Gameessi paartii mormituu Obbo Lidatu Ayyaalo to'annoo poolisii jala oolan

Namni siyaasaa gameessi Obboo Lidatuu Ayyaaleew guyyaa har’aa naannoo sa’aa afuriitti magaala Finfinnee keessatti to’annoo jala ooluu pireezidantiin paartii isaanii Paartii Dimookraatawaa Itoophiyaa Obbo Adaanee Taaddesee BBCtti himan.

Akka Obbo Adaaneen jedhanitti, hundeessaan paartichaa Obbo Lidatuu Ayyaleew har’aa to’annoo jala kan oolfaman humnoota Poolisii Federaalaani.

‘‘Ajaaja hidhaa manni murtii bulchiinsa magaalaa Bishooftuu irratti baaseen to’atamani," jedhan.

Ajaja mana murtiirraa baheen Obbo Lidatuu Ayyaaleew yakka maaliin akka shakkamanii ibsameeraa jedhan.

‘‘Bishooftuu keessatti hookkara uumame qindeessiteetta, maallaqaaniis deeggarteetta himata jedhutti irratti dhiyaate.’’

‘‘Bilibila naa bilbilee Poolisiin Federaalaa to’atee gara magaala Bishooftuu geessee Poolisii Oromiyaatti isa dabarsuuf akka jiru natti himeera’’ jedhan.

Xalayaa ajaja hidhaa naaf ergeera kan jedhan Obbo Adaaneen hanga ammaatti kan beeknu Poolsiin magaalaa Bishooftuu Obbo Lidatuu mana murtiitti himachuu isaatii jedhan.

Dabalataaniis ajajni mana murtii gaafa guyyaa A.L.I Adoolessa 3, 2011 kan baasii ta’e akka ta’ees himaniiru.

Bakka isaan jiran agachuu waan hin dandeenyeef bakka argamanitti haa qabaman kan jedhu ajajarra jiraachuus dubbataniiru.

Ammaa booda abukaatoo isaaniitti dubbannee dhimma isaanii hordofnas jedhaniiru.

Obbo Lidatuun yeroo ammaa miseensa Mana Mare Biyyaalessaafi Qindeessaa Tokkummaa Dhaabotaa Abroonat jedhamuuti.

Obbo Lidatuu Ayyaaloo bara 2018 yeroodhaaf hojii siyaasaa kamiyyuu keessatti akka hin hirmaanne himanii turan.

Konfiransii Maqaleetti qophaa'erratti affeeramee erga deemee namoota garaagararraa dorsisni akka isa mudataa ture ibsaas ture.

Konfiransicharratti yaada akkamii akkan kennellee namoota hin dhageeffannetu si ajjeesnaa, qabeenya kee gubna jechuun na dorsisan jechuun BBCtti himeera yeroo sanatti.

Kunis namoota ilaalcha sanyummaan qabamaniifi jijjiirama dhufaa jirurrattis hin amannetu gochaa kana raawwata jedhan.

Hanga haalichi tasgabbaa'uttis yeroodhaaf paartii siyaasaas waan hin qabneef siyaasa kamirraayyuu of qusachuun fedha jedhanii ture.