Ajjechaa Hacaaluu Hundeessaa: Gaazexessaan Keeniyaa Yaasiin Jumaa gadhiifame

Gaazexessaan lammii Keeniyaa Yaasin Jumaa kan baatii darbee ajjeechaa Hacaaluu Hundeeessaatiin booda poolisii Itoophiyaatiin Finfinneetti to'atamee ture hiikamuun barame.

Yaasiin mana hidhaa osoo jiruu Covid-19n waan qabameef amma bakka itti adda bahee turu keessa jira jedhame.

Abbaan alangaa Itoophiyaa Yaasiin ''dogongoraan kan hidhame ta'u'' himuun akka gadhiifamuuf kan ajajee torbanuma kan ture.

Yaasiin riipportarri firilaansii yoo ta'u ajjeechaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii dhumaan booda hokkara magaalaa Finfinneetti umamee ture hordofeeti.

Ministirri Haajaa Alaa Keeniyaa gama isaatiin karaa imbaasii biyyattii Itoophiyaatti argamuun hidhamu gaazexeessaa Yaasiin ilaalchisuun irra deddebiin xalayaa barreessuu beeksiiseera.

Ajjeechaa Artisti Haacaaluutiin walqabatee Itoophiyaatti, keessattuu naannoo Oromiyaa keessatti hokkarri babalatee turuun ni yaadatama.

Kanaan wal qabatee, namoonni gara 200 ta'an ajjeefamuun kan himame yoo ta'u, kuma torbaa ol kan ta'an to'atamuu qondaaltoonni mootummaa beeksisaniiru.

Namoota hanga ammaatti mana hirdhaatti argaman keessaas aanga'oonni paartiilee mormituu bebbeekamoofi gaazexessitoonni ni argamu.

Haaluma walfakkaatun hiriira mormii aanga'oonni siyaasaa akka hidhaa bahan gaafatu ilaalchiisuun naannoo Oromiyaatti dhiheenya taasifameen lubbuun namootaa baduun dhagahameera.

Kana ilaalchisees miseensoonni haawaasa Oromoo US fi kutaa addunyaa birootti argaman hiriira moormiitiif yeroo yeroon daandiitti bahaa jiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas halleellaa humnootiin nageenyaa namoota harka qullaa mormiif bahaniirratti raawwatee na yaachiiseera jechuun harra ibsa baaseera.