Haacaaluu Hundeessaa: 'Hiriyaakoo, gootichi rasaasaan ajjeefame'

Ajjeechaan weellisaa jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa Itoophiyaatti jeequmsa guddaa kaasuun lubbuun namoota 160 olii darbeera

Haacaaluun irra caalaa waa’ee tokkummaafi jaalalaa weellisuun beekama. Dabalataan sirboota quuqama saba isaa Oromoo ibsan weellisuun jaalatamummaa guddaa horateera.

Ogeessi Kaameeraa BBC Amansiisaa Ifaa hiriyaa Haacaaluu kan taheefi sirba isaa badhaasa mo’achuu danda’e waraabeefi hojjateef erga du’aatii isaa dhagahee maal akka yaadaa tureefi haala guyyaa sanaa dubbateera.

'Takka takka yeroon du’a Haacaaluu yaadu osoo inni jiraatee ani du’era tahen' jedha.

Inni namoota hedduuf gootadha, uummata isaaf waan baay’ee buusa.

Yeroo hundumaa saba isaaf qabsaa’a, yeroo namootni siyaasaa, rogeeyyiin fi artistootni biyyaa baqatanii bahan Haacaaluun biyyuma tureeti dhimma namootni hedduun lafaa hin kaasne kaasuun falmaa kan ture.

Ajjeechaan Haacaaluu Hundeesaa, mootiin sirboota qabsoo Oromoo fi wallisaan dargaggeessa Oromoo beekamaaan guyyaa Wiixataa raawwatamee leeliftootaafi jaalattoota isaatiin dheekkamsa kaaseera.

Tibba murmii naannoo Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetti taasifamee wal qabatees, namoonni 80 ol ta'an ajjeefamuutuu himama..

Haacaaluun yeroo baayyee waa'ee jaalalaafii tokkummaa kan sirbu yoo ta'u, sirboonni isaa kaan ammoo waa'ee dhiibbaa ummata Oromoo irra gahuu ni kaasu.

Amansiisaa Viidiyoo Hacaaluu waliin waraabee badhaasa akka mo'aatee ture hima.

Oggeessi kaameeraa BBC Amansiisaa Ifaa, hirriyaa Haacaaluu kan bara dheeraa guyyaa Haacaluun itti ajjeefamee kaasee waan ture yaadata.

Waa'ee du'a HAaaluu wayitan yaadadhuu, maaliif inni hafe ani hinduu'iin laata jedhaan yaada.

Sababiinsaas Haacaaluun goota namoota hedduutti. Kanaafuu waan hedduu ummataa isatiif gumaachu qaba ture.

Yeroo hunda ummata isaatiin qabsaa'aa ture. Keessattu tibba artistoonni. roogeeyyiifi namoonni siyaasaa hedduun biyyaa baqatan sanattilleen Haacaaluun dhimmoota eenyuunuu kaasuu inbarbaaden kaasaa ture.

‘Haacaaluun hospitaala galeera'

Gaafa Wiixataa halkan sa’a 4:00 booda hiriyyootni koo baay’een naaf bilbilaa turan, kaan ammoo ergaa gabaabaa naaf barreessuun Haacaaluun maal tahe na jechaa turan

Namni tokkollee yeroo sana du’eera naan jedhe hin jiru. Garuu akka waa taheeru ifaa ture.

Hirriyoota keenya kan biraatiif bilbiluun yaalee, garuu eenyumtu bilbilasaanii hinkaasan. Booda garuu Haacaaluun hospitaala galeera jechuun ergaan barreeffamaa na qaqabee.

Booda keessa ammoo hirriyyaa kiyya reeffa Haacaaluu bira dhaabbatee bo'aa tureef argadhe. Hacaaluun galaafatameera.

Kanumaan konkolaataa koo qabadheen gara hospitaalichaatti qajeele. Karaa gaheen hiriyaa koo tokkoof yoon bilbilu gaddaan guutamee reeffa isaa cinaa akka dhaabataa jiru natti hime. 'Haacaaluun rasaasaan rukutamee du’eera'

Yeroon hospitaala bakka inni geeffame gahu nama baay’een achii iyyaa bohaa jira.

Namni tokko uffata irraa fuudhee yoo ilaalu laphee isaa irra rasaasaan kan dhahame kan fakkaatu madaan arge. Poolioonni fi hiriyoonni keenya baay’een achi jiru.

Maqaa isaa waameen iyyee boo’aa ture. Namni hundinuu ni iyya, ni boo’u. ‘’Kun dhugaadha jettanii natti hin himiinaa’’ Jechaama iyyaa boo’aa turre.

Sana booda reeffi Haacaaluu qorannoodhaaf gara hospitaala gara biraatti geeffame. Nuyi anbulaansii reffa isaa fuutee deemte duukaa buune.

Halkan guutuu achi turre. Gara barii sa’a 10: gara alaatti yoo baanu naannoo hospitaalichaa namni guuteera.

Hundinuu boo’aa achi ture. Erga biiftuun baatee reeffa isaa fuunee gara Amboo bakka dhaloota isaatti qajeelle.

'Haacaaluun goota keenya'

Akkuma reeffa isaa gaggeessuuf qajeelleen jeequmsa hedduu argaan ture. Dhukaasnis ture. Poolisoonni gaazii imimmaanessituu dhukaasanii ture.

Buraayyuu gara km15 erga deemnee namoota kumaatama miillaa fi konkolaataan gadda isaanii ibsachuu dhufan waliin walitti dhufne. Gadda guddaa keessa turan. Oromiyaa bakka garaagaraa irraa halkan deemaa bulanii kan dhufan hedduudha.

Sirni awwaalcha isaas magaalaa Finfinneetti akka raawwatu gaafataa turan.

Konkolaataa koo keessa taa’ee ‘Haacaaluun goota keenya. Sirni awwaalchaa gootaaf malu magaalaa Finfinneetti tahuufii qaba’ kan jedhun dhagahaa ture.

Sirni gaggeessaa jalqabne achumatti dhaabbate. Booda imala gara magaalaa Finfinneetti duubatti deebinee jalqabne.

Sana booda mootummaan akkaataa fedha maatii isaatti magaalaa Ambootti awwaalamuu qaba waan jedheef reeffi isaa helikopteraan gara magaalaa Ambootti geeffame.

Gaafa Kamisaa sirna awwaalchaa isaaf daandiin waan cufameef Amboo deemuu hin dandeenye. Karaa foddaa televizhiniin hordofaa ture. Anaaf yeroo ulfaataa ture. Namootni baay’een awwalcha isaa irratti argamuu barbaadan akka hin argamne hubadheera.

Gaggeessaa xumuraa taasisuufiif isa waliin deemuu barbaadaan ture.

Akka aadaa keenyaatti awwaalchi namuma qarattiiyyuu nama xiqqoodhaan hin raawwatu. Kan goota akkasii dhiisiiti.

Yeroon kana daawwataa ture baay’ee gaddaan ture. Haadhakoo imimmaan osoo narra yaa’uu waameen ‘’har’a du’uun barbaadan’’ jedhe. Isheenis boo’aa turte. Ergasii hanga ammaatti boo’aan jira. Yeroo namootni na gaafatanis miiruma gaddaa fi bo’ichaa keessan jira.

'Ammayyuu du’a isaa amanaa hin jiru'

Gaafa Kamisaa inni awwaalamu hiriyaa isaa waa mudachuu dhagaheen lakkoofsa bilbilaa Haacaaluu irratti bilbilaan ture. Waan uumame isa waliin haasa’uuf.

Torban tokko ajjeefamuu isaan dura bilbilaan waliin haasa’een ture. Sirba haaraa akka hojjechaa jiru natti himee ture. Akkan irratti hirmaadhus natti hime. ‘’Eessa jirta?’’ kan jedhu.

Sirbootni Haacaaluu siyaasa irratti qofa kan dhaabatan miti. Aadaa, eenyummaa, mirga namoomaa fi jaalalas of keessaa qabu.

Waa’ee gaffiif deebii OMN irratti taasisee ejjenno siyaasaa isaa irratti dubbatee irrattis waliin haasa’uuf barbaadaan ture.

Miidiyaa sana irratti waa’ee saba bal’aa Oromoo gama dinagdee fi siyaasaan dhiibamee haasa’ee ture.

Namootni mootummaa amma biyya bulchaa jiru irraa maallaqa fudhateera jechuun dubbataa turan.

Akkas jedhe, Eenyu iyyuu na bituu hin danda’u.’’

Finfinnee keessatti namoota baay’ee yaada isaatti walii hin galle waliin wal dhabaa ture.

Haa tahu malee lubbuu isaaf hin sodaanne ture. Yeroo baay’ee akkas jedha ture.

Namni saba isaaf du’u gootadha jedha ture.

‘’Ani nama kaan irraa adda miti,’’ jedhee yeroo tokko natti hime. ‘’Guyyaa tokko du’uu nan danda’a garuu du’a hin sodaadhu’’ jedha ture.