Koroonaavaayiras: Yaaliin talaallii Covid-19 argachuu abdachiisaa ta'aa dhufeera jedhame

Dubartii qorannoo gaggeessaa jirtu

Madda suuraa, PM MEDIA

Koroonaavaayirasiif talaalliin abdachiisaan sadarkaa yaalii Kilinikaal jedhamurra gahan jiraachuu ogeeyyiin UK fi US beeksisan.

Namootni fedhaan yaaliin kun irratti gaggeeffamaa jiru talaallii kana fudhachuun booda dandeettiin ittisa dhibee qaama isaanii dabaluun abdii isaanii akka hore qorattootni UK fi US ibsaa jiru.

Dabalaataan talaalliin kun miidhaa qaamaa hin malle guddoo kan hin geessifne ta'uutu himame.

Gosootni talaallii adda addaa 23 sadarkaa yaalii namarratti gaggeeffamurraa kan gahan yoo ta'u, 140 ammoo sadarkaalee qorannoo kanaa gadiirra argamu.

Haata'u malee saayintistoonni tokko tokko namootni fedhaan yaalii kanaaf akka of kennanii qorannoo kana akka saffisiisan gaafachaa jiru.

Talaalliiwwan kun milkaahaniiru kan jedhaman, namootni yaalii kanaan talaalliiwwan kana erga fudhatanii booda Koroonaavaayiirasiif of saaxilanii yoo qabamuu baataniidha.

Namootni amma yaalii kana keessatti akka hirmaatan gaafatamaa jiraniis erga talaallii kana fudhatanii booda vaayirasichaaf of saaxiluu qabu.

Dhaabbileen akka 1 Day Sooner jedhaman biyyoota addunyaa 140 keessatti namoota fedhaan qorannoo kanaaf of kennan 30,000 argachuuf duulaa jiru.

Gareen saayintistoota bebbeekamoo warreen badhaafamtoota Noobel ta’an dabalatee namoota fedhiidhaan talaallii Covid-19 yaaliirra jiru fudhatanii koronaavaayirasiitiif of saaxilaniif waamicha taasisaa jiru.

Kana kan gochaa jiraniifis, talaalliin sun hangam akka koronaavaayirasiin qabamuurraa isaan ittisuu akka danda’u ilaaluuf jedhameera.

Yeroo ammaa akka addunyaatti talaaliiwwan 23 sadarkaa yaaliiwwan kilinikaal irra gahanii jiru.

Karaan ittiin akka talaaliiwwan kunneen hojjetan baruun danda’amu namoonni fedhii qaban talaallichaa fudhatanii booda koronaavaayirasiif of saaxiluun qabamuufi dhiisuu isaanii ilaaluun qofa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Talaalliiwwan akkamiin hojjetu

Dhaabbanni dawaa Chaayinaa yaalii kilinikaa marsaa sadaffaa Abuu Daabii, UAE keessatti jalqabuu isaa, aanga’oonni biyyattii himaniiru.

US keessatti ammoo ogeessi buleessa ittisa weerara kanaa gaggeessaa jiran Dr. Antoonii Faawuchii dhuma waggaa kanaatti talaallii argachuun dirqama jedhan.

Weerara koronaavaayirasiin walqabatee haalli biyyattiin itti jirtu daran hammaachaas jira. Yeroo ammaatti weerarichi dabalaa dhufuun namoonni miliyoona 3.5 qabamaniiru.

Indiyaattis lakkoofsi namoota qabamanii baay’ee dabalaa jira.

Afrikaan Kibbaa ammoo namoota guutummaa Afrikaa keessatti qabaman keessaa walakkaatti kan siquun arditti keessaa kan hedduu miidhamtedha.

Gorsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa – yeroo ispoortii hojjettan maaskii hin godhatiinaa, sababiin isaas sirriitti hafuura baafachuu waan isin dhorkuuf.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa