Barnoota Olaanoo Itoophiyaa: Yunivarsitiiwwan Bulee Horaa fi Hawaasaatti lubbuun barattootaa dabre

Madda suuraa, Bule Hora University
Guyyoota lamaan dabran keessa Yunivarsiitiiwwan Bulee Horaafi Hawaasaatti barattoonni lama lubbuu dhabuusaanii yunivarsiitiiwwaan kunneen BBC'f mirkaneessaniiru.
Yunivarsiitii Bulee Horaatti hiriira barattootni waayee nageenya lixa Oromiyaa ilaalchisee yaaddoo fi mormii isaanii ibsuuf bahan qaamolee nageenyaa waliin walitti bu'uun barataan tokko yoo lubbuu dhabu, barattoonni kaan ammoo miidhamuu barataan maqaan isaa akka hin himamne gaafate hime.
Kunis lakkoofsa barattootaa waldhabdee yunivarsiitiwwaniin lubbuu dhabanii diigdamatti kan siqu taasisa.
Bulee Horaa
Barataan Yunvarsiitichaa waggaa 3ffaa taheefi maqaan isaa akka himamu hin barbaanne, hiriira mormii mooraa Yunivarsiitii keessatti erga bahanii otoo xiqqoo hin turiin poolisoota mooraafi Federaalaatii marfamanii reebamuu hime.
''Maatiin keenya maal keessaa akka jiran quba hin qabnu. Miidhaa humna tikaa mootummaatin irra qaqqabu balaleeffachuuf hiriira nagaa baanee reebamne,'' jedha.
Barataan waggaa sadaffaa mormii kanarratti hiriyootasaa wajjiin hirmaatu tokko rasaasaan rukutamee du'uusaa dubbate.
Barattoonni walitti qabamanii dhaadannoo dhageessisuu akkuma eegalaniin barataan kun rasaasaan rukutamuus barataan kun nutti hime.
Barataan lubbuu dhabe kun dhaloonni isaa magaalaa Dambidoolloo yogguu tahu, barattoonni biroo 8 ol mada'uus dubbateera.

Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisaa:

Hoogganaan hariiroo hawaasaa Yunivarsiitichaa obbo Daani'eel Seeyfuu, jeequmsa barattootni uuman jedhaniin lubbuun barataa tokkoo darbuufi barattoota 12 ta'an irratti miidhaan qaqqabuu BBC'f mirkaneessaniiru.
Barattootni madaahan kan jiran yoo ta'u, barataan tokko lubbuun darbeera. Barataan rasaasan miila irraa dhahame tokko ammoo gara Hawaasaattii riifariin ergameera.
Sochiin barattootaa humnaa ol ture. Barattootni sadarkaa meeshaa qaamolee nageenyaa butuutti deemanii ture. Samitti ol qabanii dhukaasaniis barattootni harkaan qabuuf yaalaa turan. Kun kan ta'e barattoota xiqqoodhaani jedhan.
Barattootni karaa naga qabeessa miti mormii isaanii ibsuuf kan bahan. Dhagaa darbachuun foddaawwan doormii, kutaalee barnootaa fi laabii fa'a gocha mancaasuurra turan.
Reeffa barataa rasaasaan ajjeefamee gara Qeellam Wallaggaattii gaggeessuu isaanii kan himan obbo Daani'eel, Yunivarsiitichi amma tasgabbiitti deebi'aa jiraa jedhan.
Hawaasaa
Yunivarsiitii Hawaasattis rakkoo nageenyaa dhalatee tureen barataan tokko waan qara qabuun waraaname lubbuun isaa darbuu Hoogganaan hariiroo Hawaasaa Yunivasriitichaa Aadde Armaayee Aseffaa BBC'tti himaniiru.
Kamisa galgala keessa barataa waggaa tokkoffaa kan tahe Suraafel Saamu'el jedhamu koridara doormii keessatti kufee eegdotaan argamuufi gara Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Hawaasaatti ergamuu dubbatu.
Wayita argamutti lubbuun kan jiru yogguu tahu, haallisaa daran hammaataa waan turef lubbuun isaa dabarte jedhu.
Ajjeechaa barataa kanaan kan shakkaman barattoonni 44 tahan to'annoo jala ooluufi kanneen to'annoo jala oolan keessaa tokkoofi barataan du'e kun waldhabdee kan qaban tahus Aadde Armaayee dubbatu.
Qorannoon akka agarsiisuttis barataan kun waan qara qabuun waraanamee du'e jedhu.
Yunivarsiitiiwwan garaagaraa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hokkora dhalatee tureen walqabatee Yunivarsiitiin Gondariifi Walloo tarkaanfii fudhataniiru.
















