Addunyaarraa daa'imman miiliyoona 14 talaalliin barbaachisaa ta'e jala dabreerra jedhame

Madda suuraa, AFP
Itoophiyaa dabalatee addunyaarratti daa'imman miiliyoona 14 ta'an bara darbe talaalii dhukkuboota irraa ittisu osoo hinfudhatiin hafuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaafi Unicef gabaasa waliin baasaniin ibsan.
Daa'imman kanneen keessaa isaa wallakkaa ta'an biyyoota Afriikaa kanneen wal waraansi keessaatti gaggeeffamaa turee keessatti argamaniidha jedhaniiru dureen kutaa talaallii dhaabbata UNICEF Dr. Roobiin Naandii.
''Talaalliiwwan daa'imman kunneen osoo hinfudhatanii hafanis kan dhibeewwan akka laamsheessaa, gifira, mananjalloo, tiitaanoosii, fi kkf dha.
Kan baayyee nu yaachisaa jiruus waa'ee daa'imman gifiraaf hintalaalaminiidha,'' jedchuun Dr Naandiin BBCtti himaniiru.
Keessattuu daa'imman baadiyyaa fi magaaloota keessatti ammoo, bakkeewwan namoonni galiinsaanii gadaanaa ta'ee walitti baayyachuun jiraatan caalaa saaxilamtoota jedhan.
Biyyoonni Afriikaa kan akka Itoophiyaa, Naayijeriyaa, Koongoo, Chaad, Jiddu gala Riippaplika Afriikaa fi Suudaan Kibbaa kanneen daa'imman hedduu keessatti talaallii kana osoo hinfudhatiin hafaniidha.
Akkasumas gabaasichi lakkoofsi daa'iman bara kana talaalliiwwan kanneen osoo hinfudhannee hafan ammo sababii weerara koronaavaayirasitiin dachaa kanaa ta'u akka danda'u akeekkachiseera.
Baatii Bitooteessaa keessa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoonni hanga tarkaanfiin ittisa Covid-19 ittisuu cimaan argamuutti duulli talaalii guddaan yeroof akka dhaabbatuu gorse kan ture ta'unsaa ni yaadatama.
Hanga ammaattis, Itoophiyaa fi Burkinaa Faasoon biyyoota muraasa duula talaallii qajeelfamoota ofeegannoon gaggeefamuu deebiisanii eegalan keessatti argamu.
Haaluma walfakkaatuun Itoophiyaa keessattis baatiiwwan arfan darban keessatti guutuu biyyaa keessatti weerarri gifiraa mulachu isaa Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa dhiheenya kan himanii ture.
Kanumaan walqabatees dulli talaallii bakkeewwan garaa garaa keessatti eegalamuu illeen dabalanii himanii ture.
Kana malees Naannoo Oromiyaa keessatti godinaalee Harargee Lixaa keessatti weerarri gifitaa kun yaaddoo uumaa jiraachu maatiifi oggeessa fayyaa dubbisuun gabaasuun keenya ni yaadatama.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















