Gaazexeessituun Keeniyaa badhaasa ‘BBC World News- Komlaa Dumoor’ mo’atte

Gaazexeessituu qorannoo fi dhiyeessituu TV kan taate Viiktooriyaa Rubaadiirii badhaasa ‘BBC World Service, Komlaa Dumoor’ mo’atte.

Rubaadiirii dhiyeessituu sagantaa Televizyinii ‘Citizen TV’ Keeniyaa dha.

Gaazexeessituun Afrikaa Bahaa kun nama dandeettii hunda-galeessa qabduufi namoota siyaasaa gurguddoos dubbisteetti.

Badhaasni kun gaazexeessaa ‘BBC World News’ kan tahe Koomlaa Dumoor balaa tasaan bara 2014tti du’e yaadachuuf kennama.

Rubaadiriin badhaasa kana marsaa isa jahaffaa fudhatte, badhaasicha mo’achuu dhaanis lammii Keeniyaa ishee lammataati.

Rubaadiriin ji’oota sadiif BBC keessa hojjechuufi leenji’uun muuxannoo argatti.

‘’ Komlaan gaazexeessaa hund-galeessa, yeroo dubbatu aangoodhaan kan yaadasaa ibsatu yoo tahu, namootaaf dhimmamaa dha. Dhugaa dhiyeessuu fi dawwattoota isaa akka maatiitti ilaaluu waan irraa barachuu qabnu dha,’’ jetti Rubaadiriin.

‘’Dandeettii haaraa barachuun daawwattoota biyya keessaa fi ala jiraniif odeessa dhiyeessuun na gammachiisa,’’ jette.

Gaazexeessituun kun dandeettii waa ibsuu,fedhii seenaa Afrikaa himuu qabduun filatamuu dandeesse.

Daariktarri BBC World Service Jeemii Angas,’’Viiktooriyaan simachuu keenyaan gammanneerra, fedhii fi yaada ishee BBCtti fiduusheettis,’’ jedheera.

‘’Komlaa dandeettii seenaa ardii Afrikaa kan addunyaa waliin himuu danda’u dha. Haala hubatamuufi dhihoo taheen dhuyeessa. Viiktooriyaan illee ilaalacha ishee jireenyatti fiduun nutty agarsiisti jennee amanna,’’jedhe