Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaasa Komlaa Dumoor 2018: Urjii gaazexessummaa Afriikaa barbaacha
BBCn ammalleen badhaasa BBC News Komlaa Dumoor bara 2018tiif kan waggaa arfaffaa saatiin urji gaazexxeessummaa Afriikaa barbaada.
Gaazexessitoonni ardii guutuu irraa badhasa oggummaa haaraa ifatti baasuufi jajabeessu irratti xiyyaafatu kanarratti akka hirmaataniif affeeramaniiru.
Kan badhaasicha kana moota'ees waajjira mummee BBC isa Landan baatii sadiif turuun oggummaafi muxxannoo kan argatu ta'a.
Iyyanni badhaasa kanaas baatii Bitooteessaa 23, 2018 sa'aatii 23:59 (GMT) irratti xumurama.
Badhaasichis gaazexessaa kabajamaafi dhiyeessaa oduu BBC World News lammii Gaanaa kan tasa umurii 41 bara 2014tti du'e Kolmaa Dumoor Tyaadachuufiidha.
Badhaasni bara kanaas kan labsamu magaalaa guddittii Gaanaa Akiraa irraayi.