Hoomaan awwaannisaa midhaan kuntaala miiliyoona 3.5 irratti miidhaa qaqqabsiiseera

Baatii Waxabajjii 2019tti biyya Yaman irraa karaa Somaalee Laandiitiin naannoo Affaariifi Somaalee kan seene hoomaan awwaannisaa oomisha midhaanii bara oomishaatti argamuuf karoorfame harka lamaa ykn kuntaala miliyoona 35 mancaaseera jedhame.

Hoomaan awwaannisaa kun callaa harka 70-100 gahu balleessuu danda’a ture kan jedhan Ministeera Qonnaatti Daariktara Eegumsa biqilootaa, Obbo Taammiruu Kabbadaati.

Haata'u malee hojii cimaa dalagameen miidhaan qaqqabe gad-aanaa ta'u danda'eera jedhan.

Awwaannisi kun gara Walloo fi Kibba Tigraay qaqqabuun miidhaa geessiseera. Karaa Somaalee immoo Harargee Bahaa gahuun callaa mancaaseera.

Hojii ittisaa ji’oota darban keessatti hojjetameen waggaa guutuu marga loon dheedan irratti malee callaa irratti miidhaan hin qaqqabne jedhan.

Waxabajjii 2019 irraa qabee hojii Naannoo Affaariifi Somaalee irratti hojjetamus iddoo qaqqabuuf rakkisaa taheerraa ka’uun baha Oromiyaa, Dirredhawaa fi Kibba Amaaraa Qaalluufi Argoobbaatti miidhaa hanga tahe qaqqabsiiseera kanaanis callaa hir’iseera.

Marroo lammataatti immoo Sadaasaa fi Mudde darbe keessa baha biyyattiitti deebi’ee dhufus callaan sassaabamee waan tureef miidhaa hin qaqqabsiisne.

Yeroo oomisha arfaasaa Kibba Itoophiyaa naannoo Daassanach, Nyaagaatoom, Oomoo naannoo Keeniyaatti dhiyaataniitti otoo miidhaa hin qaqqabsiisiin ittisuun danda’ameera.

Bara 2012 yeroo gannaa kana Affaariifi Somaalee ijaa jiraatuuf xiyyaaraan deeggaramuun hojii ittisaa fi adda baasuu taasifama jira.

‘’Bara darbe hojiin ittisaa gaariin hojjetameera. Kan hunda ittiin galateeffannu dha.Bara darberraa konkolaataa fi helikooptara daballeetu jirra,naannoleenis hirmaachaa jiru,’’ jedhan Obbo Taammiruun.

Namoota bobbaasuun dabalataan konkolaataa baayyee helikoootarii keemikaala biifuuf tahu afur fi helikoptariin iddoowwan adda baastu qophaa’aniiru.

Hojiin ittisaa kun helikooptara lamaafi xiyyaara iddoo adda baastu fayyadamuun Somaaleefi Affaar irratti xiyyeeffannoo gochuuni hojjechaa jirra.

Dhihoottis karaa Keeniyaa hara Turkaanaa irraa ka’ee Kibba Oomoo irraan awwaannisni galuu ijaa danda’uuf isa eeggitiifillee Arbaa Mincitti helikooptarii qopheessinee jirra jedhan Obbo Taammiruun.

Kana malees ummatni odeeffannoo waliif dabarsuun tarkaanfii attamii akka fudhannu baruuf nu gargaara jedhan.

Hoomaa awwaannisaa biyya keenyaa gara biyyoota ollaatti deemurra isa galuutu caalaa jedhan.

Kanaafis akka biyyoota kaantti hin tamsaaneef ittisuurra darbee biyyoota ollaa waliin odeeffannoo walii qooduuf Dhaabbata Nyaataa Addunyaa waliin tahuun wiirtuun dhaabbateera.

Karaa sanaan biyyootaaf odeeffannoon qaqqabaaa jira jedhan Obbo Taammiruun.