‘Rakkoo siyaasaa mudateef furmaanni siyaasa ta’uu qaba’-KFO

Koongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO'n) ibsa haala yeroo irratti kenneen, ''rakkoo siyaasaa Itoophiyaatti mudateef furmaanni siyaasa'' jedheera.

Partichi ibsa Hagayya 22 baaseen ''hoggansi paartichaa paartii biyya bulchu [Paartii Badhaadhinaa] dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin marii garagaraa taasifnus, dadhabbiin keenya bu’aa hin argamsiifne’’ jedha.

Yeroo garagaraattis rakkoolee mudataa jiraniif furmaanni akka barbaadamuuf iyyannillee osoo hin hafin galfamus homtuu hin jijjiiramne jedheera.

Miidhaa hawaasa magaalaa Awwadaay irra ga’e, miseensonniifi deeggartoonni paartichaa hidhamuu, tarkaanfiin humnoota mootummaatiin fudhatamaa jiru mirga namaa dhiibaa jiraachuusaatiin yaaddoo qabaniifi dhimma filannoo irratti xalayaawwan guyyaa gargaraatti qaamolee mootummaa garagaraaf barreessinus dhageettii hin arganne jedha ibsichi.

‘‘Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan boodas haalli hammaachaa deemuufi dhimmichi qaama walaba ta’een akka qoratamuufi hidhaan misensota paartilee irratti taasifamu akka dhaabbatuufi warreen hidhamanis hiikamanii hawaasa tasgabbeessuu irratti akka hirmaatan ibsa ejjennoon gaafanneerra.’’

‘‘Sun deebii osoo hin argatin manneen hidhaa guutanii haga dareewwan mana barnootaa mana hidhaatti jijjiiramuun namoonni koroonaavaayirasiif saaxilaman taasisaa jira’’ jedha.

‘‘Kanaafuu rakkoolee siyaasaa uumaman kanaaf, akkuma duraan jechaa turretti furmaanni siyaasa waan ta’eef, mootummaan Itoophiyaa namoota hidhuu dhaabuun warreen hidhamanis hiikee marii biyyaalessaatti haadebi’u jennee waamicha dhiyeessina’’ jedheera KFO’n.

Gama kaaniin paartileen siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran Hagayya 22 bara 2020 galma Komishinii Dingadee Afrikaatti waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu yaada jedhuratti mariyachaa ooluu miidiyaan biyyaalessaa EBC gabaaseera.

Dhimma kanarratti hooggantootni paartilee sadii waliigaltee biyyaalessaa fiduuf maaltu godhamuu qaba kan jedhurratti yaada marii dhiyeessuus gabaaseera.

Adoolessa darbe dhimma yerooorratti mariyachuuf MM Abiy Ahimad paartilee mormiituu waliin kan mariyatan yoo ta'u waltajjii sanirratti dhimmi kun humnootni siyaasaa kan irratti bal'inaan mariyatan akka ta'u yaadni dhiyaatee ture.

Paartileen kun seenesssa dogogoggoraa harkisuun ummatoota walitti buusuuf yaaluun bu'aa hin qabu jedhaniirus jedha gabaasni EBC.

Sagantaan kun Mana Maree waloo Paartileen kan qophaaye yoo ta'u, Dr. Aragaawii Barihee, Piroofeesar Mararaa Guddinaa, Shaambal Amaan Usmaaniifi obbo Yeshiwaas Asaffaan kan durfame akka ta'e ammoo FBC irraa odeeffanne.