Koronaavaayiras: Abbaan ijoollee dubraa Covid-19'f talaallii fudhattu jedhee sobuun kittaansisuun himatame

Abbaan alangee Masrii akka himanitti, abbaan ijoollee durbaa sadii kun ‘talaallii koroonaavaayiras’ fudhattu jedhee sossobuun akka kittaanaman godheera.
Doktorri isaan kittaane ammoo mana isaanii jiran deemuun ture.
Shamarran umurii 18 hin guunne kunneen dooktarichaan dirqamaan qaamni saalaa isaanii kan kittaaname.
Masriitti kittaannaan dubartootaa seeraan ala ta’uun 2008’tti labsamus ammallee inuma jira.
Talaallii koroonaavaayiras argachuuf yaaliirra ta’amus ammallee hin milkoofne.
Shamarran kunneen haala sana haadha isaanii abbaa isaaniin gargar baatee jirtutti yoo himan anga’ootatti kan beeksifte.
"Of wallaalanii bakka jiranurraa yoo dammaqan miilli isaanii hidhamee dhukkubbiin muraasni itti dhag’amnaan naasuu keessa galani,’’ jechuuni abbaan alangee himata keessaa kan dubbise.
Kittaannaan dubartootaa yakka jedhamuun 2016’tti seerri doktaroota gocha kana raawwatan adabbii hidhaa waggoota 7 ga’uun adabsiisufi warreen akka raawwatuuf gaafatan ammoo waggoota 3’f mana hidhaa galchuu danda’u ba’ee ture.
Amma yoonaatti garuu namni himatamee adabbiin itti murtaa'e hin jiru. Falmattoonni mirga dubartootaa akka jedhanitti, abbootiin murtiifi poolisoonni labsii kana hojiirra oolchuuf fedha hin qaban.
"Haala abbootiin murteefi poolisoonni seera kana hedduu salphisanii itti ilaalan hedduu nama rifachiisa,’’ jechuun daayirektarri olaanaa Giddu-gala Gorsa dubartootaa Kaayirootti argamuu Reedaa el-Daanbuukii AFP’tti kan himan.
Amajjii darbe shamarreen ganna 14 Naadaa Abdel Maqsuud dirqamaan erga kittaanamtee booda dhiigni hedduun dhangala’ee lubbuun ishee darbee jennaan miidiyaa hawaasaarra dheekkamsi ka’ee ture.
Maatiin ishee mana murtiitti geeffamanii ture, ta’us hanga yoonaa dhaddachi itti fufuusaa waan beeknu hin qabnu jedhu, Obbo Daanbuukiin.
Kittaannaan dubartii maalidha?
Kutaalee addunyaa hedduutti gochi kun seeraan ala jedhamus, ammallee waan guutuu addunyaatti raawwatamudha.
Kittaannaan kun sababa fayyaaf barbaachisaadha hin jemaiin tokko malee kan raawwatamu yoo ta’u, qaama saalaa dubartootaa irra miidhaa kan geessisu dha.
Akka gabaasa UN’tti dubartoonni miiliyoona 200 ta’an kan lubbuun jiran kittaannaan qaama saalaa gara garaa irratti raawwateera.
Masriitti amantaa Ismaalaamaas ta’e Kiristaan kan hordofan biratti kan geggeeffamu yoo ta’u, sababa aada fi amantaa qaba jedhamus, fedhii saalaa dubartootaa toa’achuuf kan raawwatamu dha jedhamee amanama.
Qorannoo UN’n 2016’tti taasifameen, dubartoota Masrii umurii 15-49 keessa jiran keessaa %87 kan ta’an kittaanamaniiru.
Kittaannaan dubartootaa rakkoolee qaamaa fi xiinsammuu kan akka faalamuu, rakkoo laguu, dhala dhabuu, ulfaa’uu fi dahumsarratti rakkachuuf dubartoota saaxiluu danda’a.
















