Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin qilleensaan darbuu akka danda'u amane

A woman sits in a bench while walking her dogs in Mexico City

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n koronaavaayirasiin paartikiloota xixiqoo qiileensa keessa faca'aniitiin kan darbu ta'u ragaan jiraachuu amane.

Tatamsa'innii vaayirasichaa bakka namoonni itti walitti baayyatan, walitti siqanii jiran ykn haala gahaa ta'een qilleensa hin qabnee keessatti jiraachuu akka danda'u qondaalli dhaabbatichaa himan.

Kun mirkanoofnaan qajeelfamoonni mana keessatti koronaavaayirasii ittisuudhaaf bahan kan jijjiiraman ta'u.

Xalayaan qorattoota 200 oliin barraa'ee tokkoos tatamsa'ina vaayirasichaa qilleensa keessaa tuffachu isaatiif WHOn himataniiru.

Hanga ammaattis dhaabbatichi vaayirasichi kan darbu karaa ancufaa wayita namoonni qufa'an ykn haxxifatan qiilleensa keessa faca'uutiin jechaa ture.

''Ragaa jiru akka fudhatan barbaadna,'' jedhu Yunvarsitii Koloraadaatti qorataa Kemistirii kan ta'aniifi xalayaa WHOtti barraa'e kan mallatteessan Joose Jimeeneez.

''Kun gonkumaa haleellaa WHO irratti taasifamu miti. Kun marii saayinsiitti, garuu ammoo marii hedduu waliin taasifnulleen ragaa kana fudhachuu waan didaniif ummatatti beeksiisu barbaadne,'' jedheera.

Qondaaltoonni WHO garuu ragaan kun kan jalqabaa waan ta'eef qorannoodhaa deegaramuu qabaata jechaa jiru.

Benedettaa Allegranzii, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoogganaan teekinika ittisaafi to'annoo dhukkuboota daddarboo, koronaavaayirasii karaa walitti maxxanuutiin, ummata walitti baayyateefi lafa qilleensi hin gallee keessatti darbuu danda'a jedhamu waanuma amanamu danda'udha jedhaniiru.

Haata'u malee, ragaan kun haalaan qoratamuu qabas jedhaniiru. Dhugaa ta'ee argamnaan ammoo ittisa Covid-19 amma hojiirraa olfamaa jiran irratti jijjirama taasisuun kan barbaachisu ta'us kaasaniiru.

Ragaan ammaa kun dhugaa ta'ee argamnaan maaskii sirriitti kaawwachuufi keessattuu eddoowwan akka mana dhugaatii, resitoraantiifi bakkeewwan geejiba ummataatti faageenya qaamaa eeggachuun haalaan cimfamee hojiirra oolfamuu kan barbaachisu ta'uu himan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa