Sudaan dhaqna qabaa yookaan kittaanaa dubaraa seeraan dhorkite

A cupped pair of hands holding a razorblade

Madda suuraa, Getty Images

Sudaan dhaqna qabaa yookaan kittaannaa dubaraa seeraan dhorkuun, namni yakka kana raawwate hidhaa waggaa sadiin akka adabamu murteessite.

Akka gabaasa UNtti dubartoota Sudaan ganna 14-19 gidduu jiran keessaa %87 irratti dhaqni qabaa gaggeeffameera.

Dhaqna qabaan yookaan kittaannaan shamarranii rakkoowwan fayyaa hedduu, kan akka dhibee kaleefi yeroo saal-qunnamtiitti dhukkubbii fiduu danda’a.

Dubaraaf kan dhaqna qabaan taasifamu amantaa addaa maqaa dubaraaf barbachisaadha jedhuufi booda bultoo isaaniif ni fayyada jedhuni.

Garuu addunyaa mara irratti gochi kun akka dhaabbatuuf sochiin gaggeeffamaa jira.

Akka gabaasa Reuters’tti seerri kun kan mirkaneeffame Ebla 22 irratti.

Akka seera kanaatti namni dhaqna qabaa dubaraa mana yaalaattis ta’e bakka biraatti gaggeesse hidhaa waggaa sadiifi mallaqaan ni adabama.

Dhaqna-qabaa jechuun:

  • "Qaama saalaa dubartii gara irra keessaa gariin ykn guutummaatti muruu ykn sababii fayyaa tokko malee madeessuu/miidhaa irraan ga'uudha"
  • Biyyoota Afirkaa 30fi biyyoota Eeshiyaafi Baha Giddu-galeessaa garii keessatti kan baramedha
  • Waggaa waggaadhaan ijoolleen durbaa miliyoona sadii ta'an guutummaa addunyaarraa rakkoo kanaaf saaxilamu
  • Kanneen miliyoona 125 tti tilmaaman ammoo rakkoo sababa dhaqna-qabaatiin uumame waliin rakkachaa jiru jiraatu
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaan ijoollee durbaa umurii xiqqummaatii hanga waggaa 15 keessa jiran irratti raawwatama
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaadhaaf kan akka ka'umsaatti fudhatamu akka amala saalqunnamtii sirrii ta'e qabaattuuf, shammarra ykn dubartii tokko dubartummaadhaaf qopheessuun heerumsiisuun "amala dubartummaa qulqulluu" akka qabaattu taasisuuf jedhama
  • Balaan dhaqna-qabaa dhiiguu akka malee, maseenummaafi rakkoo fayyaa walxaxaa yeroo da'umsaa mudatuufi yeroo da'umsaa daa'imni du'uu qaqqabsiisa.