Filannoo US2020: Donaald Tiraamp hogganaa duula filannoo durii kaasanii haaraa muudan

Si’a lammaffaaf filatamuuf dorgommii cimaatu isaan mudata kan jedhame Doonaald Tiraamp nama duula filannoo gaggeessaafi ture dhiisuun nama haaraan bakka buusan.

Doonaald Tiraamp bara 2016 duula filannoo gaggeeffame irratti hogganaa duula filannoo tahuun nama hojjetaa ture Biraad Paaskal jedhamu Biil Istiifen nama jedhamuun bakka buusan.

Paaskal hiriira ji’a darbe Okilahoomaatti gaggeeffame irratti si’aayinaan hin hirmaanne jedhamuun komatamaa turan.

Ammas gorsaa olaaanaa tahuun hojii isaanii itti fufu. Tilmaamni deeggarsaa filannoon duraa akka agarsiisutti Tiraamp morkataa isaanii Joo Baayidaniin kan morkachiisu deeggarsa gahaa argataa jiru.

Tiraamp Feesbuukii irratti akka himanitti Biraad Paaskal kan yeroo dheeraaf ana waliin ture gorsaa olaanaa duula filannoo tahuun itti fufa.

Paaskal erga tibbana duulli filannoo pirezidaantummaa Tulsaa keessatti osoo hin milkaa’iin hafee gara cinaatti of baasaniiru.

Intalli Tiraampi Ivaankaa Tiraampii fi abbaan warraa ishee Yaared Kuushiner, lamaanuu gorsitoota Waayit Haawus tahuun kan tajaajilan duula Tulsaa hin milkaa’iin hafeef Paaskaliin komataniiru.

Paaskal duulicha irratti argamuuf namootni miliyoona tokkoo ol galmaa’aniiru jedhee himaa turus guyyicha namni bahee 6,200 gadi akka tahe himama.

Sababni namni osoo hin bahiin hafe fincila gaggeeffamaa tureen, daandiin cufamuufi miidiyaalee komatan.

Paaskal hogganaa duula filannoo dhufuu tahuun bara 2018 irra deebiin muudamee ture.

Miidiyaan michuu BBC tahe CBS filannoo bara 2016 irrattis Paaskal osoo hojiirra jiruu poostaa sagalee itti kennu argachuu dhabuun sagalee osoo hin kenniin hafeera.

Tiraamp hogganaan duula filannoo amma haaraa muudan nama arfaffaa tahuu isaaniiti.

Ameerikaan Sadaasa dhufu filannoo pirezidaantummaa gaggeessiti. Joo Baayiden morkataa cimaa tahuun akka Tiraampiin qoran himamaa jira.