa barataaf jenneeti," jedhan.

Waan dhugaadhaan mudate caalaa waan odeeffamutu mata-duree oduu ta'aa jira kan jedhan Obbo Dachaasaan, "Barattoota waliin dubbannee yoo furre malee barataa mooraadhaa baasuun jireenya barataa duubatti deebisuudha,'' jedhu.

Yunivarsitiiwwan rakkoon keessatti umaman keessatti barattoonni sodaa nageenyaarraa kan ka'e bakka tokkotti walitti qabamanii jiraatu, tajaajila barbaadan hin argatan, yaaddoodhaan qabamanii jraatu, hanga yoomiitti haala kana keessa tursiiftu jennees gaafanneerra.

"Madda rakkoo yoo adda baasne furuu dandeenya. Kanaaf, ammoo qaamni dhimmi ilaalu hundi mari'achuudha. Nageenya buusnee gara hojii baruufi barsiisuu idileetti deebisuudha malee filannoo biraa hin qabnu,'' jedhan.

Akka aanga'aan kun jedhanitti yunivarsitoota Itoophiyaa keessatti hiriira ba'uun saglee mormii dhageessisuun seenaa keessatti kan baratame ta'ullee dhiyeenya kana kan dhalataa jiru gaaga'ama lubbuu barataaf sababa ta'eera.

Ji'uma kana keessa yunivarsitoota Waldiyaa, Dirre Dhawaa, Bahardaar, Dassee, Dambi Doolloo, Gondar, Dabra Taaboriifi kanneen biroo keessatti hookkarri uumame hanga lubbuu barattootaa balleessuutti ga'eera.

Barattoonni yaaddoo nageenyaarraa kan ka'e gara maatii isaaniitti deebi'uu cimsanii gaafatanillee aanga'oonni damee barnootaa garuu tasgabbiiin uumamee hojiin baruufi barsiisuu itti fufa malee barataa mooraadhaa yaasuun furmaata dhumaa hin ta'u jechuun ibsan.