Qorichi koronaavaayirasii fayyisa jedhamee abdatame ture ‘yaalii jalqabaan fashale’

Qorichi 'remdesivir' koronaavaayirasii fayyisa jedhamee bal'inaan abdatamee ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qorichi 'remdesivir' koronaavaayirasii fayyisa jedhamee bal'inaan abdatamee ture

Qorichi farra vaayirasii 'remdesivir' jedhamuufi qoricha koronaavaayirasiif akka ooluuf yaalii kilinikaa jalqabaa namarratti taasifameen milkaa’uu dhabuun isaa gabaafame.

Qorichi kuni koronaavaayirasii yeroo ammaa addunyaa yaaddoo keessa galche hin fayyisa jedhamee bal’inaan abdatamee ture.

Qorichi kuni Chaayinaatti yaalamus nama koronaavaayirasiirraa fayyisuu hin dandeenye jechuun ragaan tasa marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra bahe mirkaneesse.

Akka ragaa kanaatti, qorichichi haala dhukkubsattootas hin foyyeessine orgaanizimii dhiiga keessa jiruufi dhukkuba daddabarsuuf xiqqeessuu hin dandeenye jedhameera.

Dhaabbanni Ameerikaa qoricha kana oomishu ‘Gilead Sciences’ jedhamu garuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gadhiise qorannoo taasifame haala dogongoraan ibse jechuun himate.

Waa’ee qorannoo kanaa maal beekna?

Oduun yaaliin qorichaa milkaa’uu dhabuu isaa himu marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti bahee ture jennaan dhagahame.

Ta’us, boodarra kaafame. Boodarra dhaabbatichi dogongoraan gadhiifame jedhee mirkaneesse.

Akka ragaa gadhiifameen, qorattoonni dhukkubsattoota 237 qoratani. Namoota 158’f qoricha kennanii kanneen qoricha xiinsammuu isaanii cimsu fudhatan 79 wal bira qabani.

Namoota 79 kanaaf qoricha fayyisu oso hin taane kan xiinsammuu isaanii cimsu, ‘placebo’ jedhamutu kennameef

Ji’a tokko booda, dhukkubsattoonni 13.9% qorichicha fudhatanii du’an. Kanneen xiinsammuun isaanii akka cimuf kenname keessaa immoo 12.8%’tu du’e.

Kanaaf, yaaliin qorichaa battaluma akka dhaabbatu ta’e.

‘‘Remdesivir’ nama fayyisuus ta’e vaayirasii qorachuu dandeessisu hin argamsiisne,’’ jedha xiinxalli ragaa kanaa.

Kaampaanichi maal jedhe?

Dhaabbanni ‘Gilead’ jedhamu ragaan marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa iratti gadhiifame hiika biraatu kennamef jechuun morma.

Dubbii Himaan dhaabbatichaa akka jedhanitti yaaliin dafee akka dhaabbatu kan ta’ef kanneen irratti akka yaalamu fedhan lakkoofsi isaanii xiqqaa waan ta’efidha.

Nama xiqqaarra yaalanii baasuun immoo ija sitatistiksiin sirrii miti jedhan.

‘’Sababa kanaaf, bu’aan qorannoo kanaa gahaa miti,’’ jechuun himan.

Kuni garuu xumura qoricha kanaa miti. Yaaliin itti fufe taasifamuun itti fayyadama qoricha kanaa irratti waan ifa ta’e akka barru nu taasisa jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa