Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barreeffamni 'boombiin jira' jedhu xiyyaara keessatti argame akka kuphatu dirqisiise
Xiyyaarri balali'aa ture barreeffamni boombiin akka jiru ibsu tokko erga mana fincaanii xiyyaarichaa keessatti argamee balalii isaa addaan kutee kuphachuuf dirqameera.
Xiyyaarri Raayinaheeyir osoo Kiraawuu Debliin irra balali'aa jiruu ture kan kuphachuuf dirqame.
Xiyyaarri Raayinaheeyir balali'uu addaan kutee kuphachuudhaaf kan dirqame buufata xiyyaaraa Eeseksi Istaansiteed keessatti argamu keessa ture.
Poolisoonnis erga xiyyaarichi kuphateen booda sirriitti sakatta'iinsa taasisuu isaanii ibsameera.
Xiyyaarri kun yeroo kuphetettis jeettiiwwan humna waraanaa lama gaggeessaa akka turan namoonni ijaan argan ragaa bahaniiru.
Dubbi Himaan Daandii Qilleensaa Raayinaheeyir yeroo haala xiyyaarichi itti kuphate ibsan akka jedhan: "Xiyyaarichi nagumaan kuphate. Haata'u malee, imlatoonni osoo hin bu'iin dura achi fagaatee bakka nageenyi isaa eegamaa ta'e akka dhaabbatu taasifamee ture."
Tiwiitera irrattis yeroo xiyyaarri Raayinaheeyir kun jeettiiwwan humna waraanaa lamaan gaggeeffamee kuphatutti suurawwan agarsiisan qoqqoodamaniiru.
Yeroo xiyyaarichi kuphatu kan ilaalaa ture Kiirbii Keheesiiksi akka jedhetti, "Loltoonni Awurooppaa Buufata Xiyyaaraa Istaanisteed irra kan marsaa jiran fakkaata ture."
Dubbi Himaan Daandii Qilleensaa Raayinaheeyir gama isaaniitiin, " Xiyyaarichiifi imaltoonni sakkatta'amaniiru, Poolisiin Yunaayitid Kingidam ammoo yoom akka gara Debliinitti balali'uu danda'an murteessa," jechuun ibsa kennan keessatti dubbataniiru.
"Debliin gara Kiraakoowutti imaltoota deemuuf eeggachaa turan akka hin barfanneef jecha akka gara xiyyaara birootti darban taasiseera."
Poolisiin Eeseksiis ammoo: "Imaltonni hundinuu nagumaan xiyyaaricharraa bu'aniiru. Xiyyaarichi ammoo Istaanisted irraa bakka achi bahee jiru akka turu taasifama. Nuti ammoo qorannoo keenya itti fufina," jedhan.