Koronaavaayiras: Delhii keessatti qorichoonni Covid-19 karaa seeraan alaa gabaarra oolaa jiru

Qoricha

Madda suuraa, HETERO

Qorichoonni dhukkubsattoota Covid-19 lubbuu baraaru jedhaman remdeziviir fi tookilizumaab Indiyaa keessatti karaa seeraan alaa gabaarra ooluun gatii miyaa ta'een gurguramaa jiraachuu qorannoon BBCn taasise mul'iseera.

Abbaan Abhiinaav Saarmaa wayita hoospitaala Deelhii tokkotti simataman qaamni akka malee ho'ee harganuus rakkachaa turan.

Koroonaavaayirasii qabdu jedhamee dooktaroonni maatiin isaanii remdeziviir akka bitaniif ajajaman. Qorichi kun Indiyaatti dooktarootaan wal'aansa tasaaf akka ajajamu raggaasifameera.

Haata'u malee, qoricha kana eessaayyu argachuun waan hin yaadamne ta'e. Remdeziviir gabaarra hin jiru.

Akkuma yeroon dabalaa deemuun fayyummaan eesumasaa kan isa yaaddesse Obbo Shaarmaan namoota hedduu biratti bilbiluun maaloo qorsa kana naaf barbaadaa jechuutti ka'e.

''Ijjikoo imimmaaniin guutamee ture. Eessumnikoo lubbuu isaaf wallaansoo qabaa ture, animmoo qorsa tarii lubbuusaa oolchuu danda'u argachuuf xaaraan ture,'' jedhe.

''Bakka hedduu ergan bilbilee booda qoricha kana gatii dachaa torba ta'uun bite. Gatii kamiyyuu kaffaluuf fedhiin qaba ture. Namoota kaffaluu hin dandeenyeef garuu na gadda,'' itti dabaluun hime.

Seenaan Obbo Shaarmaa maatii Delhii jiran hedduu waliin wal-fakkaata. Nama jaalatan oolchuuf gatii kamiyyuu kaffaluuf warra qophaa'e.

Gariin isaanii gatii akka malee ol ka'een gabaa qorichaa Delhii dulloomtuu keessa jiru keessaa bituuf dirqamuu himu.

Qoricha

Madda suuraa, Reuters

BBC'n warreen gabaa qorichaa sana keessa hojjetaniifi gatii sirrii ta'een isiniif arguu dandeenya jedhaniin walitti dhufee ture.

''Qoricha ija sadii siif arguu nan danda'a, tokkoon tokkoon isaa garuu ruuppii 30,000 ($401) si kaffalchiisa, ammuma dhufuus qabda,'' jedhe namni tokko, kan ''gabaa qorichaa'' keessa akka hojjetu dubbatu.

Gatiin qoricha kana gabaa sirrii irraa bitatan ruuppii 5,400 dha, dhukkubsattoonni ammoo doozii 5-6 barbaadu. Namni kan biraan ammoo ruuppii 38,000 akka gaafatu dubbate.

Fedhiin remdeziviir kan dabale erga mallattoowwan Covid-19 guyyoota 14 irraa 11'tti xiqqeessuun isaa laaboraatooriiwwan idil-addunyaa keessatti erga mirkanaa'ee boodadha.

Qorsi kun lubbuu oolchaa ta'ee miti, garuu bakka dawaan mirkanaa'e biraa hin jirretti Delhii dabalatee magaalota Indiyaa garagaraa keessatti dooktarootaan ajajamuu isaatu fedhiisaa akka malee ol-kaase.

Gariin isaanii qoricha kana bitachuun lubbuu namoota jaalatanii oolfachuuf, waan jireenya isaanii guutuu qusatan kaffaluuf dirqamuu isaanii BBC'n hubateera.

Sababni guddaa kan fakkaatu ammoo dhiyeessiifi fedhiin wal-simuu dhabuu isaati.

Dhaabbata Indiyaa qoricha omishu

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni US Jiiliid Saayinsis jedhamu kan dawaa kana 2015'tti Iboolaa wal'aanuuf omishe warshaaleen qorichaa Indiyaa afur, Siiplaa, Juubilaanti Laayif, Heetroo Diraagsi fi Mayilan jedhaman akka omishaniif hayyama laateera.

Haata'u malee amma yoonaa Heetroo qofatu omishuutti jira.

Dhaabbanni kun doozii 20,000 omishuun naannolee shaniif raabsuu himuun, akkamiin gara gabaa gurraachaatti akka ''miliqe'' hin beeku jedhe.

''Nuti raabsitoota keenyatti hin kennine, akka ajajamnetti hospitaalotatti kallattiidhaan kennine,'' pirezidantiin I/A Heetroo Saandiip Shaastirii dubbatu.

Fedhii qoricha kanaa guutuuf hojjechaa bakka jiranitti gabaa gurraachaa keessa galuunsaa hamilee kan buusu ta'uu dabaluun dubbatani.

''Miidhama maatiiwwan sanaa ni hubanna. Qorichicha akka adamsaniif itti himamuu hin qabu ture. Omisha qoricha kanaa guyyoota muraasa keessatti guddisnee haalli kun akka fooyya'u ofitti ni amanna.

Warri qoricha gurguranis dawaa kana akka of-harkaa hin qabne dubbatu.

''Dubartiin tokko kaleessa galgala Hayidaraabaadirraa natti bilbilte. Abbaan ishee hoospitaala Deelhii tokko keessa jiru. Dawaa kana argachuuf qarshii haga fedhe akka kaffaltu natti himte. Garuu wantin gochuu danda'u tokkollee hin turre,'' jedhe pirezidantiin waldaa ogeessota qorichaa naannoo Delhii jiru Raajiiv Tiyaagii.

Maarree, qorichi kun akkamiin gabaa qorichaa Delhii dolloomtuu keessa galaa jira?

Dooktarootaafi namoota biroo

Madda suuraa, Getty Images

Raajiiv Siingihaal, barreessaan waliigalaa waldaa ogeessota qorichaa Indiyaa, dukkaanni qorichaa kamiyyuu hin qabu jedhee haala.

''Miseensonni keenya kamiyyuu waan akkasiitti akka hin hirmaanne nan beeka.

Kuni balaa nageenya biyyaalessaa irratti danqamedha, kanaafuu namni kamiyyuu hanna qoricha lubbuu hambisu kanaa keessatti argamnaan tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ergaa ifa ta'e dabarsuun fedha,''

Dubbichi garuu remdeziviir irratti kan dhaabbatu hin fakkaatu. Gatiin qoricha lubbuu hambisu biraa tookilizumaab jedhamuus ol ka'aa deeme.

Qorichi maqaa Akteemraa jedhamuun gurguramu kun namoota akka malee dhukkubsataniif kennamee jijjiirama akka fidu barameera. Ogeessonni qorannoon dabalataa irratti geggeeffamuu akka qabu amanu, garuu hoospitaalonni hedduun firii gaarii arguu gabaasani.