Koronaavaayiras: 'Osoo sirna awwaalchaa abbaa keenyaarra jirru, haati keenyas duute'

Joonii fi Meerii Booksar waggaa 60'ffaa guyyaa gaa'ilasaanii silaa torbee darbe kabajatu ture. Maatiin isaaniis sagantaa bashannanaa qopheessuuf karoorsanii turan.

Haa ta'u malee isaan lamaanuu garaagarummaa guyyootaatiin sababa Covid-19 lubbuusaanii dhaban.

"Isaan lamaanuu maatii guddaa keessaa dhufan," jette intalli isaanii Eleeyin.

"Abbaan kiyya teleekoomnikeeshinii keessatti hojjata ture, haati tiyya ammoo qulqulleessituu turte. Boodarra Hospitaala Rooyaal Saandarlaand keessatti nyaata qopheessaa turte."

Eleeyin fi obboleettii ishee Glynis guyyaa kabaja gaa'ila waggaa 60ffaa maatiisaanii karoorsaa turan.

"Galma kireeffachuu fi abbaan warraa obboleettii tiyyaa kan weellisaa ta'e sagantaa sanirratti akka sirbuuf karoorsaa turre," jette Eleeyin. "Sababa uggura koronaavaayirasii sagantaan karoorsaa turre yeroof akka dhaabatu gooneerra."

Ebla 10 Joon dhukkubsatee Hospitaala Rooyaal Sandarlaand seene. Guyyaan guyyaa ayyaana Fannoo ture.

Ogeeyyiin fayyaas dhukkubbii homaa waan irratti hin argineef gara manaa akka deemu godhan.

Guyyaa ayyaana Faasikaa hospitaalaatti deebi'ee qorannoo Covid-19 taasise. Guyyaa Wiixataa koronaavaayirasiidhaan qabamuunsaa mirkanaa'e.

"Hospitaalli deebi'ee gara manaa akka deemuu godhuuf ture, garuu yeroo abbaan warraa obboleettii tiyyaa ol kaasuun dhaabbachuu hin dandeenye," jetti Eeeyin.

"Abbaan kiyya dhukkuba sukkaaraa fi Paarikiinsan qaba ture, ta'us garuu miirri dadhabbii natti dhagahamaara jedhee ture."

Joon hospitaala turus fayyaan isaa garuu fooyya'uu hin dandeenye ture. Innis guyyoota torba eega dhukkubsate booda Ebla 17 du'e.

'Harmeen teenya nyaachuu dhiifte'

"Du'a isaa hin amanne," jetti Eleeyin. "Guyyaa Kamisaa bilbilaan dubbiseenii ture, naga qaba ture."

Eleeyin haati ishee dhukkuba Alzaayimarii ykn waa dagachuu akka qabduu fi jalqabarratti wanta uumame fudhachuun akka ishee rakkisee ture dubbatti.

"Haati teenya nyaata nyaachuu dhiiftee turte," jetti.

"Guyyaa tokko obboleettiin teenya naa bilbiltee saffisaan harmee bira akka deemu natti himte. Ho'i qaamaashee ol ka'ee ture. Mallattoo Covid-19 yookiin qufaa hin qabdu turte ta'us garuu hammi oksijiinii ishee gad bu'ee ture."

Meeriin guyyaa san gara hospitaalaa deemtee koronaavaayirasiin akka qabamte itti himame.

Sirni awwaalchaa Joon Caamsaa 2 kan ture yoo ta'u namoota muraasa qofadha kan irratti hirmaate.

"Ana, abbaa warraa kiyya, obboleettii kiyya, abbaa warraa obboleettii kiyyaa, abbeeraa kiyya fi namoota lamaan birooti kan sirna awwaalchaarratti argamne," jetti Eleeyin.

"Eega awwaalchaa deebine booda bilbila abbaa warraa obboleettii kiyyaarratti si'a sadi bilbilamee ture. Innis deebisee bilbilee, Meeriin du'uushee dhaga'e, obboleettii tiyyattis hime."

"Duutii harmee teenyaa baay'ee akka gaddinu nu godheera. Baay'ee gaddine."

Guyyaa sirna awwaalchaa Meerii irratti namoota 16'tu akka hirmaataniif kan hayyamame. Maatiin biroo fi hiriyyoon keenya tamsaasa kallattiitiin hordofaa turan.

"Haatii fi abbaan keenya baay'ee wal jaalatu turan. Waliif wanti isaan hin goone hin jiru. Yoo isaan keessaa namni tokko hospitaala ciisee namni kuun yeroo hunda cinaa nama sanii tura."

Maatii kun haala jireenyaa Joonii fi Meerii waggaa dhufu kabajuuf karoora qaba. "Kabaja guyyaa gaa'ilasaanii kan waggaa 60ffaa bara dhufu bakka miseensonni maatii hundi argamanitti kabajuuf karoorfanneerra."

"Walitti dhufuu qabna," jetti Eleeyin. "Jajjabinna xiqqoo kan nuuf kennu isaan irra deebiidhaan waliin jiraachuusaaniiti - waliinis turan."