Dhaddachi dhimma Jawaarfaa ilaalu guyyaa guutuu akka ta'u jedhame

Galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaaleen abbaa alangaa waaree dura fi booda dhaggeeffataman.

Dhaddachichi waaree dura jecha ragaa tokkoo kan dhagahe yemmuu ta'u ragaalee biroo hafan sadi waaree booda dhaggeeffataman.

Dhaddacha har'aatin namootni galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarfaa keessatti argaman hundi (namootni 14) argamaniiru.

Ragaan afraffaa gaafii qaxxaamuraa waan hin gaafatamneef guyyaa boruu Roobii Hagayya 27, 2012 akka adeemsifamu manni murtichaa beeksiseera. Manni murtichaa naannoo sa'aa 7:30 hanga 8:30ti shakkamtootni laaqana nyaatanii akka deebi'an ajaje kan ture yemmuu ta'u shakkamtootni garuu laaqana hin nyaanne.

Yeroon gabaabbachuu akka sababaatti kan himame yemmuu ta'u poolisootni eegdotnis laaqana osoo hin nyaatin akka jiran komishiniin poolisii federaalaa himeera.

Manni murtichaa adeemsi galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarfaa saffisaan akka adeemu fi gara fuldurattis dhaddachi guyyaa guutuu akka ta'uu himuun poolisiin haala shakkamtootni soorata itti argatan mijeessuu akka qabu himeera.

Manni murtichaa ragaalee abbaa alangaa hafan dhaggeeffachuf boru Hagayya 27 bara 2012 sa'aa 3:30tti beellama qabateera.

Ragaaleen abbaa alanagaa dhaggeeffatamaa jiran kanneen eenyummaan isaanii osoo hin beekamiin golgaa duubaa ragaa bahanidha.

Dhimma qorannoo duraa fi ragaalee golgaa duubaa dhageesisuu irratti abukaatonni shakkamtootaa ol iyyannoo gaafatanii dhimmichi mana murtii olaanaa Federaalaatiin ilaalamaa jira.

Manni murtichaa dhaddacha Hagayya 22 bara 2012 oolen hogganaan bulchiinsa hidhamtootaa Komishinii Poolisii Magaala Finfinnee, poolisii Federaalaan qabamanii akka dhiyaatan ajaja kennee ture.

Sababni hogganaan kun poolisiin qabamanii akka dhiyaatanif ajajni itti kenname gazexeessaa OMN Mallasa Dirribsaa dabalatee namoota sadiif qorannoon Covid-19 akka taasifamu ajajni irra deddeebiin mana murtichaan kennamullee raawatamuu dhabuu isaati.

Hogganaan Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii magaala Finfinnee Inspeektar Olaanaa Arraagee Isheetee har'a mana murtiitti kan dhiyaatan yemmuu ta'u "akkaataa televizhiinii irratti himameenan dhiyaadhe. Namni na hidhee yookin dirqisiisee na dhiyeesse hin jiru" jechuun dubbatan.

Hoogganaan kun Hagayya 3, 12 fi 16 bara 2012 shakkamtootaaf qorannoon Covid-19 akka godhamu taasisuu isaanii himan.

Haa ta'u malee gaazexeessaan OMN Mallasa Dirribsaa isa dabalatee Yaalamwarq Asaffaa fi Boggaala Dirribsaa yeroo tokkollee qorannoon Covid-19 taasifamee fi bu'aan akka itti hin himamne akkasumas manni murtichaa ajaja erga kennee boodas qorannoon akka hin taasifamneef dhaddacha irratti dubbate.

Obbo Arraageen gama isaaniitin hidhamtootni kunneen kan poolisiin Federaalaa imaanaadhaan isaan bira kaa'e akka ta'e fi gaheen qorannoo Covid-19 gochuus kan Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Poolisii Federaalaa akka ta'e dubbatan.

Abbaan seeraa garuu Bulchiinsi Hidhamtootaa Komishinii Poolisii magaala Finfinnee bu'aa qorannoo Covid-19 beellama itti aanutti akka dhiyeessu akeekkachiisa cimaa walin ajajan.

"Beellama itti aanutti qoratamanii kan hin dhiyaanne yoo ta'e tarkaanfiin isinirratti fudhatama" jechuun abbaan seeraa hogganaa Bulchiinsa Hidhamtootaa Komishinii Magaala Finfinnee Inspeektara Olaanaa Arraagee Isheetee akeekkachiisaniiru.